JAALALA BILISUMMAA HIRAAR GABRUMMAA
Hiraar gabrummaan sammuun na dhiphatee
Jaalala bilisummaan onneen na rarraatee
Jaalallee dhabeeti qaamni koo cinqamaa
Isii kan argadhu eegaa mee yoomumaa?
Guyyaa gad hin taa'uu halkan yoomin ciisaa
Isii argachuudhaaf abjuun na kaachisaa
Gochaan isii martinuu hirriibaa na kaasaa
Ani boojuu isiitii harka isiitin jiraa
Mee mala naaf dhawaa maal wayya yaa firaa?
Hamman jaalallee koo harkatti gonfadhutti
Jaalala isiirraa hamman wayyaa'utti
Jaalala isii dhugee hamman dheebuu ba'utti
Mi'aa jaalala isii hamman dhandhamutti,
Jooruu koo hin dhiisu halkanii fi guyyaa
Fala biraa hin qabuu maaluma naaf wayyaa?
Haalaa fi amala isiin onneen booji'amee
Qaamaa fi qalbiin koo gabrummaan golgamee
Ani cinqamaadha ja'ee osuman if boonsuu
Harka hin laadhuun osoon if jajjabeessuu
Rasaasni ija isii yeroo na mil'atu,
Harkatti na galfatte goonni goota caaltu.
Jaalala kee baadhee yooman alaa gala
Hangan si argadhutti numan alaanalaa
Jaalallee koo si argachuuf daggalattan galaa
Hammasittuu garuu yooman rafee bulaa?
Guyyaa si yaadadhee maqaa kee yoon kaasu
Halkanis dadhabee yeroon gadi ciisu
Harka kee hafarsaa " Jaala koo" naan jattaa
Abjuun natti dhufteet hirribaa na kaaftaa
Anis si simachuuf harka koon bal'isaa
Garuu ati hin jirtuu ani kophaan ciisa.
San boodas waan rafuu dagaleen lakkaa'aa
Waa'ee kee osoon yaaduu lafti naaf bari'a.
Jaalallee too boontuu tan hundinuu faarsu
Isii argachuudhaaf lubbuu ifiituu dabarsuu
Yeroon isii argadhe tanin ifiin boonsu
Yaa Jaalallee too koottu bilisummaa
Maqaa keetin faarsa galgalaa ganamaa
Halaala taa'ee sumaafin cinqamaa
Yaabo mee naaf himi wal argaan yoomumaa?

8 comments:
Haalaan nama gammachiiftii akkanumaan itti fufi!
Marsaan kee kun marsaa guddinarra jiruu rabbi haa guddisu. Walaloonis bareedduudha
Walaloon kee hedu nama gamachisa akkasuman itti fufi!!Rabbi si haa gudisu.
Gaadaan Gaadda Billisumati!!
Abboo abboo!!
Ija haa dhaamsuu kan nufaassuu
Kan waa baasuuf dhama raasu
Ani fixee waan hasaasu
guyyaa ifatti nubaasu
Waaqni haakaleessu!
Haalaan gaariidhaa jabaadhu jajjabaadhu.
Ak dansaa tolti. Rabbi si qarqaarina.
reported nearly everybody repay their own financial products before its due and also without having charges
A top consumer debt charitable desires how many folks embracing these individuals for the purpose of help more than fast cash advance credit card debts to make sure you 2x the following. consumer debt charitable states that close to buy all the temporary, large benefit loans in 2010. Your charitable trust affirms three years previously the number of prospects using them is unimportant.
pożyczka na dowód
kredyt na dowód zabrze
pożyczka na dowód przez internet
kredyt na dowód
pożyczki prywatne
http://kredyty-bez-bik.org.pl
http://kredytybezbiku.biz.pl
http://szybkapozyczkaonline.com.pl
Post a Comment