Sunday, April 27, 2014

DUBBADHU FINFINNEE



Dubbadhu Finfinnee maaliif nu calliftaa?
Ati tan eenyuuti sodaa maaliif ustaa?
Dubbadhu har’aa yeroon ati dubbattuu
Baaqaa fi callaa kan adda nuuf baaftu
Sagalee olfuudhi callisuun hin taatuu.

Gafarsaaf Qabbannaa,Aqaaqiif Gullallee
Kolfeef Kotobee,Birbirsaaf Boolee
Warri habashootaa sirratti wal-lolee
Dubbadhu yaa Shaggar callisuun hin mallee.

Yaa lafa seenaa haadhoo too yaa tiruu
Diinni maalumaaf sitti wal jijjiiruu?
Hanga yoom obsita,maaf callifte garuu?

Yaa lafa seenaa tan Maccaa –Tuulamaa
Handhuura Oromoo Booranaa Bareentumaa
Habashoonni maaliif lafa tantee saamaa?
Dhiiroo dubbadhu mee yeroon tantee ammaa.

“Ani tan Oromooti!” jedhii mee dubbadhu
Gootoota kee jaboo kalee san yaadadhu
Lammiin-tee si yaamtii mee jalaa owwaadhu
Amma booda gahee mataa ol qabadhu.

Warri kaabaa garayyuun si marsee
Adda si kitifee lammii-tee facaasee
Jarri naasuun qabne bar sitti roorrisee
Garuu maa callifte? Akkamiin dandeessee?

Nafxanyaan kaleessa waan meeqa si gootee
Odaa yaa’aa Gullallee;siidatti geeddartee
Seexaana gurraacha lafakeerra goote
Eegaa gaaf-sanillee hacuuccaaf calliftee
Har’a hoo maal tahuuf afaan kee qabattee?

Isaantu sit-dhufee ati ittin dheeynee
Koottaa jettees bar waa hin waammannee
Si keessat quufanii warri galatan hin beeyne,
Duuba maaf si miidhu,dubbadhu Finfinnee.

Jaarraa tokkoon dura alagoonni hin turree
Jarri ergasumaa si keessat wal guuree
Addaan si mogolee bakka meeqatti ciree
Maqaa kiristinnaan kan duraa jijjiiree
Akka fedhasaanii fuudhuun waliif hire.

Jarattiin of-qolli way sittti hambisanii
Maqaa kee dhiisanii ofiin moggaasanii
Afaan kee dhooysanii dursan kan isaanii
Tan ofii mul’isuun Aadaa-tee ukkaamsanii
Si dhabamsiisuu-dha jarri kan hedanii
Mormii mee falmadhu laaftuttin laalinii.
Dubbadhu Finfinnee nu jalaa hin didinii.


Dubbadhu akkas jedhii sabni si dhagayaa,
“An tan Oromooti,ilmaan Oromiyaa
Gabrummaan kaleessaa asirrat naaf gaya”
Akkas jedhii kunoo mirga keef falmadhu!
Si dhabamsiisuufii, Finfinnee dubbadhu!
_________________________




Monday, April 14, 2014

BAQATTOONNI SHORORKEESSITOOTAA MITI!


Ummanni Oromoo biyya isaa badhaatuu,quuftuu fi tan waan hundaan guuttamte Oromiyaa keessatti if tahee jiraachuu dadhabuun;mirga namummaa isaa mulqamee dararaa,hidhaa,tumamuu fi gidiraa adda addaa argaa jiraachuun beekkamaadha. Biyyaaf biyyoo isaa tan Oromoo bira tartee alagallee quubsitu irratti abbaa biyyummaa dhabee lubbuu isaa baasuuf erga baqachuu eegalee baroota dheeraa lakkoofsisee jira.Biyyoota ollaa garaa garaa keessattis lubbuun baqatee kolu galtummaan jireenya wabii hin qabne jiraachaa jira. Yeroo garaa garaatti biyyoota akka Kenya,Somaaliyaa,Suudan,Jibuutii fi tan biraa keessattis rakkoo deddeebi'uun irra gayaa jirtuun dararamaa,ajjeefamaa fi hidhamaa jiru.Biyya isaa irraa lubbuun biyyaa bahee biyya ambaattis kan lubbuun isaa mootummaa biyya itti baqateen qisaas tate lakkoofsa hin qabu.

Ergaramni baqattoota Oromoo irratti gahaa jiru kun kan yeroo takkaa fi lamaa osoo hin taane,irra deddeebi'uun kan godhamaa jiru.Qaamni isaaniif dhimmamus hanga arraatti waa hin argamne.Dhaabbiileen dhimma Baqattootaaf falmina jedhanis furmaanni isaan kennan tokko hin jiru.Yeroo gochaan suukanneessaan baqattoota irra gahu harka maratanii taa'uu malee isaanii dhimmamu hin agarre. Baqattoonnis carraa biraa waan hin qabneef jiruu qarree afaanii tan wabii hin qabnetti harka ifii kannatanii jiraachuu itti fufan.

Addatti garuu dhimmi baqattootaa kan biyya Keeniyaa(Kenya) kan hammaachaa deemu malee kan furmaata argatuu miti.Keeniyaan biyya baqattoonni Oromoo kumaatamaan lakkaawwamu keessatti argaman yommuu tahu;Baqattoonni Oromoo biyya san jiraatan jiruu garam-gorraa jiraachuun jiruu if jiraachisan. Garii dhoortoo namoonni biyyoota sadaffaa irraa isaaniif erganiin jiruu ifii ooffatu.Sanumaanuu nagaya argatanii jiraatanii hin beekan. Poolisii fi waraana biyyattiin saamamaa,dararamaa fi hidhamaa jiraatu.Poolisiin Keeniyaa Baqataa tokko yeroo qabu kan maallaqa qabu yoo kafale gad lakkisan.Kan hin qabne garuu kiishni isaa sakatta'amee yoo keessaa argatan fudhatanii gad lakkisu. Yoo hin qabaanne mana hidhaa geeffamuun himannaa inni irraa quba hin qabne itti banuun hidhama.Yeroo hidhaman kanneen maallaqaan bahan maallaqni isaan qaban kan dhortoo isaaniif ergamu,kan harkaa fi afaan bira hin dabarre irraa agabanii poolisii biyyattiin saamamu.

Gochaaleen akkanaa kun kan irraa addaan citu osoo hin taane kan jabaachaa deemu.Kana hunda obsanii waan godhan dhabanii jiraatu.Mootummaa biyyattii irratti yoo gochaan shororkeessitootaa tokko raawwatame;jalqaba kan isaan irratti fuulleeffatan baqattoota.Baqattoonni shororkeessitoota osoo hin taane, roorroo alagaan irratti raawwatamte tan lubbuun jiraachuu isaan kutte dheefa warra baqate.

Yeroo ammaan tanaa garuu rakkoon mootummaan Keeniyaa(kenya) baqattoota irraan gahaa jiru,kan ifaan ifatti jibbinsa baqattootaaf qaban mul'isuudha.Kan hidhamanii hidhaa jiran hanga hin qabu. Kan harka lafa jalaan mootummaa biyya irraa baqataniif dabarfamee kannames hedduudha.Kanneen osoo hin hidhamin hafanis manaa gad bahuu dadhabanii mana keessatti beelaa fi dheebuun agabuun jiraachutti jiru.Dhaabbanni Dhimma Baqattootaa (UNHCR)maqaaf baqattootaaf haa dhaabbatuu malee gara saniin furmaanni laatame tokkolleen hin jiru.

  • Xumura irratti haalli baqattootaa kun kan daran hammaachaa kan jiru waan taheef,Oromoonni biyyoota garaa garaa keessatti argamtan yeroo callisanii laalan waan hin taneef,namuu bakka jiruu gurmuudhaan bakka imbaasii KENYA argamtuu fi qaama dhimma baqataaf falmutti akka iyyattan kabajaan isin gaafadha.Galatoomaa!
_____________________________

Wednesday, April 9, 2014

NU FURI YAA RABBI!

Gahe nuun je’i, yaa Rabbi! dadhabanne ammaa
Waggaa meeqa guutuu oliif gadi deemaa
Jiraachuu dadhabne jiruu baqattummaa
Gooytaa nurraa guuti amriin tan teetumaa.
Mana keenya dhiifnee baanee ala jirraa
Biyya namaa keessaa yaaddooynee hiraarraa
Sodaan if dhaamonna bara dhufaa dabraa
kadhaa kan kee hin dhiifne hogguu itti jirraa
Nu furi yaa Gooytee yaa mootii hundarraa.
Erga biyyaa baane takkaa hin gammannee
hiraarii fi yaaddoon takkaa hin sabannee
Mirga namummaadhaa hundaahuu mulqamnee
Nu furi yaa Rabbi! sumatti iyyannee.
Biyyi namaatilleen akka tan ifii hin taatuu
Tanuma ifiiti tan nama boonsitu
Eergaramaa jirra bara meeqa guutuu
Khaaliqni ol tahe haa furu namuutuu!
Jireenya gadadoo kan hin qabne wabii
Rakkoo hoongaa baate tan hin qabne dhaabbii
Mirga jiraachuudhaa nu dhoorgatte ambi
Bilisummaa teenyaan nu furi yaa Rabbi!
Bilisummaa teenyaan nu furi yaa Rabbi!
Biyyas numa qabnaa roorroof keessaa yaanee
Oromummaa keenyaaf jiraachuu dadhabnee
Cunqursaa diinaatiin dirqamaan baqanne.
Biyya ambaa keessatti jaboo dararamnee
Yaa Mowlaa nu furi sumatti iyyannee

________________

GARAAN NU GUBATE!




Ah …! Yaa saba koo garaan nu gubatee

Roorroon garayyuu hedduu hammaattee
Biyya teenya irraa dararaan baqatee
Irraa waa hin oolle jalas tarkaanfattee!
Yaa Rabbi ni gartaa roorroon jajjabaattee
Nu furi gooytaa koo miila nutti fuutee!

Gabroomsaa diinaatiin biyyarraa baqannee
Biyyaa fi alattis way waa qisaas taanee
Imimmaan ijarraa takkaa addan cinnee
Badiin teenya maali sa maal balleessinee???

Kales numa boonya arras booyaa jirraa
Akkuma bubbulluun haarayuma garraa
Nurraa achin-siiyxu bara dhufaa dabraa
Ati nurraa guuti yaa mootii hundarraa!
Ati nurraa guuti yaa mootii hundarraa!
________________

Najiib Zannuun

Friday, April 4, 2014

BAREEDDUU CARCAR



Yaa bareedduu Carcar qashtii intala Ituu
Jaalalti tee hogguu narraa addan cittuu
Galamso moo Baddeeysaa eeysa bakki jirtu?

Takkittii Murawwaa yaa tan Ituu Baabboo
Hedduu na dararte jaalalti tee jaboo
Iddoo jirtu himi wixirfadhee yaabo.

Waaccuu moo Darakku,Bookhee moo Balballeeytii
Miicata moo Ciro,moo kurfaa Roqaati?
Gola kee naaf himi eeysa manni keetii?

Mi’eessoof Asaboot yaa tan Odaa Jigaa
Intala Gaadullaa akhii akh tahe gaa
Daddafii naaf koottu anilleen sin eegaa.

Dhummuugaaf Machaaraa,tan Kaarra Qurquraa
Jaalala teetiitu na-tahe haraaraa
Qophaawii na eegi nin dhufa si biraa.

Qunne moo Hirnooyye,intal Bishaan Poostaa
Wal-Argi moo Kooraa, Laga Arbaa jirtaa?
Lookhoo dubra Carcar abbaa feete caalta.

Kommoonaa fi Xirroo,Doobbaa fi Masalaa
Laaftuu hin sahin dubbiin tun jaalalaa
Yaanni koo si bira, jiraadhus halaala.

Hidda dhiiga kiyyaa tan Elelleef Meettaa
Haalaaf amala keen duraanuu faarfamtaa
Hoggaan si yaadadhu na dura marmaartaa
Si dhabuu hin tahu,imalmaanaa tolta.

Nasabee Algaa,Arroojjii fi Waayyee
Timiree Gaamoo, Addaayyoo fi Baayee
Bilisee Wacaalee,Qaalluu duraan faayee
Sirraahin qabamee si argannaan fayye.

Sabboontuu lafa seenaa tan Odaa Bultumii
Jaalaltin siif qabu takkan qabdu mamii
Eeysattin si laala Carcar bakka tami?

Burqaa bareeddootaa fakkii Oromiyaa
Shamarran fayfayoo magaalaa baadiyyaa
Miidhaginni ishii fuularraa hangayaa
Dhabuu hin dandahu bar daawwitii tiyyaa

Nagayan siif hawwa bakkuma jirtutti
Sirraa haa qabu hamaa fi hamaatii
Ijji diinaa haa buruuyxu keeysatti
Barayyuu jiraadhu nu boonsita atii.
__________________________

Najiib Zannuun

ADDISU KARRAYYUU _ "NINFEEDHA" COMING SOON 2014

Wednesday, April 2, 2014

Solomon Wasia on Kenya's Crackdown of Somalia Refugees

Ethiopian sues UK for 'aiding' rights abuse


Man accuses Britain's Department of International Development, alleging its finances have abetted rights violations.

Last updated: 01 Apr 2014 19:41
Listen to this page using ReadSpeaker
Email Article
 
Print Article
 


An Ethiopian man is suing Britain's government alleging its aid money has funded human rights abuses.
The man, known only as Mr O, accuses Britain's Department for International Development (DFID) of financially supporting a "villagisation" scheme in western Ethiopia, a government-led plan to settle pastoralists in sedentary communities, according to the AFP news agency.
The case - itself funded by British legal aid - has been brought before London's High Court, but no trial date has yet been set.
"Mr. O claims he suffered severe abuse and had to flee his home," in western Ethiopia's Gambella region under the villagisation programme, his British lawyers Leigh Day said in a statement.
Under the scheme, the government plans to settle 1.5 million people across the country, which it says will improve access to key services such as education and healthcare.

Getachew Reda, the government spokesman, dismissed the allegation of abuse, saying it was "absolutely outrageous because it doesn't have any factual basis".
But Mr O claims he was forced to leave his home and move to a village with no farmland, schools or clinics before he was finally arrested and beaten by the army.
His lawyer, Rosa Curling, claimed the villagisation programme has had a "devastating and tragic impact", warning that a misuse of aid money can "devastatingly undermine the very aims it is trying to achieve".
DFID denied the charges, saying in a statement that "it is wrong to suggest that British development money is used to force people from their homes".
Britain, one of Ethiopia's largest donors, plans to spend an average of $550m per year until 2015, including direct budgetary support to the government.
About 30 percent of the Ethiopia's budget comes from donor money, crucial in one of the world's poorest countries, where the majority of the 91 million people earn less than two dollars a day, according to the World Bank.
Human Rights Watch has accused Ethiopia of forcibly displacing thousands of people under the villagisation scheme.
Source:
AFP
Email Article
 
Print Article
 
Share article
 
Send Feedback