Monday, August 9, 2010

Xabaa kubbaa miillaa..


           Xaba kubbaa miillaa.. 

Xaba kubbaa miillaa ..kan yeroo jabanaaa 
Gurmuudhaan xabatuu..walin hinjifatu! 
Bu’aa waliigalaa..sochii hundumaatii.. 
Kan isaa karra eguu moorsaa ittisuu 
Kan gidduu miliqsuu ..hiriyaaf dabarsuu.. 
Naannoo dirree halgaatti kan kubbaa mirmirsuu.. 
Bu’aa hundumaatii ..sochii  waliigalaa…. 

Xabni kubbaa miillaa!!! 

Xabaa iddoo maleeMilla wal-sakaalee.. 
Keessatti as rukuta  garasaa wallallee 
Dirree firaa gubbaatti waliisaa wal mormaa.. 
Eenyyuun hin jifachuuf walii waldorgomaa?! 
Akkanaan hintaatu mo’ichi hin jirtu 
Ammam carraqxullee geeba hin fudhattu! 
Qofaa ofii fiiguun dafqa xuruursanii 
Xabataa michuu ofii ofduubatti dhiisanii!… 
Achii as rukutuun  kubba konkolaattuu 
Injifannoo hin taatu!!!  


Gamanaa gamasii ijaan walilaaluun .. 
Utuu hindubbatiin haalaan waliigaluun.. 
Akka qaama tokkootti wal duukaa socho’uun.. 
Jabeenya nyaapha ofii sirriitti madaaluun 
Qaawwaa saaqqatanii keessa itti olseenuun 
Akka hinmo’amnetti cufanii  xabachuun 
Yeros dandaa’amaa  geebaf of-qopheessuun! 
Seerri injifannoo erga akkas ta’ee.. 
Mo’uudhaan fudhachuun geeba isa qophaa’ee.. 
Akeeki inni  guddaan erga lafa taa’ee 
Kubbaa achi dhiitaa  ofirraa fagaeessaa 
walli wal ilaalaa wal waliif dabarsaa 
tokko yodogoggores dafaa wal sirreessaa 
Keessa hin oliina dogoggora kaleessaa! 
Fulduratti adeemaa gamatti qaxxamursaa! 

Geeba nudhungachiisaa!! 

             QOPHEESSAAN
                       ADDISUU ADDUNYAA