Monday, May 22, 2017

TAPHA KUBBAA MIILAA

T A P H A   K U B B A A  M I I L A A

Taphni kubbaa miilaa kan dhiheenya kanaa
Nashaaxa hin qabuu usneeti daawwanna
Kan duraan taphatus amma ni batachaa
Goolii bakka wallaalee ifumatti galcha.

Inni jidduu taphatu hiriyaaf dabarsaa
kan silaa karra eegu harkuma facaasaa
Morkataan miliqsee goolii itti mirmirsaa
Boqannaan duratti takkaaf duwwaa baasa.

Dirree alagaatti waliin wal dorgoomaa
Boqonnaan boodatti tahe duwwaaf lama
Deeggartoonni gamanaa hamilee cabanii
Gammachuudhaan galan warri gama kaanii.

Gaafa dirree ofiitti tapha biraa qabu,
Taphattoota filuu irratti wal dhabu
Dirree ol seennaan jeequmsa eegaluu,
Lama keelloo argatee sadii diimaan galu.

Fuul-duraaf hin sobaminaa tun isiniif gorsaa
Kubbaa yeroo dhiittan firraa achi fageeysaa
Waliin wal ilaaluun kennaa waliif dabarsaa
Goolii naqaa mo'adhaa geeba argamsiisaa!
______
Najiib Zannuun
05 APR 2017

Wednesday, May 3, 2017

Kan ifni kessanuu akkanaa
dukkanti teessan akkamumaa?
Beekaan keessan kunoo kanaa
Barnoonni isaa hangasumaa?

Ifni keessanuu cillimii
Tan dukkanaa waan himanii
Hayyuun himtan kanumaa mii?
Duuba wallaalaan isa kami?

Hayyuuf beekaa hojiit ibsaa
Doktara tahuun faaydaan isaa
Waan dalaguut mirkaneessaa
Tantee tuni maddi eessaa?

Silaa barnootaan digrii tuultee
Yoo hin beeyne waan baratte,
Wallaalumaan faagaa baatee
Duuba maali faydaan tantee?

Digrii ba'achuun sumaaf dantaa
Maqaaf taatee maal nuuf gootaa?
Afaan banan sammuu mul'ataa
Yoo wallaalummaa fagoo jirta!

Mee siinillee hayyuu jennu
Hayyuu maal haa moggaafnu?
________