Saturday, December 17, 2016

Xiqqaan guddaa yoon kabajne,
Guddaan xiqaa yoo hin beeyne,
Tan itti jirruuf nu rakkisaa
Galma gahuuf nu dhibeeysa!

Waliin haa yaanu, jibba lakkifnee
Waliif quudhuun wal jaalannee
Shira dheeysaa, waan nu muraa
Gad jabeeysaa, waan nu jaaraa!

Tokko tahaa wal dhagayaa
Wajjiin yaa'aa wal dandayaa
Dhugaa irratti waliif galaa
An xumuree nagayaan bulaa!

16/12/2016

YAA SABA KOO

Yaa sabakoo gaarii yaa ummata fannaana
Diina keenya hamaaf qaawa hin baninaa!

Wal komii lakkifnee qabsotti haa bobbaanuu
Teenya itti deebinaa tana haa hobbaafnuu!

Diinaaf gammachuudha wal komachuun keenya
Qabsootti haa dachaafnu qaamaaf qalbii teenya!

Dubbii mana keessaa baala irra kaayaa
Jabduu harkaa nu qabdu irratti bobbayaa!

Diina girgiraawee bakka seenu dhabe,
Nuti akkan taane isaan saniif dibbee!

Osoo saba dhumeef imimmaan harca'uu
Garaa kamtu danda'ee walumaan wal a'u?

Kan olola ooftan afaan keessan qaphaa
Kan wal lolaa jirruun walii mitii nyaaphaa!

Kan dandeessan dandeettiin bira dhaabbadhaa
Kan dadhabdan du'aa'iin Rabbii keessan kadhaa!

Kana dhaamsi kiyyaa sirritti hubadhaa
Oromoo hundaahuu isinin jaaladhaa
Har'aaf hanganumaa nagayatti jiraadhaa!

-Najiib Zannuun
March 2016


Ilmi namaa hundi uumamaan tokko tahus garuu yaada,kaayyoo,fedhinnaa fi ilaalcha garaa-garaa qabaachuu mala. Waan tokko jaalatu tokko jibbuu,Kan tokkoof gaarii tokkoof hamaa tahuu danda'a. "Kan tokkoof baalaa tokkoof gaala,kan tokkoof dammaa tokkoof dhama". Akkuma jedhamu sani. Kanas waa maleef hin kaafne. Dubbii gama 'facebook' kanaan oliif-gad meerattu hedduu argaa jirra. Namni waan itti fakkaate dubbachuu mirga akka qabu ni beeyna. Haata'u malee waanni isatti fakkaatee isaaf dhugaa kan biraa biratti soba tahuu mala. Ilaalcha mataa ifii qofaan waan barbaadan dubbatanii namuu ilaalcha akka kiyyaa maa hin qabaanneenis waan namaaf hin liqimfamne. 

Gama biraatiin namoonni hojiif iddoo tokkotti qacaramu osoo hojii hin jalqabiniin dura ulaagaalee barbaachisaa erga guutanii booda,seeraa fi heera ittiin bulmaata iddoo itti hojii hojjatanii san kabajuun hojii isaanii hojjatu. Seeraa fii heera san cabsanii yoo argaman hojii san itti fufuu hin danda'an. Namoonni tokko tokkos kanumarraa ka'anii waan ifii jaalatan kan seeraaf heera cabsu maaf hin taane jedhanii yeroo tahuu didde keessaa bahanii olola jalqaban. San dura garuu ani maali,inni maali,maaliif didame jedhanii xinxalanii ifiin if gaafachuu kan qaban dubbii biraa oofan. Dhimma mataa ifii ummatattiin as bahanii olola oofuun kabajaa isaanii irraa hir'ifti malee goota isaan hin taasiftu. Kana hubachuutu irra jiraata.

Isinitti gabaa!

-Najiib Zannuun
Guyyumaan guyyatti tooftaa jijjiirattii
Kaleessa waan biraa,har'as tan addaati
Tunis jalaa fashaltu boruuf karoorfattii
Jaaramuuf gadditee, diiguuf wixirfatti.

Darsaa-dabbuuq tooftaan isaanii shame,
Jaanjoo dhamaatee lambaan isaanii dhaame,
Akkaa-gara dhablee cubbumaaf uumamte,
Sabni qaata furgise mataan naanneeffatee.

Hangam wixxifattee oliifi-gadi kaattu
Shira xaxuuf jattee goda meeqa kortu, 
Doofaan humaan beeyne,humaatuu hintartuu
Gowwaan hambaan qabne, Abaduun milkooytu!

Monday, September 12, 2016


Walaloo Hayluu Efreem kan gaafa Fulbaana 6,2016 Wallagga Dambii Doollotti Wareegamee



HIRIYAA GANTUU


Jaala jiruu Koo
Kan guyyaa rakkoo ballinaa
Kan Abdii walii boonnu
Walgodhannee gaachena
Saniitu nagane na laate diinaa
Mee akamiin garaan Koo
Kanbir na Amana,
        Nama kooti ja'ee
       Ani yeroo hedduu
       Ofirra caalchisee
       Kanin isaaf yaadu
       If booda deebi'uu
       Shira kanatti yaadu
       Garaa nama deeyyiisse
        Way anii ha baadu,
Sobduu ilkaan adiii
Hamaa afaan dammaa
Wajjiin turan malee
Hin beekan ilma namaa
Sadoof qananii
Osoon baasuu dhimma
Halayyaa naf qote tun
Ajaa'ibuma.

Gocha suukaneessaa
Abudoo dhabummaa
Narratti raawwatus
An hintaane humaa
Silaa akka namaatiin
Tiyya dhabamaa
Galata rabbii
Jiruu moonaa
Jiruu moonaa
Jiruu moonaa
---
Mahammad Rashiid
          

Thursday, August 25, 2016

Gaafa laaftee ati uste si jibbanii
Yeroo kaatee tattaafatte si wajjiini.

Hoggaa callifte - namaa sa'aan si arrabsaa
Yeroo gootomte - dachii samiin suma faarsa.
Kan si jibbansaaf sin kaafnelleen maqaa
Jabaachuu keen faaruu tantee samiin tuqa.

Mirga dhabdu diinaa wajjiin sitti aaraa
Haqaaf kaatu siin wajjiinii si deeggara
Harkakee gaafan jirre namuu si qoqoraa
Harkatti yoo galfatte hundi siif gorora.

Fitti usnaan si jibbanii
Yoo jabaatte si faarsani.
If kabachiifnu kabajamnaa
Yoo qabsooyne injifanna!
____
Najiib Zannuun
Nuti nagaya feenaaf
Nagayaan himannee
Saniinis dadhabnee,
Jumlaan ajjeefamnee
Jarri nagaya hin feetu
Agarree hubannee
Tarkaanfii itti aanuuf
Murannoon qophooyne.
--
Kan nagaya hin feene
Humaa irraa hin eeynuu
Amma murteeffanne
Tarkaanfii itti aanu.
Gootummaa keenya
Ni beekan duraanuu
Waliin dhumna malee
Wilii hin callifnu!
--
Kan nu miidhe miidhuu,
Kan nu ajjeese ajjeesuu,
Gootummaa keenya
Hojiin agarsiisuu,
Namuu waan qabu
Kennuun waliif raabsuu,
Kan qabeenya qabu
Harkasaa bal'isuu,
Kan dandeeytii qabu
Kan qabne leenjisuu,
Sanuma qofa amma
Karaan nu baasu!
--
Kan beekkomsa qabdan
Nutti hin qusatinaa!
Kan qabeenya qabdan
Hin leeccallaawinaa!
Namuu waan qabdaniin
Irratti hirmaadhaa!
Diina fonqolchuun
Seenaa hojjadhaa!
--
Namuu haa ka'u
Garayyuun sossoonaa
Shakkii takka malee
Diina irra aanna!
Dhugaa qabna
Haqaaf Falmanna
Ni Injifanna!
______
#OromoProtests
08/08/2016
Najiib Zannuun

Waaqas haa kadhannuu...

Waaqas haa kadhannuu
Ittis haa waywaannuu
Kadhaa qofaa mitii
Gamtaan haa qabsoofnu!
--
Yoo nuti olkaanee
garayyuu qabsoofne,
Waaqnis nu gargaara
yeroo tattaafanne
Kadhaan qofti hinta'u
harkuma olqabnee
Rabbiin nu gargaara
yoo nuti sababfanne!
_____
Najiib Zannuun

Diinni diina

Diinni diina
Beekanii if qopheessuu
Dandayan hiddaan
isa dhabamsiisuu
Isa dudubbachuun
isumaahuu guddisuu.

Diinummaa isaanii
laallee firraa garraa
Arrabsoon olfuunee
maa itti goona gurra!?

Gamtaadhaan bobbaanee
deebifachuu mirga
Akkas jedhee himuun
isaaf taha ragaa
Yoo itti dhaaddanne
dursee firraa nu eegaa
Qabsoon agarsiisuudha
tooftaan sirriif dhugaa.

Waan diinni jedhe
deebinee yoo himne,
Isaaniif gammachuu
nuti if arrabsine
Olola nyaapha keenyaa
hafarsuu haa dhiifnuu
Garatti qabannee
qabsoon haa garsiifnuu!
_____
Adooleessa 22,2016
Najiib Zannuun

KA'II IF DHAQQABI

Ifuu quban qabduu ta duriin walliftaa
Dubbiin jijjiiramtee sa akkam dhawatta?
Magan sumaa mooji, ka irraan ka'in golgolti
Lammadan gowwoomsaa yaabo gubii gati!

Birbirata jaraan kiyyoo keessa seentee
Kal'oo jiituu fuutee fuulatti hagooggattee
Sobaa fi cubbuun mirqaantee tal taatee
Osoo firratti muuyduu lafti sitti bariite.

Ati jireenyaaf eeydaa jiruu gaaza-gaazaa
Hirriiba dunquqquu abjuu baza-bazaa
Booda sitti taati sheenaadhaa fi gaabbii
Aboo hanguma jirtu ka'ii if dhaqqabi!

Wednesday, June 22, 2016

YAA RABBI!

Yaa Rabbi yaa gooytaa
roorroon nutti jabaattee
Ijoolleen abdii boruu
agaaziidhaan dhumtee
Calanqorraa har'as
oduun gaddaa dhuftee
Yaa mootii moototaa
maaliif nutti calliftee?

Gaddi addan cituu
gaddaatuma oollaa
Har'as kunoo ajjeesan
Sabriinaa Abdallaa
Jannata kee kanniif
Yaa Rabbi yaa Allah!

Badii takkaan malee
nagayaan osoo teeysuu,
Waa gurguraaa turte
ifiin jiraachisuu
Gara jabeenyaan gatte
jarri naasuun qabne,
Ijji imimmaanii
garaas dadhabannee
Baadiin keenya maali
maali balleeysinee?

Ah! Yaa mootii...
ni garta waa maraa
Sabnikoo dhumaate
guyyumaan guyyaarraa
Nufuri yaa rabbi
sumaat muddaa furaa!
____________________

#OromoProtests
Sabriinaa Abdallaa Harargee Bahaa magaalaa Calanqoo keessatti loltoota Agaaziitiin bakkuma ishiin shaayii danfiftee gurgurtu keessatti rasaasaan dhawamtee ajjeefamte.Rabbiin jannataan haa qananiisu! Warraa fi maatii isiif jajjabina haa kannu!
Waxabajjii 20,2016

-Najiib Zannuun
https://mobile.facebook.com/marsimoonaa

Friday, June 17, 2016

Walaloo Sooreessa J/Jaarraa Abbaa Gadaa

Walaloo: Jaarraa Abbaa Gadaa Barreessee kan dubbise, Najiib Zannuun



Kun ololaa mitii
hojiidhaan mirkansee
Oduu qofaa miti
goochaan agarsiise.

Dhugaan dhugaa...
kunoo agarree jirraa
Soba dhagayuuf
nuti hin qabnu gurra!

Haasawaa oolaa
kan dharaan as geessan
Hin sobamnu lamuu
kute faashinni keessan.

Tooftaa jijjiradhaa
tan biraa gad baasaa
Akka leencaatti
hojiidhaan mul'isaa.

Ragaan nu agarsiistan
Malee hin amannuu
Soba bakkan qabneef
lamuu hin gowwoomnu!

Hayyuun J' haa bulu
Qeerroon haa jiraattuu
Kan sabaaf hojjatu
Umrii haa dheeratu!
________
Najiib Zannuun

Thursday, March 17, 2016

Yaa Oromoo...

Yaa sabakoo gaarii yaa ummata fannaana
Diina keenya hamaaf qaawa hin baninaa!

Wal komii lakkifnee qabsotti haa bobbaanuu
Teenya itti deebinaa tana haa hobbaafnuu!

Diinaaf gammachuudha wal komachuun keenya
Qabsootti haa dachaafnu qaamaaf qalbii teenya!

Dubbii mana keessaa baala irra kaayaa
Jabduu harkaa nu qabdu irratti bobbayaa!

Diina girgiraawee bakka seenu dhabe,
Nuti akkan taane isaan saniif dibbee!

Osoo saba dhumeef imimmaan harca'uu
Garaa kamtu danda'ee walumaan wal a'u?

Kan olola ooftan afaan keessan qaphaa
Kan wal lolaa jirruun walii mitii nyaaphaa!

Kan dandeessan dandeettiin bira dhaabbadhaa
Kan dadhabdan du'aa'iin Rabbii keessan kadhaa!

Kana dhaamsi kiyyaa sirritti hubadhaa
Oromoo hundaahuu isinin jaaladhaa
Har'aaf hanganumaa nagayatti jiraadhaa!

#OromoProtests
-Najiib Zannuun



Friday, January 29, 2016