Saturday, July 28, 2007

LEENCAA FI QEERRANSA

LEENCAA FI QEERRANSA
 
QER=Yaa Leenca bosonaa
koottu mee wal-mari’annaa
Malaaf marii keenya wal agarsiifannaa.
LEN= Dhuga baanta yaa Qeerransa
Koottu qeerroo gaara keessaa
Anaa fi siitu obboleessaa
Jalaa didi waraabeessaa.
QER= Dhugaa keeti naaf si jidduu lixee
Numa lamaan waliin fixee
Booroo keenya keessa lixee
Waarraaf maatii keenya nyaatee fixee.
LEN= Yaa Qeerransa, lamuu hin nyaatu maatii keenyaa
Waraabeesi diina keenyaa
Waliin qabneet muka keenya.
QER=koottu yaa leencoo bokisaa
Anaatu siif duraan marsaa
Akka hin baane sanyiin isaa
LEN= Waraabeesa yaa fareessa
sumaatu nyaatee ilmaan qerransaa
Amman lafee Si caccabsaa
Sanyii kan kee si balleessaa.
QER= Marsi leencoo akka hin baanee
kunoo dheefa cehaa afaan baanee
Albaati facaasaa hudduu isaa addaan banee
LEN= Hayaa dhufee gaaraa bu'ee
Daggala keessa sosochoo'ee
Daadee kootis waliin dhahee.
QER= Dafii kottu dura tarii
Shawaa fi Wallaggaatti gorii
Harargeerras marmaarii
LEN= Dhufaan jiraa ariifadhee
Lammii kootis dabaladhee
"Eessa jira" jadhee
Waraabeessa iyyaafadhee
Ammaa nyaadha lafee isaa caccabsadhee.
QER= Yaa waraabeesa abbaa garaa
Sitti dhufee Leenci maal siif malaa ?
Essaan baata? Leenci sitti cufee hulaa
Waaqa hin kortuu dachi lixxee hin baatu jalaa.
 
LEN= dhaabadhu ! Waraabo hin baatu boolattii
Sitti walmari’atee lammiin Qerransaatii
Gurmuu dabalatee kan akka kiyyaatii 
Salpina keettu gahe guyyaa xumuraati.
QER= Yaa jeedalloo Kan dhaqxuu eessaa?
Jala ceetuu waraabeessaa
Dhaamsan qabaa nadhageesaa?
Dhufee leenci sitti bookkisaa
Qabee lafee si caccabsaa
Banii seeni dura hudduu waraabeessaa.
LEN= Yaa jeedalloo akkam taataa?
Qeeroon daadee siif qarataa
Hanga yoom waraabeessa jala ceetaa?
Jalaa hin hafin waraabeessa wajiin dutaa
Qabrii takkatti awwaalamtaa.
QER= Yaa Leenca bokkisii
Daggala sochoosii
Dheefa Cehan jeedalloof waraabeessii
Qabii akka hin bane mar’imaan faffacaasi
Qabii akka hin baane mar’imaan tarsaasii
Olaantummaa gonfadhuu eenyuummaa kee itti agarsiisi.
Walaleeysaan: - Najiib Zannuun
Bara 2003 Magaalaa Baddeessaa

2 comments:

Anonymous said...

Haya Obbo N.Z akkana gaa bakka hundaati summan argaa jabadhuu akkanummati iti jabadhuu ana

Anonymous said...

Ee waa gaarii quuqamumatu maaltu beeka gaaf tokko dhoohaaa.
garuu yaada kee baruuf Oromoonni naannoon walqoodanii, yookiis garaaf bulanii ofitti hammasaalfachuu fi abdii kutachuun nugahan bakka ammoo marti kutannoo hin qabnetti muraasni qofte quuqamnee yoom , yoom ... kaayyoon galma ga'a jetta? yaadamee yoo wanti naan jettu jiraate,