Tuesday, December 29, 2015

Saturday, December 12, 2015

I Y Y A A! I Y Y A A! I Y Y A A!


Namuu gama gamaa iyyee walitti labsee
Oromiyaa mara bakkayyuu wal geessee
Tokkummaan Oromoo diina shororkeessee
Gadaa keenyaa gahe duruu nuut callisee.

Tun tan duriin addaa sabnikoo onnatee
Roorroo bara meeqaa obsuu dadhabatee
Oromoon sossoo'e tokkummaan muratee
Kanaan itti fufnaan bilisummaan dhihaatte!

Jabaadhaa Oromoo akkas maleen taatuu
Oromoon goota sodaatteen dheessituu
Sabakoo falmadhu lubbuunis haabaatuu
Bilisummaan dhugaa akkas maleen dhuftuu!

Ka'aa wal kakaasaa gabrummaan ni gayaa
Magaalaaf baadiyyaan ilmaan Oromiyaa
Qabsotti bobbayaa hundi ilmaan aayyaa
Labsaa waliif dhaamaa,iyyaa! Iyyaa! iyyaa!

Namuu toora jiruu qabsoo haa itti fufuu
Hamma gabroomfataan aangorraa kufuu!
_______
Najiib Zannuun
Marsimoonaa@yahoo.com

Sunday, December 6, 2015

OROMOONNI DIYAASPOORAA...!!!!

OROMOONNI DIYAASPOORAA....!!!!

Lubbuu qaalii diinni galaafachaa jiraa
Duuti isaaniis hedduu nama mararaa
Nuti warri biyya alaa maal gochaa jirra?
Akkamiin callifte Oromoon diyaaspooraa?

Barattoota nagayaa guddinaaf teessu,
Abdii boruu karatti yoo hambisu
Ayaa hegeree qaxara hoggaa cabsu,
Lubbuu isaanii diinni yeroo baasu,
Warri lafa alaa maalumaaf tatteessu?
Akkamiin dadhabdan addunyaatti labsuu?

Dhaabbiilee mirga namaaf falman,
Motummoota rakkoo teenya hubatan,
Miidiyaa dhimma keenya gabaasan,
Isaan biraan gahuu akkamiin dadhabdan?

Kanneen dhumaa jiran obboleeyyan keenyaa
Ijaanis agarree gurraanis dhageenyaa
Naasuu waliif dhabnee usnee maa tatteenya?

Duuti isaanii maaliif nun mararre?
Harka marannee maaliif callifnaree?
Hidhii ciniinnachuun humaa hinjijjiiruu
Bakka maraa ka'ee namuu haa hiriiru!

Iyya dhageessisaa addunyaatti himaa
Ka'aa wal kakaasaa nuutu waliif dhimmaa!
________
Najiib Zannuun
Marsimoonaa@yahoo.com