Tuesday, September 16, 2014

JIREENYUMA

JIREENYUMA!

Takka gadoo takka oloo
Takka rakkoo takka balloo
Takka nagaa takka haaloo
Takka orraa takka hebaloo
Jireenyumaa tunis maaloo!

Kuun ni ciisa kuun ni mugaa
Kuun ni taa'aa kuun ni fiigaa
Kuun ni basha'a kuun ni baaraga
Kuun dheebotee kuun ni dhugaa
Jireenyuma kunis eegaa!

Kan facaase ni haammata
Kan dadhabe ni rakkata
Kan murate ni galfata
Kan hanqatte ni cinqata
Jireenyumaa akkam goota!

Kan beelawe ciniinnatee
Kan quufe deeqqifatee
Kan madeeyse irraanfatee
Kan illaaweef biluu taatee
Jireenyuma yoo hubatte!

Tokko bultiif alaan'alaa
Kuun galfatee wajjiin galaa
Tokko wallaale akka malaa
Kaaniif taatee if wallaalaa
Jireenyumaa maaltu fala!

Kan bolole ija hiraa
Kan baqate ala jiraa
Kan boqate way agarraa
Kan jiruutu waa agaraa
Jireenyumaa tunis baraa!

Garii qabeenya akkaan horee
Kanis yaanni mataa koree
Kan kadhate gooytaan furee
Kan hoongaawe ni hiraare
Jireenyuma kunis maarree!

Tokkoof koflaa kaaniif booyaa
Gariif calii kaaniif gooyaa
Tokkoof qilee kaaniif dooyaa
 Asiin halkan achiin guyyaa
Jireenyuma tunis hayaa!

Asiin billiqaa achiin duumeessaa
Gariif birraa kaaniif badheessaa
Kaanis deegaa kuun dureessaa
Tokko gabraa kuun bilisaa
Tan jireenyaa tuni baasa!

Tokkoof baalaa tokkoof Gaalaa
Kuun amala kuunis haalaa
Gariif dhihoo kuun halaalaa
Tun hammaattus taantu tolaa
Jiraachumaat irra caala!

Wal hin simtu wal hin qadaaddu
Wal hin taatu walii hin yaadduu
Yoo ariites hin dhaqqabduu
Si qabnaanis harkaa hin badduu
Jireenyumaatti haa ramadu!

Jireenyi kun bar ajajaa
Jiraachuudhaaf bari hoojjaa
If hin jaamsin bani ijaa
Rabbiin arjaa namaa bajjaa
Jireenyumaa tanaan ejja!

Jireenyi kun namaan maraa
Obsa malee si mararaa
Jiraachumaa irra jiraa
Sa maal ta'uudhaaf hiraarraa...?
Tan jabaatteef Waaqaa jiraa!!
________________
Najiib Zannuun
Marsimoonaa@yahoo.com

Wednesday, September 10, 2014

MURANNOON HAA KAANU!



Rooba keessa dhukkee kaasuun wahi jirtii
Sabaaf kan if kanne lubbuusaa takkittii
Goonni dirree jiraa hin riphne manattii
Kunneen 'facebook' gubbaa olola afuuftii
Gurratti hin qicannu lola interneetii
Dubbii tana dhiisaa sossoo'aa qabsotti!

Goota numa garree goottan goota caaluu
Kan duratti bahee diinasaa haleelu,
Oromummaa dhugaan kanneen lubbuu dhabe
Yoom deeraa keessaa afaaniin lallabee?

Jajjaboo sabaa gootoowwan Aanolee
Ilmaan Murti Guutoo kanneen guyyaa kalee
Dura dhaabbachuun warreen diinaan lole
Diina girgireeysan sodaaf garan-gallee
Gootummaa isaanii arra ni wallaallee?

Ka'aa wal kakaasaa qabsoon 'facebook' dharaa
Lubbuu teenya sabaaf kennuu nurra jiraa
Fakkeenya goradhu akka Waaqoof Jaarraa
Dhugaadhaan hoojjadhu dhiisi dubbii garaa.

Hanga yoom jiraanna jireenya gadadoo?
Onneedhan horadhe tan Haaji Aadam Saaddoo
Gootichan yaadadhee akka Taaddee Birruu
Yeroon teenya amma tokkummaan hiriirru!

Bosona Baaleetiif amnaaf karaa bu'ee
Gaara Mul'ataatti kutannoonin ka'ee
Ekeraa na yaame,tan Hundeef Elemoo
Kutaa kudha tokko yaa ilmaan Oromoo...
Maaliif callifna ree sossoo'aa yaa qomoo!

Hanga yoomi dhiiroo kijiba afuufuun?
Afaanuma duwwaa teenyee wal sossobuun?
An tiyyaa muradhee ka'aa haa sossoonuu
Biyya teenya Oromiyaa harkatti haa galfannuu!!
Biyya teenya Oromiyaa harkatti haa galfannuu!!
_________________________
Najiib Zannuun
Marsimoonaa@yahoo.com