Thursday, October 30, 2014

TASA NATTI TAATE..



Akkana waan seene
Xiqqolleen shakkine
Firrattis waan eeyne
Suutuma suutatti
Yaannikee na seene.

Sagaleen caqaftee
Ijjinis mil'attee
Qalbiidhaan hawwattee
Tasa xullub jattee
Onneerra qubatte.

Hedduu narra martii
Garaa bucbuc gootii
Onnee dhawachiiftii
Fuulakoo ibsitii
Lubbuu gammachiiftii
Akkana na goggootii
Naaf taate bar ati.

Narraan yaadin lubbuu
Simalee waan qabuu
Hin obsu si dhabuu

Qashtiitoo dumbushee
Yaa bada naamusee
Bissiitoo bilisee
Kichuutoo dhusdhusee
Bar si na badhaase.

Haallikee na boonsaa
Argaantee na mirqaansaa
Siit jiruutoo ibsaa
Si dhabuun na aarsa.

Atinaaf lootoorii
Carraa kiyyaa barii
Natti taate jaarii
Naaf beekii na furi!

Atis dhiisi shakkii
Nuti waliif fakkii
Hin sodaatin lakkii
Itti seenii arki.

Nuti waliif gallaan
Walumaan jiraannaan
Nutuu akka tokkoo
Takkan garru rakkoo!
❤️💚❤️
Najiib Zannuun

Monday, October 27, 2014

WAAROO SALPHINAA



Waaroo salphinaa
Tan sabaaf rakkinaa
Tan surriin hanqinaa
Way jarattii tana!

Rabbiin nun salphisin
Namaa gad nun godhin
Qaanii nu hin mudin
Ajeessaa nun dibin.

Wixirfattuun kaatee
Bahar tarkaanfattee
Qochimaa balliftee
Qoqoruuf foolattee
Salphina uffatte.

Gaafas nu facaaftee
Dirretti nu gattee
Dhiiftee biraa yaatee
Ammas gad dachaatee
Maqaa nu godhattee
Nu sobuuf murattee
Jalaa fashalooyte.

Dhiisaa jennaan didan
Taa'aa jennaan kutan
Gadda sababeeysuun
Mana kan olseenan
Gadduma saniin
Deebi'anii galan
Itti golgolooytee
Mee karam haa goran?

Nuti hin simannu
Isaan hin barbaannu
Lamuu firan taanu
Waliin hin jiraannu!
_________
Najiib Zannuun

Monday, October 20, 2014

FIRA FAKKAATEE...


Duuraan nu fakkaattee
gadheen nutti maltee
Dubbii mammaaksaan
Oromoon dubbattee;
“Fira fakkaatee
Risaan Shimbir nyaatee”
Kunoo hubadhu mee
dubbiin akkas taatee.

Irbuu kalee seenuun
manaa itti bahan
Galmaan gahuudhaaf
waadaa waliif galan
Arra hoo akkamiin
irbuu san dagatan?
duuba qabsoof moo
bu’aa jala goran?

Takka qancarsanii
Tabiraa habaqaaluu
Qabsaawaa fi hayyuu
Maqaasaanii faaluu
Diinaaf himachaa
Sanumatti galuu
Maa wal girgireeysu
Maaliif waliin gallu?

Dhaabni suuqii tahee..
Magaalaan oowwitee?
Namuu kara karaan
Tan dhuunfaa banatee
Nuuf himaa mee nutis
Yoo bu'aan jiraatte
Tan sabaa ni dhiifnaa
Yoo garaadhaaf taate.

Eenyu kan baqannee
Gaafas biyyaa yaane
Eenyu kan itti galuuf
Amma murteessine?
Hamma arraan tanaa
Maalumaaf ifaajne
Lubbuu Oromootaa
Maaliif qisaas goone?
_________
Najiib Zannuun

Saturday, October 18, 2014

EBOLA

E B O L A

Dhukkuba hamaa
nurraa qabi "Ebola"
Addunyaan dadhabdee
sihi abbaan falaa
Dallansuma teetii
dhibdee mitii balaa
Irraa nu baraarii
nu baasi mee jalaa!

Gurra namuu gahee
addunyaan hasaastee
Qorichasaa barbaada
oliif-gadi xaartee
Hundinuu dadhabee
afaansaa qabatee
Nuti sitti irkannee
nurraa qabi Gooytee!

Suma harka jiraa
furmaanni waa maraa
Mootiin hundaa sihi
siitu muddaa furaa
Jalaa nu oolchi
dhibdee namaaf farraa
Nurraa eegi ati
yaa mootii mootirraa!!
________
Najiib Zannuun

Wednesday, October 1, 2014

BAREEDDUU CARCAR

B A R E E D D U U  C A R C A R
kutaa 2ffaa

Bareedduu Carcar faarsuu hin hifadhuu
Isiit faaruu qabaa jecha irraa hin qusadhuu
Lubburraahin fedhaa tokkolleef hin quudhuu
Walumaan bareennaa waliin nu haa fedhu!

Carcar keeysa jiraa Odaan seenaa qabuu
Lameen wal jaalate turus wal hin dhabuu
Bareedduu Galamsoo siitu natti lubbuu
Daddafii naaf koottu hin fedhu si dhabuu.

Hirna keessan jiraa Baddeeysaattin deemaa
Hidhiin tee timiraa gororri kee deeymaa
As godhu mee boontuu wahin sitti dhaamaa
Si maalee naa haraam dhugaan sitti himaa.

Namni kormaan qotu maal qotee qotataa
Namni siin wal dhabe maal koflee taphataa
Asheeta timiraa ilillii jannataa
Khoo na marami takkittii Miicataa.

Sololiyaan dhaltee haroo carcarittii
Qarxam na haa godhu morma kee jalattii
Kukkuullee Machaaraa Bookheef Balballeeytii
Siitu anaaf dawaa qoricha onneetii.

Qunne gad bu'anii Baddeeysaa dhaqanii
Bareedduu Carcar faarsaniin fixanii
Hidhiin tantee,nadhii baanan sanii
Hogguun si xuxxuuxaa gororrikee aannanii.

"Galamsorraa madda bishaan Caffee loodee
Siif takkittii ja'ee nam-sagaliin oodee"
Ijumaan si laaluuf bar hedduudhan yaadee
Ani tiyya suma, yoo waliif nu qoode.

Gubbaa-guutuu roobee Deefotti naannahee
Dubra Ituun faarsee tan bir-maal naan gahee
Boontuu dubra carcar garaan siif na nahee
Si barbaadaan jiraa qaatan manaa bahe.

Loosha lashii intalaa yaa bada dhusdhusee
Bissii bilisee dubraa yaa bada naamusee
Faaya bareedinaa Gooytaa si badhaasee
Bareeda keen booni uumamaan si ibsee!!
__________________
Najiib Zannuun
___________________

Tuesday, September 16, 2014

JIREENYUMA

JIREENYUMA!

Takka gadoo takka oloo
Takka rakkoo takka balloo
Takka nagaa takka haaloo
Takka orraa takka hebaloo
Jireenyumaa tunis maaloo!

Kuun ni ciisa kuun ni mugaa
Kuun ni taa'aa kuun ni fiigaa
Kuun ni basha'a kuun ni baaraga
Kuun dheebotee kuun ni dhugaa
Jireenyuma kunis eegaa!

Kan facaase ni haammata
Kan dadhabe ni rakkata
Kan murate ni galfata
Kan hanqatte ni cinqata
Jireenyumaa akkam goota!

Kan beelawe ciniinnatee
Kan quufe deeqqifatee
Kan madeeyse irraanfatee
Kan illaaweef biluu taatee
Jireenyuma yoo hubatte!

Tokko bultiif alaan'alaa
Kuun galfatee wajjiin galaa
Tokko wallaale akka malaa
Kaaniif taatee if wallaalaa
Jireenyumaa maaltu fala!

Kan bolole ija hiraa
Kan baqate ala jiraa
Kan boqate way agarraa
Kan jiruutu waa agaraa
Jireenyumaa tunis baraa!

Garii qabeenya akkaan horee
Kanis yaanni mataa koree
Kan kadhate gooytaan furee
Kan hoongaawe ni hiraare
Jireenyuma kunis maarree!

Tokkoof koflaa kaaniif booyaa
Gariif calii kaaniif gooyaa
Tokkoof qilee kaaniif dooyaa
 Asiin halkan achiin guyyaa
Jireenyuma tunis hayaa!

Asiin billiqaa achiin duumeessaa
Gariif birraa kaaniif badheessaa
Kaanis deegaa kuun dureessaa
Tokko gabraa kuun bilisaa
Tan jireenyaa tuni baasa!

Tokkoof baalaa tokkoof Gaalaa
Kuun amala kuunis haalaa
Gariif dhihoo kuun halaalaa
Tun hammaattus taantu tolaa
Jiraachumaat irra caala!

Wal hin simtu wal hin qadaaddu
Wal hin taatu walii hin yaadduu
Yoo ariites hin dhaqqabduu
Si qabnaanis harkaa hin badduu
Jireenyumaatti haa ramadu!

Jireenyi kun bar ajajaa
Jiraachuudhaaf bari hoojjaa
If hin jaamsin bani ijaa
Rabbiin arjaa namaa bajjaa
Jireenyumaa tanaan ejja!

Jireenyi kun namaan maraa
Obsa malee si mararaa
Jiraachumaa irra jiraa
Sa maal ta'uudhaaf hiraarraa...?
Tan jabaatteef Waaqaa jiraa!!
________________
Najiib Zannuun
Marsimoonaa@yahoo.com

Wednesday, September 10, 2014

MURANNOON HAA KAANU!



Rooba keessa dhukkee kaasuun wahi jirtii
Sabaaf kan if kanne lubbuusaa takkittii
Goonni dirree jiraa hin riphne manattii
Kunneen 'facebook' gubbaa olola afuuftii
Gurratti hin qicannu lola interneetii
Dubbii tana dhiisaa sossoo'aa qabsotti!

Goota numa garree goottan goota caaluu
Kan duratti bahee diinasaa haleelu,
Oromummaa dhugaan kanneen lubbuu dhabe
Yoom deeraa keessaa afaaniin lallabee?

Jajjaboo sabaa gootoowwan Aanolee
Ilmaan Murti Guutoo kanneen guyyaa kalee
Dura dhaabbachuun warreen diinaan lole
Diina girgireeysan sodaaf garan-gallee
Gootummaa isaanii arra ni wallaallee?

Ka'aa wal kakaasaa qabsoon 'facebook' dharaa
Lubbuu teenya sabaaf kennuu nurra jiraa
Fakkeenya goradhu akka Waaqoof Jaarraa
Dhugaadhaan hoojjadhu dhiisi dubbii garaa.

Hanga yoom jiraanna jireenya gadadoo?
Onneedhan horadhe tan Haaji Aadam Saaddoo
Gootichan yaadadhee akka Taaddee Birruu
Yeroon teenya amma tokkummaan hiriirru!

Bosona Baaleetiif amnaaf karaa bu'ee
Gaara Mul'ataatti kutannoonin ka'ee
Ekeraa na yaame,tan Hundeef Elemoo
Kutaa kudha tokko yaa ilmaan Oromoo...
Maaliif callifna ree sossoo'aa yaa qomoo!

Hanga yoomi dhiiroo kijiba afuufuun?
Afaanuma duwwaa teenyee wal sossobuun?
An tiyyaa muradhee ka'aa haa sossoonuu
Biyya teenya Oromiyaa harkatti haa galfannuu!!
Biyya teenya Oromiyaa harkatti haa galfannuu!!
_________________________
Najiib Zannuun
Marsimoonaa@yahoo.com