Hayaa taate arraaf garuu…
Numan taha akka namaa boru
Tunis ni dabartii yaadee hin hiraaruu
Taanis ittin dhufa umriidhaan haa waaru.
Biyyarraa bahee waan hedduun agaree
Mi’aa biyya ifiis ammaan tanan baree
Akka fedhii buluu hunda bira taree
Garaa guuttachuunuu baay’ee na darare.
Garaan kanin qullaa obsee ciniinnadhee
Balaa fi rakkoo dhufte usee ba’adhee
Waan beeku wallaalee kaayyoo koo dagadhee
Rakkoof jilbiifadhee mataa gad qabadhee
Warren akka qaban argee dhaaddadhee
Tan boruu abdadheen garaa sossobadhe
Wanni namaa duruu tan namaatii
Hangam calaqqiftus hin taatu teetii
Jiruu jiraanneen biyyuma ifiitii
Qalbiin si gammaddee sammuun rahaa gooti.
Biyyaa kan na oofe if tahee mul’achuu
Tan namaatis dhufnaan dadhabe sabachuu
Qalbiidhaan hiramee sodaadhaan dhaamochuu
Eenyummaa koo dhiisee aadaa koo dagachuu
Rakkoo lammadaatti harka kiyya laachuu.
Akkaa gara dhabeen baqadhe biyyarraa
Biyya namaa dhufeen tahe garam-gorraa
Hunda dura dhaabbachuun hulaa namaatirra
Kan qabu dhaba kiyyaaf fuula natti guuraa
Irkoof dagalee hin qabuu waaqayyoo guuti narraa.
________________________