Wednesday, June 22, 2016

YAA RABBI!

Yaa Rabbi yaa gooytaa
roorroon nutti jabaattee
Ijoolleen abdii boruu
agaaziidhaan dhumtee
Calanqorraa har'as
oduun gaddaa dhuftee
Yaa mootii moototaa
maaliif nutti calliftee?

Gaddi addan cituu
gaddaatuma oollaa
Har'as kunoo ajjeesan
Sabriinaa Abdallaa
Jannata kee kanniif
Yaa Rabbi yaa Allah!

Badii takkaan malee
nagayaan osoo teeysuu,
Waa gurguraaa turte
ifiin jiraachisuu
Gara jabeenyaan gatte
jarri naasuun qabne,
Ijji imimmaanii
garaas dadhabannee
Baadiin keenya maali
maali balleeysinee?

Ah! Yaa mootii...
ni garta waa maraa
Sabnikoo dhumaate
guyyumaan guyyaarraa
Nufuri yaa rabbi
sumaat muddaa furaa!
____________________

#OromoProtests
Sabriinaa Abdallaa Harargee Bahaa magaalaa Calanqoo keessatti loltoota Agaaziitiin bakkuma ishiin shaayii danfiftee gurgurtu keessatti rasaasaan dhawamtee ajjeefamte.Rabbiin jannataan haa qananiisu! Warraa fi maatii isiif jajjabina haa kannu!
Waxabajjii 20,2016

-Najiib Zannuun
https://mobile.facebook.com/marsimoonaa

Friday, June 17, 2016

Walaloo Sooreessa J/Jaarraa Abbaa Gadaa

Walaloo: Jaarraa Abbaa Gadaa Barreessee kan dubbise, Najiib Zannuun



Kun ololaa mitii
hojiidhaan mirkansee
Oduu qofaa miti
goochaan agarsiise.

Dhugaan dhugaa...
kunoo agarree jirraa
Soba dhagayuuf
nuti hin qabnu gurra!

Haasawaa oolaa
kan dharaan as geessan
Hin sobamnu lamuu
kute faashinni keessan.

Tooftaa jijjiradhaa
tan biraa gad baasaa
Akka leencaatti
hojiidhaan mul'isaa.

Ragaan nu agarsiistan
Malee hin amannuu
Soba bakkan qabneef
lamuu hin gowwoomnu!

Hayyuun J' haa bulu
Qeerroon haa jiraattuu
Kan sabaaf hojjatu
Umrii haa dheeratu!
________
Najiib Zannuun

Thursday, March 17, 2016

Yaa Oromoo...

Yaa sabakoo gaarii yaa ummata fannaana
Diina keenya hamaaf qaawa hin baninaa!

Wal komii lakkifnee qabsotti haa bobbaanuu
Teenya itti deebinaa tana haa hobbaafnuu!

Diinaaf gammachuudha wal komachuun keenya
Qabsootti haa dachaafnu qaamaaf qalbii teenya!

Dubbii mana keessaa baala irra kaayaa
Jabduu harkaa nu qabdu irratti bobbayaa!

Diina girgiraawee bakka seenu dhabe,
Nuti akkan taane isaan saniif dibbee!

Osoo saba dhumeef imimmaan harca'uu
Garaa kamtu danda'ee walumaan wal a'u?

Kan olola ooftan afaan keessan qaphaa
Kan wal lolaa jirruun walii mitii nyaaphaa!

Kan dandeessan dandeettiin bira dhaabbadhaa
Kan dadhabdan du'aa'iin Rabbii keessan kadhaa!

Kana dhaamsi kiyyaa sirritti hubadhaa
Oromoo hundaahuu isinin jaaladhaa
Har'aaf hanganumaa nagayatti jiraadhaa!

#OromoProtests
-Najiib Zannuun



Friday, January 29, 2016

Tuesday, December 29, 2015

Saturday, December 12, 2015

I Y Y A A! I Y Y A A! I Y Y A A!


Namuu gama gamaa iyyee walitti labsee
Oromiyaa mara bakkayyuu wal geessee
Tokkummaan Oromoo diina shororkeessee
Gadaa keenyaa gahe duruu nuut callisee.

Tun tan duriin addaa sabnikoo onnatee
Roorroo bara meeqaa obsuu dadhabatee
Oromoon sossoo'e tokkummaan muratee
Kanaan itti fufnaan bilisummaan dhihaatte!

Jabaadhaa Oromoo akkas maleen taatuu
Oromoon goota sodaatteen dheessituu
Sabakoo falmadhu lubbuunis haabaatuu
Bilisummaan dhugaa akkas maleen dhuftuu!

Ka'aa wal kakaasaa gabrummaan ni gayaa
Magaalaaf baadiyyaan ilmaan Oromiyaa
Qabsotti bobbayaa hundi ilmaan aayyaa
Labsaa waliif dhaamaa,iyyaa! Iyyaa! iyyaa!

Namuu toora jiruu qabsoo haa itti fufuu
Hamma gabroomfataan aangorraa kufuu!
_______
Najiib Zannuun
Marsimoonaa@yahoo.com