Friday, November 28, 2014

Osoo adda hin baafatin...

Osoo hin gaafatin
Osoo hin hubatin
Osoo hin qoratin
Osoo keessan barin
Daftee hin dubbatin!

Dubbii qaccee qabdee
hin raabsin jarjartee
Booda ni gaabbita
gaafa dhugaa hubatte
Ta'uuf dhaba isii
irraa quban qabduu
Jaaramuuf gadditee
diigamuuf kan gammaddu,
Nutis hin diigamnuu
atis humaan fiddu.

Maatii fi gandinuu
kan waliin jiraatu
Wal dhabbiin uumamtee
walittis mufatu,
Manguddootu jiraa
heeraaf seera murtuu
Deebi'uun araaraan
walumaan jiraatuu
Sumaa itti salphata
kan olola ooftu.

Sammuutee sirreessi
hammeenyan yaadinii
Cubbuu leellistee
dhugaan ukkaamsinii
Xiinxalii hubadhu
komachuun baddinii
Nuti tokkoo bari
nu diiguu hin gaabbinii!

Nama if sirreeseet
namallee sirreeysaa
Nama ifii gorfameet
namallee gorsaa
Mataakee sirreessii
deebi'ii nu gorsii
Ifii bilisoomii
nullee bilisoomsi!

Gorsaafin siif himee
kunoo sitti gabaa
Yoo didde ammoo beeki
sumaat itti gaabbaa
Kan bahaa fi dhihaa
kan kaabaa fi kiibbaa
Tokko ta'uu beekii
dhiisi mee kijiba.


Sunday, November 23, 2014

NAMNI OROMUMMAAF YAADU GALATA QABA!

NAMNI OROMUMMAAF YAADU GALATA QABA!

Namoonni tokko tokko akkaataa itti komatan malee akkaataa itti dinqisiifatan hin beekan.
Oromoo fi Oromummaan maal akka taatee fi qabsoon Oromoo garamirraa garam deemaa jirtii warreen irraa quba hin qabneetu qabsaa'ootaa fi qabsoo Oromoo faalleessaa jira. Nama ifiif if baree eenyummaa ifii beekuutu tan namaa dubbata. Garuu Namni ifiifuu if hin beeyne waan dubbatu hin qabu. Namoonni tokko tokko  "Oromoon Maali?" Jattee yoo gaafatte warreen deebii hin qabneetu,afaan qaratee nama dhugaa arrabsa.

Namni Oromummaaf jedhee hadoodu,namni Oromummaaf jedhee falmatu,namni Oromummaaf jedhee qabsaa'u nama mataa isaatiif osoo hin taane,sabasaatiif dhaamotu. Guyyaa tokkollee ta'u namni sabaaf yaadee waan dhimma saba isaa dalage galata guddaa qaba. Garuu nama akkasii sanitti gufuu ta'uun hamilee wal cabsuudha. Wal komachuu,wal arrabsuufi maqaa wal xureessuun,garayyuu nu hin geessu! Yoo walii gallee,wal dhageenyee,wal kabajnee,wal dandeenye,wal jala bobbaane qofa bakka yaadne geenya. San ta'uu baannaan garuu wanni tarru hin jiru. Xumura irratti jecha Dr.Sheek Mohammed Rashaad Abdullee (Rabbi Rahmata Haa Godhuufii) jedhe tokkoonin xumura.

"Manni yoo qaqal'iin qajeelte,yoo dagaleen tolte,yoo utubaan qajeelee tole,manni ni tola. Hoggaa taan ni jallata. Haa tayuu ogeessi mukni jallate je'ee hin darbu. Muka biyya jiruun dallaya jaaran je'anii. Gama inni itti jallate san,mogoleetti suuta dhidhiibee if duuba deebisa.Ammas akka bakka dhawameen saniin hin laafanne,muka qajeelfame kana muka qajeelaa lama jidduu kaayee yookaa dhaabee waliin dagalcha."
-------------------------------

Maaliif wal komanne
maa wal arrabsine?
Maqaa wal xureessuu
maa aadaa godhanne?
Maaliif walin taane
wal jala maan yaane?
Silaa walii gallee
qaata bilisoomne!

Kan sabasaa jibbee
qabsaawaa arrabsu,
Kan hojii godhatee
sabboonaa faalleessu,
Humaa keessan jiru
Ofirraa odeessaa
Gurra hin kanninaaf
dadhabatee usaa!

Oromummaaf jecha
wal jala hiriiraa
Komii lakkisaa
yaadaan wal deeggaraa
Nama sabaaf yaadu
maqaan balleessinaa
Yaadasaa hubadhaa
arrabsuun baddinaa
Fageessanii yaaduun
isiinuu guddinaa
Tokkoomanii ka'uun
waan yaanne arganna.
________________________
Najiib Zannuun

Thursday, November 20, 2014

ABDI QOPHEEN EENYU?

Abdi Qopheen eenyuun
wal hin gaafachiisuu
Seenaan isaa hundi
kan eenyummaasaa ibsuu
Har'a du'aan dhabnee
nullee hadiyyoomsu,
Wanni lafa nuuf kaa'e
kan daran nu boonsu.

Madda aartiiti
kan waraabbameen dhumne,
Burqaa walalooti
kan yoomuu hin gooyne,
Abbaa Oromootaa
kan dagatamuu hin taane,
Abdi Mahammad Yuusuf
du'a Rabbiin dhabne.

Isa Rabbiin badhaase
kalaqaa-sammuu
Hanga har'aa hin jiru
kan bakka buufamu
Abbummaan fedheehuu
isaan hin qixxoomuu
Khaaliqni ol tahe
isaaf haa araaramu!

Walaloon dubbachuun
rakkoo saba keenyaa
Haala yeroos ta'ee
tan jiruuf jireenyaa
Hunda irraa himuun
tan toltuuf jabeenyaa
Gammachuu fi gadda
dhabaa fi qabeenya
Wal-dhabbiis ta'ee
tan waliin jireenyaa,
Hundaan walaleeyse
Abdi Qopheen keenya
Isa walliftoota Oromoof,
kan ta'e fakkeenya
Silaa jiruun malee,
maal godhuu dandeenyaa!

"Wanni illaan seente,seentee aagibeeysite
Darbuu malee lamuu hin toltu deebitee"
Kunuu jecha isaati kan gaafas dubbatee
Kana qofaa mitii hin dhumtu himamtee.

Guddisaa afoolaa
Kunuunsaa aadaa
Burqaa jechootaa
fakkii sirna gadaa
Utubaa aartii
Fuullee artistootaa
Gumaachaa hundaa
Uuda walliftootaa
Tanaaf Oromoonni
Isumaan dhaaddata.

"Mayra dhiigaa lafee
oromoota kum meeqaa
Dhiigaan si tiiyfannaa
sittin dhiifnuu tuqaa
Alaabaa Oromiyaa
faajjii walabummaa
Qophaawoo yoomiyyuu
nu siif wareegamaa."
Alaabaa faarfatuun
walaloodhaan hima.

Bakka tantee ta'ee
si keessaan dubbataa
Walaloolee isaa
keeysatti if gartaa
Deebii waan yaaddeef
takka way rakkattaa,
Kuusa walaloo isaan
waan yaadde himattaa.

Jaalala dhugaa,
roorroos ta'e warraaysa,
Haadhaa fi abbaa
obboleeytiif obboleeysa,
Haala saba isaaf
badhaadhina biyyasaa
Hunda hammattuudha
mi'aan walaloosaa
Rabbiin haa naqu
jannatasaa keessa!

Roorroof biyyaa bahees
osuma jiraatuu
"Jiruun biyya ormaa
akka tan ifii hin taatuu
Biyya tiyya galee
lubbuun too haa baatuu"
Jechuun biyya galee
osoo tattaafatuu
Silaa duuti hamtuu
tokkorraa hin ooltuu
Hedduudha gaddine
gaafa nurraa saamtu.

Abdi Qophee keenya
ilma Mahammad Yuusuf
Jannata ol'aanaa
Rabbiin haa kannuuf!
Warra jajjabeeysee
joollee haa guddisuuf
Galannisaa hin dhumuu
Waaqni haa deebisuuf!

Yoomuu hin dagannuu
dagachuu hin taanee
Abdi Qophee keenya
hayyuu hoongan qabne
Arra du'a Rabbiin
isaan gargar baanee
Jannata kanniif
Gooytaa si kadhanne!
__________________
Najiib Zannuun

"GAARARRAA LUKA LAMAA"



Gaararraa luka lamaa
Bifti isaa kudhalamaa
Na garraanis na fakkataa
Yoo si arge siin waywaata.
Lafaa ka'ee barii ganamaa
Afaan banee amuummata maalin himaa.

Akka saree wixirfatee
Dhufaa dabraa ifit butee
Takka himee taan waraaba
Narraa fuudhee sitti gabaa
Sirraa fuudhee natti darbaa
Jatte-jattee qoonqoof qaba.
Afaan qaban hudduun baasaa
Yoo callise garaat yaasaa?
Garaan udaanuu ba'ataa
Akkamiin dubbii dadhabataa?
Halkuu guyyuu alanfata.

Wallee tuffeetu uratee?
Dubbii qabatuu dadhabatee
Sammuun furriin hagoogamtee
Ta himtuufi ta qabattu yo wallaalte,
Maal haa godhu himuu malee
Nama dhabu goda galee
Afaan boollatti gad awwaalee
"Zarqalleyni gaafa qaba" jachuu malee.

Itti himtu hin shalaguu
Ajaa afaansaa ifin arguu.
Amma atis namumaa?
Fayya-bareed dilluu namaa
Afaan deymaa hujiin rirmaa
Soba-seeqee garaa cumaa
Garagaggal bifa kumaa
Yaa gaararraa luka lamaa.

      O. G.
             11/19/14

Hara-Maayaa

#HARA-MAAYAA

"Bishaan Hara Maayaa bal'aa dhumiin qabnee
Hadaraa namni koo akka hin dheebonne"

Osoo hin gogin dura akkas jechuun dhaamsa itti dhaammataa turan. 

"Bishaan hara-maayaa,
Goguuf kutattee
Raachi dhumattee
Maayalleen dheebotee
Sinbirroon godaantee
Goguu kee hubattee
Bonni nutti dhaadatee!"

Gaafa goguuf ka'u akkas jechuu turan.


"Bishaantu guuttamee bishaan Hara-Maayaa
Boonaa Oromoo dhufee kursii lafa kaayaa"

"Hara-Maayaa si biraa fagaadhee
Numan dhufa gaafan yeroo arkadhee
Cilee bishaan buute taheen hafuu
Numaan obsa hamma guyyaan dhufuu"
Walliftoonni Akkas jechuun itti wallisan

•Waggoota dheeraaf achi buuteen isii tan dhabamtee turte harti HARA-MAAYAA kunoo bakka isitti deebiteeti jirti. Galanni Rabbiif haaga'uu jiraattoonni magaalaa HARA-MAAYAA  akkuma gaafa dur sanitti ittiin basha'aa ittiin bashannanaa jiru. Gaafa isiin godaantee dirree raaree qullaatti hambiftee gooyde san, namni ni deebitii dubbate dhiisii,kan shakkeehuu hin jiru ture. Garuu hujiin Waaqaa hin beekkamtu. Har'a kunoo bakkatti deebitee jirti. Bishaan haroo tanaa kan hawaasni naannicha san jiraatu waan garaa garaaf itti gargaaramaa turan,kan bareeddinni isaa akkaan nama hawwatu,kan bashannananii irra naannawanii hin hifanne, kan Qurxummii(Kalluuna) isii keessaa nyaatamee hin dhumne namni hin faarsin hin jiru. Walliftoonni Oromoo hedduun Bishaan Hara-Maayaa wallee isaanii keessatti faarsanii jiran. Ammaas kunoo faaruun sun addaan hin cittuu itti fufti. Gaafa Haroon tun gooydu kanneen qalbii cabanis ammaan tana akka gammachuun burraaqaa jiran dubbatu. Xumurarratti Jiraattoota Magaalaa Hara Maayaa fi naannoo sanitti argamtan hundi, Baga gammaddan,baga gammanneen dhaamsa kiyya.
_________________

Saturday, November 8, 2014

MAMMAAKSA

Mammaaksi/Makmaaysi "takkaa dubbii fidaa takkaa dubbii fixaa" ja'an hoggaa dhageenyu. Gama biraatiinis "Aak jedhan waa tufanii Mammaakan waa himanii" jedhan. Afaan keenya afoolaan bashbash kan ta'eedha. Oromoonni yeroo gammachuu.gaddaa,gorsaa fi dalagaa waan hunda keessatti afoolaan dhaamsa dabarsatu. Dubbii malaan dubbachuu fedhanis Mammaaksaan waa ja'an. Anis waa malee kana hin jannee Mammaaksan dhagaye irraan xiqqo isiniif qicaa narraa hammaarradhaa.

#Mammaaksa

•Nama Rabbiin rakkoon fedhe abjuunillee dhaguma guura.
          *********
•Bara jattee lukkuun harree dhiitte.
           *********
•"kan na ajjeeserra kan na shukkuumeetu nan dandamin" jatte Tafkiin
          *********
•Kan deeyma jaalatu kanniisa hin sodaatu.
            *********
•"Maali Fardi ni maraatee?” je'e waraabeessi ari’ee dadhabnaan.
              *********
•Dhukkuba Lukkuutiif Sangaa hin qalan.
              ************
•Malattuu dhuufuun daalattiidha.
               ***********
•"Kashni ture xufxufa"
            ************
•Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuufi.
             ************
•“Osoo wajjiin gallee hoolaa, walii qallee” jette jeedalli sareen.
            ************
•“Aartu qotadhu” je'e namichi saree biddeen dhoowwatee.
            ************
•“Fardaa fi harree okaa itti haamu; ana qacceen dhoqqeetti gadi dhaanu” jedhe qottiyyoon.
            ************
•“Way anaa gaafa dur” jette cirriin fardarraa kuftee.
            ************
•“Dhabaaf malee fooniif nu uume” jette sareen.
            ************
•“Nyaadhee sifixuu dadhabus, haadhee siballeessuu hin dadhabu" jette lukkuun.
            ************
•“Waan jaalatan nyaatanii waan jibban namaa kennani” jedhe waraabeessi.
            ************
•Harreen yeroo alaaktu malee yeroo dhudhuuftu hinbeektu!
            ************
•“Oduuf na qalani” jette lukkuun.
            ************
•Haati mixmixaa kiyyumaatu guba jetti!
            ************
••“Bagan si’arge” jennaan,” bagan si hin dhokatin “je'e hattuun abbaa manaatiin
            ************
Najiib Marsimoonaa

Mohammed Morkamaa - (Bilillee) - Of eeggannoo! (Warning!) by user784518787

Mohammed Morkamaa - (Bilillee) - Of eeggannoo! (Warning!) by user784518787