Saturday, May 25, 2013

Dr.Sheik Mohammed-Rashaad Abdullee



Silaa addunyaan mana keenyaa mitii
Manni dhugaa kan du'a boodaati
Duuti waa hin haftu hundumatti dhufti
Arra kunoo dhabne aalimticha muftii

Namni gaariin du'u hundaatu rifataa
Garuu badaan du'u mee eenyuut mil'ata
Sheek Muhammad-rashaad utubaa ummataa
Waan hedduu nuuf godhee jazaansaa jannata.

sheeka keenya guddaa Kan uumamaan hayyuu 
Waa’ee saba keenyaaf kan dhimmamu guyyuu 
Seenaa isaa himee fixuu hin dandayuu 
Xiqquman dubbadhaa namuu haa dhagayuu 

Kan inni dhalate,kudha sagal soddomii afuritti 
Abbaan isaa Kabiir Abdullee, ilma Mummayyaati 
Haati isaa Faxumaa, intala shurraati 
Bakki dhalootaa Oromiyaa, Carcar keessatti 
Laga Arbaati magaalaa muummittii 

Barnoota jalqabaa abbarraa baratee 
Daran cimsachuudhaaf hayyama gaafatee 
Beeytoota barbaada achi tarkaanfate 
Hayyoota jajjaboo heddurraas barate 
Sheik Bakrii Saphaloo isas dabalatee 
Beekkumsa jajjabaa achirraa horate. 

Barnoota biyyatti erga bakkaan gahee 
Daran cimsatuudhaaf biyya alaa bahee, 
Hayyama gaafate abbaa bira gahee 
Innis ni eebbise addaan bahuuf nahee
Gaafa san jalqaba biyyarraa kan bahe. 

Yaman tarkaanfatuun Su’udii dhaqee
 Lubnaaniif Masrittis garasumaan maqee 
Yunivarsiitii jalqabaa barachuuf qunnamee 
Al-Azhaar keessattis akkaan jaalatamee 
PHD isaa qorannoo afaaniin  UK badhaafame. 

 Gaafa afaan keenya dukkanatti qaban, 
Yeroo dubbatanii yakkatti laalaman, 
Biyya Somaalerraa raadiyoon dhawwaaqan.
Qubee Afaan oromoon kitaabas maxxansan 
Yoomuu hin dagannu waan isaan nuuf godhan. 
Rabbiin haa kafalu jazaasaa jannataan

Waggaa meeqa guutuu itti ifaajanii 
Afaan Oromootti qur’aana hiikanii 
Sagalee qulqulluun gurra nu buusani. 
Kana qofaa miti gumaachi isaanii 
Kitaaba adda addaas hedduu maxxansanii 
Himamee waan dhumu galanni isaanii
Barayyuu yaadanna waan isaan dhiisanii
Haa qananiisu Gooytaan  jannataanii

Sheek Muhaammad Rashaad kabiir Abdullaahii 
Akkaani jaalanna dhugaan onnerraahii 
Jannata kee naqi yaa Rabbi yaa ilaahii!
Jannata kee naqi yaa Rabbi yaa ilaahii!

..........................................................................
                                     Najiib Zannuun