Saturday, October 24, 2015

DIKTAATORA DAGGALAA!


Dictaatorri daggalaa
Bakka ciisuu alaan'alaa
Ifirraan garagaggalaa
Kan tuqe ija hamtuun laalaa
Isa maaltu godhe utubaa sibiilaa?

Gurran qabu afaan malee
Gadin bahu goda galee
Kanneen qaroo didee halee
Kan morame maqaa faalee
Kan jajjaboo keessaa haleelee
Kaayyoon isaa naaf hingalle!

Isa mormuun waa hin taatuu
Isa maddiin yoo olkaatu,
Isa diddee yoo falmattu,
Ni jibbamta ayaan taatuu
Sirraa mulqa maqaa keetuu
Si uggura matumattuu.

Usee taa'a ka'ee hin kakaasuu
Erga ciisee garaa kunuunsuu
Ofii beekee dhiibee achin siiysuu
Kan biraattis waa hindhiisuu
Hujiin isaa addaan faffacaasuu.

Tan harkaa qabu itti konyonyatee
Tan dhuunfaasaa fakkeeffatee
Rakkoo jirtu irraan tarkaanfatee
Ni dhufaadhaaf kan isa abdate,
Gaafa dhufu baruuf rakkatee
Gaafnisaa kun hedduu dheeratee
Dhuftisaa kun haalaan fagaatee
Dhiiroo gaafa Harreen gaafa baaftee?

Diktaatorri daggalaa alattuu akkanaa
Yoo maqaatii isuma yaammannaa
Shakkii fidee akkamiin amannaa?
Kan alattuu gochaansaa tanaa....
Akkam nu godha odoo seenee mana?

Rakkoon teenya itti hin mul'attuu
Madaa teenyaaf hinlaalatuu
Eefa garagalee waliin wal nyaatuu
Diina dhiisee waliin wal aloolaa
Itti abboomuuf iratti wal lolaa
Afaan wallaalle diktaatoora daggalaa!
__________________
Najiib Zannuun

Wednesday, September 30, 2015

NUUF BAHI YAA BIIFTUU

Yaa biiftuu yaa ifa ummataa
Dukkana maaf tahe
Carraan Oromootaa?
Ifnikee hangahee
Bakkayyuu wal gahee
Namayyuuf bahee
Addunyaa naannahee
Nutti maaltu tahee?

Ifnikee garayyuu hangayaa
Hundaahuu wal gayaa
Dukkana maaf tahe
carraan Oromiyaa?
Biiftuu... ormaaf baatee
Nurraa maaliif turtee?
Maaliif nu calliftee....
Dukkanatti nu dhiifte?

Dukkanaan haguugamnee
Ifa arguu feenee.....
Hawwiidhaan guutamnee
Maal balleessine?
Maal sitti yakkine?
Ifakee arguuf bara meeqa eeynee
Dukkana cillimiin eergarama mudannee
Gahe nuun jettee biiftuu maa hinbaane?

Yaa hangaatuu, yaa iftuu,sin baana yaa biiftuu
Yaa faaya uumamaa tan hunda mul'iftu,
Yaa tan ifa keetiin bobbaaftee galchitu,
Yaa tan uumaa Rabbii akkaan bareechitu,
Sabakoo Oromoof yoomuma kan baatu?

Rabbumaa siif kanne dandeettii atisii
Ifakee bareedaan mee nuuf walaqqisii
Wal arguu dadhabnee wal nu qunnamsiisii
Dharraa bara meeqaa dheebuu nu baasii
Addunyaa irratti nuuf bari'uukee labsii
Nuuf bahi yaa biiftuu golgolti nuuf geessii!
___________________
Najiib Zannuun
marsimoonaa@yahoo.com


Friday, April 10, 2015

Monday, March 16, 2015