Thursday, January 29, 2015

NAMUU NUMA DU'A!


N͆A͆M͆U͆U͆ N͆U͆M͆A͆ D͆U͆'A͆!

Hunda hin hanqattu biyyeetu nyaataa
Hiyyeessas taanaan dureessa qabaataa
Gaafa guyyaan gahe biyyeen numa yaamtii
Du'a irraa hin oolu ilmi namaa marti!

Fedhanis jibbanis waanuman oolamnee
Didanis dhiisanis waan naman hanqanne
Dheeysitus jalaa numa hin baanee
Yeroo tantee geenyaan bira numan kunne.

Jiruu addunyaatti hangamillee turtu
Bashannantee raheessaas jiraattu
Mootii taatee biyyallee bulchitu,
Namutti wal qixaa tokko addan filtuu
Guyyaan kee geenyaan du'a jalaan baatu!

Lubbuu hunda dabareedhaan geessii
Aanga'ootas ta'e sheekotaa fi qeesii
Ilma namaa hundi faraqaa eeggannaa
Guyyuma wallaallee namuu numa duuna!

Warri qaroominaan bakka meeqa dhaqe
Warri qabeenyi onnee isaa tuttuqe
Du'a jalaa bahuuf xiqqollee hin yaallee
Duuti tan Rabbiitii waanuma hin oolamne!
____________________________
Najiib Zannuun

Monday, January 5, 2015

MUL'ATA DHUGOOME!



Hawwii bara dheeraa mul'atakoo cimaa
Tanin yaadaa ture ganna meeqaantama
Qashtii gitan qabne guuttamtuu waa hundaa
Takkittii too kuullee tan hin qabne mudaa
Isii argachuu koof an baay'een gammada!

Wal jaalachuu keenya garumatti qabannee
Anis hin gaafannee isiinis hin himannee
Osoo wal zigaalluu bara meeqa turree
Akka carraa ta'ee amma wal agarree.

Wal-fakkaattii lamaan kan walirraa deemu
Rakkoo fi bal'ina kan waliin dhandhamu
Gaddaa fi gammachuu kan waliif dhimmamu,
Isii argachuuf gammachuun koo hin dhumu!

Tanin abja'adheef bara meeqa guutuu
Tan jooree jaawwareef harkatti galfatuu
Waaqnis nan dhoorkanne isii anaan maltu,
Gammachuun koo dachaa Rabbiif haa galatu!

Tan dhugaan seente onnee tiyya keessa
Tan ijji too mil'atte ganama bariisaa
Tan keessa hin jirre jaalalti fakkeessaa
Akkaan onnee seentee hin qabdu bahiinsa!

Akkan an jaaladhutti tan ana jaalattu
Akkan an fedhutti tan ana feetu
Jaalalti nulachuu yoomiyyuu hin dhumtuu
Umrii dheerina Rabbiin nuuf haa laatu!

Nu lachuu gammannee lubbuun nu buxaaltee
Wajji habaqaallee duruu qaata saartee
Anis isii moo'een isiinis na mootee
Jaalala waliif qabnuutu isii hoongaa baate!

Jaalalti teenya,
Tan hin cabne tan hin dabne,
Tan hin daarre tan hin moofooyne,
Tan hin gooyne tan hin xoolooyne,
Tan hin cinne tan hin dhumne,
Tan hin jiiyne tan hin diigamne,
Tan hin burrooyne tan hin daalachooyne,
Gufuu fi gufaatii takka tan qunnamne,
Rabbiin nuuf haa godhu mootichi ol'aane!!!
❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦
Najiib Zannuun