Fuula kana irratti:- dhimma Oromoo kan ilaalu guyyaa guyyaan; Oduu,Afoola, barreeffama garaa garaa,viidiyoo fi waraabbii sagalee adda addaa asirratti ni maxxanfamu. Yaada ykn barreeffama asirratti maxxanfachuu yoo feetan, E-mail keenya:- marsimoonaa@yahoo.com/@gmail.com/@hotmail.com kanaan erguu ni dandeessu. Galatoomaa!
Tuesday, December 29, 2015
Saturday, December 12, 2015
I Y Y A A! I Y Y A A! I Y Y A A!
Namuu gama gamaa iyyee walitti labsee
Oromiyaa mara bakkayyuu wal geessee
Tokkummaan Oromoo diina shororkeessee
Gadaa keenyaa gahe duruu nuut callisee.
Tun tan duriin addaa sabnikoo onnatee
Roorroo bara meeqaa obsuu dadhabatee
Oromoon sossoo'e tokkummaan muratee
Kanaan itti fufnaan bilisummaan dhihaatte!
Jabaadhaa Oromoo akkas maleen taatuu
Oromoon goota sodaatteen dheessituu
Sabakoo falmadhu lubbuunis haabaatuu
Bilisummaan dhugaa akkas maleen dhuftuu!
Ka'aa wal kakaasaa gabrummaan ni gayaa
Magaalaaf baadiyyaan ilmaan Oromiyaa
Qabsotti bobbayaa hundi ilmaan aayyaa
Labsaa waliif dhaamaa,iyyaa! Iyyaa! iyyaa!
Namuu toora jiruu qabsoo haa itti fufuu
Hamma gabroomfataan aangorraa kufuu!
_______
Najiib Zannuun
Marsimoonaa@yahoo.com
Sunday, December 6, 2015
OROMOONNI DIYAASPOORAA...!!!!
OROMOONNI DIYAASPOORAA....!!!!
Duuti isaaniis hedduu nama mararaa
Nuti warri biyya alaa maal gochaa jirra?
Akkamiin callifte Oromoon diyaaspooraa?
Barattoota nagayaa guddinaaf teessu,
Abdii boruu karatti yoo hambisu
Ayaa hegeree qaxara hoggaa cabsu,
Lubbuu isaanii diinni yeroo baasu,
Warri lafa alaa maalumaaf tatteessu?
Akkamiin dadhabdan addunyaatti labsuu?
Dhaabbiilee mirga namaaf falman,
Motummoota rakkoo teenya hubatan,
Miidiyaa dhimma keenya gabaasan,
Isaan biraan gahuu akkamiin dadhabdan?
Kanneen dhumaa jiran obboleeyyan keenyaa
Ijaanis agarree gurraanis dhageenyaa
Naasuu waliif dhabnee usnee maa tatteenya?
Duuti isaanii maaliif nun mararre?
Harka marannee maaliif callifnaree?
Hidhii ciniinnachuun humaa hinjijjiiruu
Bakka maraa ka'ee namuu haa hiriiru!
Iyya dhageessisaa addunyaatti himaa
Ka'aa wal kakaasaa nuutu waliif dhimmaa!
________
Najiib Zannuun
Marsimoonaa@yahoo.com
Sunday, November 29, 2015
Thursday, November 12, 2015
FALMATAA ROORROO MAAL IRRA JIRA?
DHAAMSA ARTIST FALMATAA ROORROO.
Maqaanisaa kan dhalootaa Mahammad Muussaa Roobaati, maqaan ittiin beekkamu ammoo Falmataa Roorroo'ti.
Falmataan, Baha oromiyaa, ona Ituu, aanaa Mi'eessoo, anannoo ganda sheek hassan bakka jadhamutti dhalate. Akkuma nama kamiitti fayyaa guutuun dhalatuus, balaa akka tasaa isa mudatteen waggaa 7'ti qaroo ija isaa dhabe. Agartuun isaa tan hamileefi gammachuun lafaa ka'een san hanga xumuraatti waliin imaltee, harmee oromiyaa daawwachiiftee, suga gammachuu kan fooddaa ijaatiin seenee surrii sooru san hanga dhumaatti akka ifiin hadhaadhiyyu tan hayyamtuuf hin taane.
Falmataa Roorroo bara 1982'ti gara oggummaa aartii seene. Albama isaa kan jalqabaa bara 1986 maxxansuun gurra ummata isaatiin gahe. Achirraa jalqabee osoo dadhabe, hifadhe hin ja'in aartii, afaaniifi seenaa saba isaa guddisuu qofa osoo hin taane qabsoo sabaatiif finiinsuuf kufee ka'aa as gahe. Addunyaa aartii keessattiis waan baayyee hojjatee, arraas hojjachaa jira.
Wellisaa Falmataa Roorroo dhugumatti akkuma maqaa isaa qabsaawaa biiblee aartiitiin roorroo alagaa falmatu akka tahe himana caalaa hojiin isaa dhawwaayxee dubbatti. Dandeettii rabbiin badhaase kanaaniis albamoota baayyee baasee, sirboota qabsoo finiinsan hedduu hojjate. Walaloo barreessee, yadaloon qindeessee artistoota lafaa dhufan baayyeefiis kenneeti jira. Dhiiga dhala oromoo tahee kan Falmataa hin beeyne ni jira ja'ee hin tilmaamu. Yoo jiraatees dhageyaa didaa qofa.
Kan nama fayyisu rabbumaa ilmi namaa ni sababsata. Yoo yaalamee fayyuun dadhabamellee jala muree sabree taa'a. Garuu amma akkamitti qalbiin isaa tasgabbooyti mee? Yaa oroomoo, lammii tiyya duraanuu numaatu waliif qoricha, numaatu waliifiis riqichaa mitiiree? Jibriin wal gargaartee arba hiiti, ja'an abboottiin keenya. Xiqqaafi guddaan keenyaa dhiiraaf dhalaan akkuma hooda keenyaa ammaan duraatti wellisaa keenya jaalatamaa, sabboonaa, qabsaawaa #Falmataa_Roorroo cinaa haa dhaabbannuu. Isiniin qaba jachaa jiraa, siif jirra haa jannuun. Kun dirqama walitti laachuu osoo hin taane waamicha oromumaati!
Falmataa gargaaruuf:
Lakkoofsa akkawuntii (account number): Baankii Daldala Itoophiyaa (Commercial Bank of Ethiopia) acc. No: 1000140839907 kanaan gara akkawunt isaa erguu dandeessan.
Warri kallattiin gargaaruu barbaaddan ammo bilbilli isaanii: +251911835292
"Artist Falmataa Roorroo,
Dirmannaa sabaatiin rabbiin haa banuuf qaroo!"
GALATOOMAA.
HUBACHIISA:
Warri biyya alaa jirtan kan website gofundme.com irratti account banuufi dandeessan akka bantaniifi dhaamsa Falmataa hojiirra oolchan abdiin qaba.
#Saphaloo_Kadiir/ Abdulbasit
Sadaasa, 2015.
Saturday, October 24, 2015
DIKTAATORA DAGGALAA!
Dictaatorri daggalaa
Bakka ciisuu alaan'alaa
Ifirraan garagaggalaa
Kan tuqe ija hamtuun laalaa
Isa maaltu godhe utubaa sibiilaa?
Gurran qabu afaan malee
Gadin bahu goda galee
Kanneen qaroo didee halee
Kan morame maqaa faalee
Kan jajjaboo keessaa haleelee
Kaayyoon isaa naaf hingalle!
Isa mormuun waa hin taatuu
Isa maddiin yoo olkaatu,
Isa diddee yoo falmattu,
Ni jibbamta ayaan taatuu
Sirraa mulqa maqaa keetuu
Si uggura matumattuu.
Usee taa'a ka'ee hin kakaasuu
Erga ciisee garaa kunuunsuu
Ofii beekee dhiibee achin siiysuu
Kan biraattis waa hindhiisuu
Hujiin isaa addaan faffacaasuu.
Tan harkaa qabu itti konyonyatee
Tan dhuunfaasaa fakkeeffatee
Rakkoo jirtu irraan tarkaanfatee
Ni dhufaadhaaf kan isa abdate,
Gaafa dhufu baruuf rakkatee
Gaafnisaa kun hedduu dheeratee
Dhuftisaa kun haalaan fagaatee
Dhiiroo gaafa Harreen gaafa baaftee?
Diktaatorri daggalaa alattuu akkanaa
Yoo maqaatii isuma yaammannaa
Shakkii fidee akkamiin amannaa?
Kan alattuu gochaansaa tanaa....
Akkam nu godha odoo seenee mana?
Rakkoon teenya itti hin mul'attuu
Madaa teenyaaf hinlaalatuu
Eefa garagalee waliin wal nyaatuu
Diina dhiisee waliin wal aloolaa
Itti abboomuuf iratti wal lolaa
Afaan wallaalle diktaatoora daggalaa!
__________________
Najiib Zannuun
Wednesday, September 30, 2015
NUUF BAHI YAA BIIFTUU
Yaa biiftuu yaa ifa ummataa
Dukkana maaf tahe
Carraan Oromootaa?
Ifnikee hangahee
Bakkayyuu wal gahee
Namayyuuf bahee
Addunyaa naannahee
Nutti maaltu tahee?
Ifnikee garayyuu hangayaa
Hundaahuu wal gayaa
Dukkana maaf tahe
carraan Oromiyaa?
Biiftuu... ormaaf baatee
Nurraa maaliif turtee?
Maaliif nu calliftee....
Dukkanatti nu dhiifte?
Dukkanaan haguugamnee
Ifa arguu feenee.....
Hawwiidhaan guutamnee
Maal balleessine?
Maal sitti yakkine?
Ifakee arguuf bara meeqa eeynee
Dukkana cillimiin eergarama mudannee
Gahe nuun jettee biiftuu maa hinbaane?
Yaa hangaatuu, yaa iftuu,sin baana yaa biiftuu
Yaa faaya uumamaa tan hunda mul'iftu,
Yaa tan ifa keetiin bobbaaftee galchitu,
Yaa tan uumaa Rabbii akkaan bareechitu,
Sabakoo Oromoof yoomuma kan baatu?
Rabbumaa siif kanne dandeettii atisii
Ifakee bareedaan mee nuuf walaqqisii
Wal arguu dadhabnee wal nu qunnamsiisii
Dharraa bara meeqaa dheebuu nu baasii
Addunyaa irratti nuuf bari'uukee labsii
Nuuf bahi yaa biiftuu golgolti nuuf geessii!
___________________
Tuesday, September 1, 2015
Friday, April 10, 2015
Monday, March 16, 2015
Wednesday, March 4, 2015
Wednesday, February 18, 2015
OMN
OMN(Oromia Media Network) dhugaa ummata Oromoo tan dhokatte ifa baasuuf ummataan ummatumaaf erga dhaabbatee Waggaa bira achi taree jira. Jalqaba irraa kaasee hanga ammaattis dhugaa Oromoo tan dur dhokatte meeqaatu ifa nuuf bahe. Kan dur afaan qabamee dubbachuu dadhabe gama meediyaa kanaan meeqaatu hafuura baafate. Kun ta'ee osoo jiruu gufuulee hedduunis meediyaa kana gufufsiisuudhaaf tan deemaa turte baay'eetu qunname. Jajjallaan keenyas warreen guddinaa fi dhugaa Oromoo tan ifa baatuuf hin quudhine hedduu agarre. Milkaa'uu baatanis olola garaa-garaa irratti oofaa turan.
Gama mootummaa Wayyaaneen yeroo ugguramu warreen harka dhahaa turanii fi warreen akka sagaleen ummataa dhokattuuf yaalaa turanis humaa hin fidne. Bishaantu isaan jala yaa'e. Tattaaffii hojjattoota OMN,ummata Oromoo fi gargaarsa Rabbii wajjiin tasa hin gitintirre. Fuulduraafillee akka xiqqollee hin kushuufne abdiin qaba.
OMN kan ummataan dhaabbatee fi kan ummataa waan ta'eef namni fedhe haala adeemsaa irratti yaada mataa isaa kennachuu mirga qaba. Haata'u garuu isa dhabamsiisuuf ifaajuun diinummaa ifa baate. Yoomiyyuu OMN sagalee keenya,afaan ummataati,daawwitii hawaasaati. Gama dandeenyu hundaan cinaa dhaabbachuun dirqama sabummaa bahuut nurraa eegama.
__________
Najiib Zannuun
Friday, February 6, 2015
Baraat hammaate moo
Numaatu hammeessee?
dubbiin gara galte,
Bara wanni hundi
faallaatti geeddaramte,
Hamileen duraanii
hundi qabbanooytee
Wanti jechaa turan
hundinuu hanqattee
Dubbiin duraaniitis
hundi qaqallattee,
Tan hamilte malee
tan biraan moo'amte.
Baraat jijjiirame moo
Maal ta'eeti namni?
Gowwaatu guungumaa
Ni dhabamee gamni?
Eessa nurraa kutte
Hamileen duraanii?
Hundi buburrooytee
Akka dur hin jirtuu
Tan duraan oowwituu
Hoggaa diilallooytu,
Sababni isaa maali
Maaliif hin qorattuu?
Maaltu nutti bu'e
Maa harka maranne?
Osoo galman gahin
Qaata dadhabannee?
Moo goluma keessaa
Namuutuu geerara?
Danta-dhaban taatuu
Dirqamaa nu jiraa
Furmaata barbaadaa
Dubbii keessa baraa!
Baraat hammaate moo
Numaatu hammeessee?
Nutti jabaatte moo
Maaltu nu laaffisee?
Onnee guutuudhaan
Onnachuu maa dhiise?
Dhiiroon callisinaa
Barbaadaa furmaata
Onnee dhabanillee
Sombaa nama dutaa.
......_______________
Najiib Zannuun/Marsimoonaa
Wednesday, February 4, 2015
Bofa afaa jalaa kan osoo hin beekin nama miidhu hedduu argaa jirra.
Najiib Zannuun irraa
Waa'een saba keenyaa kun yeroo dubbatamu waan hedduutu nama ajaa'iba. Yeroo sabni keenya dammaqee wal dhagayuun sosossoo'ee gamtaan falmachaa jirutti, gufuun qabsoo teenyaa ammas numa keessa burraayxi. Bofa afaa jalaa kan osoo hin beekin nama miidhu hedduu argaa jirra. Isaannan kun warreen olola ciree,laaqanaa fi Irbaataaf qabuudha. Gama 'Facebook' kanaan maqaa meeqa moggaafatanii siree jalatti dhokatanii arrabsoo hojii kanneen godhatan baay'ee agarra. Hinaaftuu fi talfuuftuu gadda Oromootti gammaddee gammachuu Oromootti gadditu kanneentu nu rakke.
Beektoonni keenya kanneen qarooman, kanneen dhugaan saba isaaniitiif dhimmaman warra olola qallabaaf qaban kana bira dabranii jiran. Waan fedhan odeessaa oolanis isaaniif gurra osoo hin laatin hojii isaanii itti jiru; addaan dhaabanii hin beekan.
Namni dhugaan Oromoo ta'e,kan Oromummaan hidda isaa keessa jirtu,Oromoo diina hin godhatu. Olola qabsaa'ootaa fi sabboontoota ilmaan Oromoo saba isaaniif laalatan irratti oofuun isaanii ifaan-ifatti diinummaa isaanii mul'isa. Isaannan kun warra mataan osoo hin taane hud.......dhaan yaadaniidha. Yoo dhugaan kan Oromoo ta'an ta'e; olola oofuu, maqaa wal xureessuu fi hamilee walii cabsuu irraa hatattamaan dhaabbachuu qabu! Yoo kan Oromoof diina kan jedhan ta'e, moggatti if baasanii ifa bahuun haa dubbatanii. Nu keessa taa'aa, nu fakkaachaa nuun mormuu hin danda'an. Garuu waan fedhan jedhanis, lallabaa oolanis nuti wahitti isaan hin shalagnu. Xurii qeensa jalaa beektoota keenyaa hin gayan. Ofumaaf of rakku malee dubbiin isaanii funyoo udaan buute.
Xumura irratti,sabboontoonni Oromoo kanneen dhugaan saba keessaniif hadooddan Miila mataan mormuuf bakka hin kanninaa akkuma itti jirtanitti tarkaanfii keessan itti fufaan dhaamsa kiyya.
Galatoomaa!
Najiib Zannuun
Thursday, January 29, 2015
NAMUU NUMA DU'A!
N͆A͆M͆U͆U͆ N͆U͆M͆A͆ D͆U͆'A͆!
Hiyyeessas taanaan dureessa qabaataa
Gaafa guyyaan gahe biyyeen numa yaamtii
Du'a irraa hin oolu ilmi namaa marti!
Fedhanis jibbanis waanuman oolamnee
Didanis dhiisanis waan naman hanqanne
Dheeysitus jalaa numa hin baanee
Yeroo tantee geenyaan bira numan kunne.
Jiruu addunyaatti hangamillee turtu
Bashannantee raheessaas jiraattu
Mootii taatee biyyallee bulchitu,
Namutti wal qixaa tokko addan filtuu
Guyyaan kee geenyaan du'a jalaan baatu!
Lubbuu hunda dabareedhaan geessii
Aanga'ootas ta'e sheekotaa fi qeesii
Ilma namaa hundi faraqaa eeggannaa
Guyyuma wallaallee namuu numa duuna!
Warri qaroominaan bakka meeqa dhaqe
Warri qabeenyi onnee isaa tuttuqe
Du'a jalaa bahuuf xiqqollee hin yaallee
Duuti tan Rabbiitii waanuma hin oolamne!
____________________________
Najiib Zannuun
Monday, January 5, 2015
MUL'ATA DHUGOOME!
Tanin yaadaa ture ganna meeqaantama
Qashtii gitan qabne guuttamtuu waa hundaa
Takkittii too kuullee tan hin qabne mudaa
Isii argachuu koof an baay'een gammada!
Wal jaalachuu keenya garumatti qabannee
Anis hin gaafannee isiinis hin himannee
Osoo wal zigaalluu bara meeqa turree
Akka carraa ta'ee amma wal agarree.
Wal-fakkaattii lamaan kan walirraa deemu
Rakkoo fi bal'ina kan waliin dhandhamu
Gaddaa fi gammachuu kan waliif dhimmamu,
Isii argachuuf gammachuun koo hin dhumu!
Tanin abja'adheef bara meeqa guutuu
Tan jooree jaawwareef harkatti galfatuu
Waaqnis nan dhoorkanne isii anaan maltu,
Gammachuun koo dachaa Rabbiif haa galatu!
Tan dhugaan seente onnee tiyya keessa
Tan ijji too mil'atte ganama bariisaa
Tan keessa hin jirre jaalalti fakkeessaa
Akkaan onnee seentee hin qabdu bahiinsa!
Akkan an jaaladhutti tan ana jaalattu
Akkan an fedhutti tan ana feetu
Jaalalti nulachuu yoomiyyuu hin dhumtuu
Umrii dheerina Rabbiin nuuf haa laatu!
Nu lachuu gammannee lubbuun nu buxaaltee
Wajji habaqaallee duruu qaata saartee
Anis isii moo'een isiinis na mootee
Jaalala waliif qabnuutu isii hoongaa baate!
Jaalalti teenya,
Tan hin cabne tan hin dabne,
Tan hin daarre tan hin moofooyne,
Tan hin gooyne tan hin xoolooyne,
Tan hin cinne tan hin dhumne,
Tan hin jiiyne tan hin diigamne,
Tan hin burrooyne tan hin daalachooyne,
Gufuu fi gufaatii takka tan qunnamne,
Rabbiin nuuf haa godhu mootichi ol'aane!!!
❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦
Najiib Zannuun
Subscribe to:
Posts (Atom)