Sabboontoota
Oborraa,Baabbilee-Dagaa fi Alaa
Ramaddiin
isaanii Afran Qalloo jalaa
Mee
xiqqon dubbadhaa hundi keessan laalaa.
Aartii
Oromoodhaaf tan bu’ura taate
Waggaa
shantam dura gaafas tan hundooyte
Artistoota
jabaa akkaan nuuf oomishte
Shabboo
fi Birra; Qophes dabalatee
Abubakariif
Shantam si keessaan dhalatee
Arra
isaanumaan Oromoon dhaaddate.
Gootummaa
isaanii garsiisuun ifatti
Miidhaa
sabaatiif laalatuun sirritti
Diinatti
duulan sodaadhaan maletti
Meeqaantam
dammeeysuun hiriirsan qabsotti
Dhugaan
Afran Qalloo madda hayyootaati.
Duree
qabsoo ilmaan Oromootaa
Hundee
fi burqaa gootootaa
Madda
beeytootaa fi sabboontootaa
Kanaaf
Oromoonni isiniin dhaaddata.
Murna
beekaa guddaa kan Bakrii Saphaloo
Wirtuu
dammaqinaa ilmaan Afran Qalloo
Seenaadhaan
qulqulluu hin qaban hammeenya
Itti
wareegaman qabsoo saba keenyaa
Isaaniin
boonnee nuuf tahan fakkeenya.
Kanneen
diinaan lolan didanii cunqursaa
Kan
diinatti bane jalqaba dhukaasa
Elamoo
Qilxuu kan boonse sabasaa
Jaarraa
Abbaa Gadaas maddi isaan keessaa
Seenaatu
dubbatee waa hin taatu dhooysaa
Dhugaan
Afran Qalloo qabsoof gadaameessa.
Warreen
du’aan galan addunyaa tanarraa
Kanneen
addaan saaquun nutti agarsiisan karaa
Waan
isaan gad dhaaban amma itti jirraa
Kan
du’an raahmata, kan jirtan nuuf waaraa.
Kan
gaarii dalage gaariidhaan faarfama
Kan
hamtuu hoojjates hamtuu isaat himama
Kaayyoon
Afran Qalloo jalqaba ganama
Tokkummaan
dammeeysuun Oromoo hundumaa
Hiddaan
buqqaasanii sirna gabrummaa
Harkatti
galfachuudha qabsoon bilisummaa
Kanumaafin
faarse,faarsuutu dirqama.
Isaan
faarsuun kiyya gosa qooduu mitii
Dhuguman
dubbadhee kan arge ifatti
Oromoon
Afran Qalloo madda hayyootaati!!
…………………………………………………….
Najiib Zannuun