Wednesday, June 22, 2016

YAA RABBI!

Yaa Rabbi yaa gooytaa
roorroon nutti jabaattee
Ijoolleen abdii boruu
agaaziidhaan dhumtee
Calanqorraa har'as
oduun gaddaa dhuftee
Yaa mootii moototaa
maaliif nutti calliftee?

Gaddi addan cituu
gaddaatuma oollaa
Har'as kunoo ajjeesan
Sabriinaa Abdallaa
Jannata kee kanniif
Yaa Rabbi yaa Allah!

Badii takkaan malee
nagayaan osoo teeysuu,
Waa gurguraaa turte
ifiin jiraachisuu
Gara jabeenyaan gatte
jarri naasuun qabne,
Ijji imimmaanii
garaas dadhabannee
Baadiin keenya maali
maali balleeysinee?

Ah! Yaa mootii...
ni garta waa maraa
Sabnikoo dhumaate
guyyumaan guyyaarraa
Nufuri yaa rabbi
sumaat muddaa furaa!
____________________

#OromoProtests
Sabriinaa Abdallaa Harargee Bahaa magaalaa Calanqoo keessatti loltoota Agaaziitiin bakkuma ishiin shaayii danfiftee gurgurtu keessatti rasaasaan dhawamtee ajjeefamte.Rabbiin jannataan haa qananiisu! Warraa fi maatii isiif jajjabina haa kannu!
Waxabajjii 20,2016

-Najiib Zannuun
https://mobile.facebook.com/marsimoonaa

Friday, June 17, 2016

Walaloo Sooreessa J/Jaarraa Abbaa Gadaa

Walaloo: Jaarraa Abbaa Gadaa Barreessee kan dubbise, Najiib Zannuun



Kun ololaa mitii
hojiidhaan mirkansee
Oduu qofaa miti
goochaan agarsiise.

Dhugaan dhugaa...
kunoo agarree jirraa
Soba dhagayuuf
nuti hin qabnu gurra!

Haasawaa oolaa
kan dharaan as geessan
Hin sobamnu lamuu
kute faashinni keessan.

Tooftaa jijjiradhaa
tan biraa gad baasaa
Akka leencaatti
hojiidhaan mul'isaa.

Ragaan nu agarsiistan
Malee hin amannuu
Soba bakkan qabneef
lamuu hin gowwoomnu!

Hayyuun J' haa bulu
Qeerroon haa jiraattuu
Kan sabaaf hojjatu
Umrii haa dheeratu!
________
Najiib Zannuun