Thursday, August 25, 2016

Diinni diina

Diinni diina
Beekanii if qopheessuu
Dandayan hiddaan
isa dhabamsiisuu
Isa dudubbachuun
isumaahuu guddisuu.

Diinummaa isaanii
laallee firraa garraa
Arrabsoon olfuunee
maa itti goona gurra!?

Gamtaadhaan bobbaanee
deebifachuu mirga
Akkas jedhee himuun
isaaf taha ragaa
Yoo itti dhaaddanne
dursee firraa nu eegaa
Qabsoon agarsiisuudha
tooftaan sirriif dhugaa.

Waan diinni jedhe
deebinee yoo himne,
Isaaniif gammachuu
nuti if arrabsine
Olola nyaapha keenyaa
hafarsuu haa dhiifnuu
Garatti qabannee
qabsoon haa garsiifnuu!
_____
Adooleessa 22,2016
Najiib Zannuun

KA'II IF DHAQQABI

Ifuu quban qabduu ta duriin walliftaa
Dubbiin jijjiiramtee sa akkam dhawatta?
Magan sumaa mooji, ka irraan ka'in golgolti
Lammadan gowwoomsaa yaabo gubii gati!

Birbirata jaraan kiyyoo keessa seentee
Kal'oo jiituu fuutee fuulatti hagooggattee
Sobaa fi cubbuun mirqaantee tal taatee
Osoo firratti muuyduu lafti sitti bariite.

Ati jireenyaaf eeydaa jiruu gaaza-gaazaa
Hirriiba dunquqquu abjuu baza-bazaa
Booda sitti taati sheenaadhaa fi gaabbii
Aboo hanguma jirtu ka'ii if dhaqqabi!

Wednesday, June 22, 2016

YAA RABBI!

Yaa Rabbi yaa gooytaa
roorroon nutti jabaattee
Ijoolleen abdii boruu
agaaziidhaan dhumtee
Calanqorraa har'as
oduun gaddaa dhuftee
Yaa mootii moototaa
maaliif nutti calliftee?

Gaddi addan cituu
gaddaatuma oollaa
Har'as kunoo ajjeesan
Sabriinaa Abdallaa
Jannata kee kanniif
Yaa Rabbi yaa Allah!

Badii takkaan malee
nagayaan osoo teeysuu,
Waa gurguraaa turte
ifiin jiraachisuu
Gara jabeenyaan gatte
jarri naasuun qabne,
Ijji imimmaanii
garaas dadhabannee
Baadiin keenya maali
maali balleeysinee?

Ah! Yaa mootii...
ni garta waa maraa
Sabnikoo dhumaate
guyyumaan guyyaarraa
Nufuri yaa rabbi
sumaat muddaa furaa!
____________________

#OromoProtests
Sabriinaa Abdallaa Harargee Bahaa magaalaa Calanqoo keessatti loltoota Agaaziitiin bakkuma ishiin shaayii danfiftee gurgurtu keessatti rasaasaan dhawamtee ajjeefamte.Rabbiin jannataan haa qananiisu! Warraa fi maatii isiif jajjabina haa kannu!
Waxabajjii 20,2016

-Najiib Zannuun
https://mobile.facebook.com/marsimoonaa

Friday, June 17, 2016

Walaloo Sooreessa J/Jaarraa Abbaa Gadaa

Walaloo: Jaarraa Abbaa Gadaa Barreessee kan dubbise, Najiib Zannuun



Kun ololaa mitii
hojiidhaan mirkansee
Oduu qofaa miti
goochaan agarsiise.

Dhugaan dhugaa...
kunoo agarree jirraa
Soba dhagayuuf
nuti hin qabnu gurra!

Haasawaa oolaa
kan dharaan as geessan
Hin sobamnu lamuu
kute faashinni keessan.

Tooftaa jijjiradhaa
tan biraa gad baasaa
Akka leencaatti
hojiidhaan mul'isaa.

Ragaan nu agarsiistan
Malee hin amannuu
Soba bakkan qabneef
lamuu hin gowwoomnu!

Hayyuun J' haa bulu
Qeerroon haa jiraattuu
Kan sabaaf hojjatu
Umrii haa dheeratu!
________
Najiib Zannuun

Thursday, March 17, 2016

Yaa Oromoo...

Yaa sabakoo gaarii yaa ummata fannaana
Diina keenya hamaaf qaawa hin baninaa!

Wal komii lakkifnee qabsotti haa bobbaanuu
Teenya itti deebinaa tana haa hobbaafnuu!

Diinaaf gammachuudha wal komachuun keenya
Qabsootti haa dachaafnu qaamaaf qalbii teenya!

Dubbii mana keessaa baala irra kaayaa
Jabduu harkaa nu qabdu irratti bobbayaa!

Diina girgiraawee bakka seenu dhabe,
Nuti akkan taane isaan saniif dibbee!

Osoo saba dhumeef imimmaan harca'uu
Garaa kamtu danda'ee walumaan wal a'u?

Kan olola ooftan afaan keessan qaphaa
Kan wal lolaa jirruun walii mitii nyaaphaa!

Kan dandeessan dandeettiin bira dhaabbadhaa
Kan dadhabdan du'aa'iin Rabbii keessan kadhaa!

Kana dhaamsi kiyyaa sirritti hubadhaa
Oromoo hundaahuu isinin jaaladhaa
Har'aaf hanganumaa nagayatti jiraadhaa!

#OromoProtests
-Najiib Zannuun



Friday, January 29, 2016