Tuesday, August 28, 2007

JAALALA BILISUMMAA HIRAAR GABRUMMAA

JAALALA BILISUMMAA HIRAAR GABRUMMAA

Hiraar gabrummaan sammuun na dhiphatee
Jaalala bilisummaan onneen na rarraatee
Jaalallee dhabeeti qaamni koo cinqamaa
Isii kan argadhu eegaa mee yoomumaa?
Guyyaa gad hin taa'uu halkan yoomin ciisaa
Isii argachuudhaaf abjuun na kaachisaa
Gochaan isii martinuu hirriibaa na kaasaa
Ani boojuu isiitii harka isiitin jiraa
Mee mala naaf dhawaa maal wayya yaa firaa?
Hamman jaalallee koo harkatti gonfadhutti
Jaalala isiirraa hamman wayyaa'utti
Jaalala isii dhugee hamman dheebuu ba'utti
Mi'aa jaalala isii hamman dhandhamutti,
Jooruu koo hin dhiisu halkanii fi guyyaa
Fala biraa hin qabuu maaluma naaf wayyaa?
Haalaa fi amala isiin onneen booji'amee
Qaamaa fi qalbiin koo gabrummaan golgamee
Ani cinqamaadha ja'ee osuman if boonsuu
Harka hin laadhuun osoon if jajjabeessuu
Rasaasni ija isii yeroo na mil'atu,
Harkatti na galfatte goonni goota caaltu.
Jaalala kee baadhee yooman alaa gala
Hangan si argadhutti numan alaanalaa
Jaalallee koo si argachuuf daggalattan galaa
Hammasittuu garuu yooman rafee bulaa?
Guyyaa si yaadadhee maqaa kee yoon kaasu
Halkanis dadhabee yeroon gadi ciisu
Harka kee hafarsaa " Jaala koo" naan jattaa
Abjuun natti dhufteet hirribaa na kaaftaa
Anis si simachuuf harka koon bal'isaa
Garuu ati hin jirtuu ani kophaan ciisa.
San boodas waan rafuu dagaleen lakkaa'aa
Waa'ee kee osoon yaaduu lafti naaf bari'a.
Jaalallee too boontuu tan hundinuu faarsu
Isii argachuudhaaf lubbuu ifiituu dabarsuu
Yeroon isii argadhe tanin ifiin boonsu
Yaa Jaalallee too koottu bilisummaa
Maqaa keetin faarsa galgalaa ganamaa
Halaala taa'ee sumaafin cinqamaa
Yaabo mee naaf himi wal argaan yoomumaa?
Yaabo mee naaf himi wal argaan yoomumaa?

Saturday, July 28, 2007

HAYAA TAATE ARRAAF GARUU...




Hayaa taate arraaf garuu…
Numan taha akka namaa boru
Tunis ni dabartii yaadee hin hiraaruu
Taanis ittin dhufa umriidhaan haa waaru.

Biyyarraa bahee waan hedduun agaree
Mi’aa biyya ifiis ammaan tanan baree
Akka fedhii buluu hunda bira taree
Garaa guuttachuunuu baay’ee na darare.

Garaan kanin qullaa obsee ciniinnadhee
Balaa fi rakkoo dhufte usee ba’adhee
Waan beeku wallaalee kaayyoo koo dagadhee
Rakkoof jilbiifadhee mataa gad qabadhee
Warren akka qaban argee dhaaddadhee
Tan boruu abdadheen garaa sossobadhe

Wanni namaa duruu tan namaatii
Hangam calaqqiftus hin taatu teetii
Jiruu jiraanneen biyyuma ifiitii
Qalbiin si gammaddee sammuun rahaa gooti.

Biyyaa kan na oofe if tahee mul’achuu
Tan namaatis dhufnaan dadhabe sabachuu
Qalbiidhaan hiramee sodaadhaan dhaamochuu
Eenyummaa koo dhiisee aadaa koo dagachuu
Rakkoo lammadaatti harka kiyya laachuu.

Akkaa gara dhabeen baqadhe biyyarraa
Biyya namaa dhufeen tahe garam-gorraa
Hunda dura dhaabbachuun hulaa namaatirra
Kan qabu dhaba kiyyaaf fuula natti guuraa
Irkoof dagalee hin qabuu waaqayyoo guuti narraa.
________________________  
                   Najiib Zannuun

AADAA

WALALOO SHAGGOOYYEE By N.Z

Keenya haro maaya gubbaa ganda qoree
Jaalala tee hamtuu rabbumaat na rare.

Carcar keessa jiraa odaan seenaa qabuu
Lameen wal jaalate turus wal hin dhabu

Bishaan haro maayaa rabbumaa gogooysee
Silaa sirraa hin hafu hiree na hambise.

Afaan amaaraatiin qanqalloon sillichaa
Kan jaalatan malee kan jibban jinnicha.

Bishaan lubbuu tahu yoo dheebotte beeytaa
Nama si jaalatus yoo rakkatte beeytaa.

Baalli yoo goggoge ifiif lafa bu’aa
Hangam wal jaalatus eenyuu wajjiin du’a.

Namni yoo rakkate rabbi isa yaadataa
Boochee nan boochisin lakkii na lakkiftaa.

Biyya faranjiidhaa xayyaaraan dhaqanii
Gantuu meeqan arkaa sin amanu ani.

Gurri hula hin qabu waa hunda dhagayaa
Miskiinummaa tiyya naan gaddin hiriyaa.

Afrikaa na dhiistee Ameerikaa galtee
Rabbittin si dhiise narra yoo jaalatte .

Qopheessaan; Najiib Zanuun
marsimoonaa@hotmail.com

LEENCAA FI QEERRANSA

LEENCAA FI QEERRANSA
 
QER=Yaa Leenca bosonaa
koottu mee wal-mari’annaa
Malaaf marii keenya wal agarsiifannaa.
LEN= Dhuga baanta yaa Qeerransa
Koottu qeerroo gaara keessaa
Anaa fi siitu obboleessaa
Jalaa didi waraabeessaa.
QER= Dhugaa keeti naaf si jidduu lixee
Numa lamaan waliin fixee
Booroo keenya keessa lixee
Waarraaf maatii keenya nyaatee fixee.
LEN= Yaa Qeerransa, lamuu hin nyaatu maatii keenyaa
Waraabeesi diina keenyaa
Waliin qabneet muka keenya.
QER=koottu yaa leencoo bokisaa
Anaatu siif duraan marsaa
Akka hin baane sanyiin isaa
LEN= Waraabeesa yaa fareessa
sumaatu nyaatee ilmaan qerransaa
Amman lafee Si caccabsaa
Sanyii kan kee si balleessaa.
QER= Marsi leencoo akka hin baanee
kunoo dheefa cehaa afaan baanee
Albaati facaasaa hudduu isaa addaan banee
LEN= Hayaa dhufee gaaraa bu'ee
Daggala keessa sosochoo'ee
Daadee kootis waliin dhahee.
QER= Dafii kottu dura tarii
Shawaa fi Wallaggaatti gorii
Harargeerras marmaarii
LEN= Dhufaan jiraa ariifadhee
Lammii kootis dabaladhee
"Eessa jira" jadhee
Waraabeessa iyyaafadhee
Ammaa nyaadha lafee isaa caccabsadhee.
QER= Yaa waraabeesa abbaa garaa
Sitti dhufee Leenci maal siif malaa ?
Essaan baata? Leenci sitti cufee hulaa
Waaqa hin kortuu dachi lixxee hin baatu jalaa.
 
LEN= dhaabadhu ! Waraabo hin baatu boolattii
Sitti walmari’atee lammiin Qerransaatii
Gurmuu dabalatee kan akka kiyyaatii 
Salpina keettu gahe guyyaa xumuraati.
QER= Yaa jeedalloo Kan dhaqxuu eessaa?
Jala ceetuu waraabeessaa
Dhaamsan qabaa nadhageesaa?
Dhufee leenci sitti bookkisaa
Qabee lafee si caccabsaa
Banii seeni dura hudduu waraabeessaa.
LEN= Yaa jeedalloo akkam taataa?
Qeeroon daadee siif qarataa
Hanga yoom waraabeessa jala ceetaa?
Jalaa hin hafin waraabeessa wajiin dutaa
Qabrii takkatti awwaalamtaa.
QER= Yaa Leenca bokkisii
Daggala sochoosii
Dheefa Cehan jeedalloof waraabeessii
Qabii akka hin bane mar’imaan faffacaasi
Qabii akka hin baane mar’imaan tarsaasii
Olaantummaa gonfadhuu eenyuummaa kee itti agarsiisi.
Walaleeysaan: - Najiib Zannuun
Bara 2003 Magaalaa Baddeessaa