Monday, July 24, 2017

Saturday, July 22, 2017

Dubbiin addunyaa
namaan galtuu
Tam irraa qabattee
tamiin akka dhiiftu
Buburreenis
hoggaa daalachoomtu
Nama dhiba haalli
garam akka gortu.

Akka durii mitii
sammuun nu adooltee
Bilicliccee hin taane
nutti bareechitee
Teenyaan jannus
afaan wallaalchiftee
Faagatti deebisuuf
miila dheereeyfatte.

Kan dur bakka jiru
shirgiggaateen argaa
Goonni gootaan beeynu
amma ni baaraga
Qoma dhiibaan duris
mataa gad cabsee
Tana hunda garree
afaan nu wallaalchise.
.
.
.
____
07/07/17 Nairobi

WALALOO Jaalala Facebook


Monday, May 22, 2017

TAPHA KUBBAA MIILAA

T A P H A   K U B B A A  M I I L A A

Taphni kubbaa miilaa kan dhiheenya kanaa
Nashaaxa hin qabuu usneeti daawwanna
Kan duraan taphatus amma ni batachaa
Goolii bakka wallaalee ifumatti galcha.

Inni jidduu taphatu hiriyaaf dabarsaa
kan silaa karra eegu harkuma facaasaa
Morkataan miliqsee goolii itti mirmirsaa
Boqannaan duratti takkaaf duwwaa baasa.

Dirree alagaatti waliin wal dorgoomaa
Boqonnaan boodatti tahe duwwaaf lama
Deeggartoonni gamanaa hamilee cabanii
Gammachuudhaan galan warri gama kaanii.

Gaafa dirree ofiitti tapha biraa qabu,
Taphattoota filuu irratti wal dhabu
Dirree ol seennaan jeequmsa eegaluu,
Lama keelloo argatee sadii diimaan galu.

Fuul-duraaf hin sobaminaa tun isiniif gorsaa
Kubbaa yeroo dhiittan firraa achi fageeysaa
Waliin wal ilaaluun kennaa waliif dabarsaa
Goolii naqaa mo'adhaa geeba argamsiisaa!
______
Najiib Zannuun
05 APR 2017

Wednesday, May 3, 2017

Kan ifni kessanuu akkanaa
dukkanti teessan akkamumaa?
Beekaan keessan kunoo kanaa
Barnoonni isaa hangasumaa?

Ifni keessanuu cillimii
Tan dukkanaa waan himanii
Hayyuun himtan kanumaa mii?
Duuba wallaalaan isa kami?

Hayyuuf beekaa hojiit ibsaa
Doktara tahuun faaydaan isaa
Waan dalaguut mirkaneessaa
Tantee tuni maddi eessaa?

Silaa barnootaan digrii tuultee
Yoo hin beeyne waan baratte,
Wallaalumaan faagaa baatee
Duuba maali faydaan tantee?

Digrii ba'achuun sumaaf dantaa
Maqaaf taatee maal nuuf gootaa?
Afaan banan sammuu mul'ataa
Yoo wallaalummaa fagoo jirta!

Mee siinillee hayyuu jennu
Hayyuu maal haa moggaafnu?
________

Saturday, April 15, 2017

Wednesday, March 8, 2017

Jaalala hin beekuu
jibbi qaama wal gahee
Fakkeeffatee sobuun
hannumaan ol bahee
Warreen fakkaattii isaa
Tan sammuun adoolte,
Wali qabee muuddatuun
yakkaa uumuuf hidhate!
--
Osoo ooleen bulin
summii isaa facaasee
Walitti hammeeysee
nagaya booreeysee
Wal shakkii uumuun
Hammeenya magarsee,
Addunyaa qooduun
walitti girgireeyse!
--
Kan hundeen isaa shiraa
Isa sammuun cubbuu
Tan mataa ofii malee
namummaas waan qabuu
Dhugaa jirtu dhooysuun
Sobuma isaa hafarsaa
Humaatis waan taruu
Silaa ifuma rakkisaa!

Kan amma xaax je'u boodee isaa eeynaa
Irraa nu haa baraaru cubbuu bara kanaa!
Najiib Zannuun
2016


Waan ijaan hin argin sobanii fakkeessuun,
Hinjirre uumanii maqaa wal balleessuun,
Akka macaafa qulqulluutti Cubbuudha
Akka Quraana muslimaattis diliidha
Akka aadaa teenyaattis safuudhaa
Kana tahuu baraa irraa of qusadhaa!