Sunday, July 7, 2013

OROMTICHA MOOTII SIRBAA






Sabboonaa Oromoo 
Alii Mahammad Muussaa
Kabajamaa namaa 
abbaa hujii boonsaa
Mee tamuma himeetin 
yaabo mee tam dhiisaa?
Barreeffamteen-dhumtu 
seenaa fi faaruunsaa
Xiqqon irraa himaa 
yaa dhiiroo dubbisaa.

"Namuu afaan isaan 
wallisutti jiraa
Sa duuba ani hoo 
namaa gadin jiraa?
Kiyya maal taheetin 
guddisa kan jaraa
koo malee hin wallisu 
du'eetuman dabraa"
Jechuun lafaa ka'e 
jalqabuma duraa.

"A.B jannee kaanaa
kanumaan jalqabnaa
Afaanuma keenyan
katabnee dubbifnaa"
Jecha gaafasii san 
akkamitti daganna.

Gaafattii duraanii 
gaafa jalqabaasan
Gaafa afaan keenyaan 
dubbachuu nu dhoorkan
Yeroo dubbataniis 
yakkatti laalaman
Garuu Alii Birraan 
gaafa san onnatan
Afaan Oromootiin 
walleedhaan dhawwaaqan.
Sodaa takka malee 
sabasaaf if kannan. 

Dukkana liqixii 
birraan nuuf ibsitee
Haguuggii afaanii 
alagaan uffifte
"Raadiyoona cabsa" 
jechuun kan moggaafte
Cimina kankeetiin 
ifatti garsiifte
Jara nu tuffate 
afaan qabachiifte.
Kan sodaatee tures 
onnee itti goote.

Inni durumarraa 
tokkummaadhaaf fiigaa
"Waa malli nu dhibee 
janne bitaa mirgaa
Karaa sirrii dhiifnee 
maaliif deemna moggaa"
Kan gaafas nuuf dhaame 
arrallee nuuf ragaa.

Hacuuccaa diinaatiin 
gaafa dhabne mirga
Yeroo Ahmad Taqii 
dhangalaasan dhiiga,
"Yaa Hundee bareedaa 
yaa fiinxee miidhagaa
Azalaa jannataa 
meeyra bishaan lagaa"
Sirba keessatti ibse 
gochaaf roorroo alagaa
Ammallee jiraadhu 
dhalachuun kee bagaa!

Walleen walaleeyseet 
dhaamsas dabarsataa
"Barnootaa barnootaa 
ammas barnootaa...
Kana tahuu qaba 
kaayyoon Oromootaa"
Akkas jechuudhaani 
sabasaa gorfataa
Ali Birraa keenya 
wahi nutti goomtaa!

Shantammeessoo kee 
kan itti eegalte
Namuu bakka jiruu 
wal afeerratee
Iddoo jiran hundaa 
biyyas dabalatee
Kabajaa kan keetiif 
bakkatti mul'atee
Lafarratti hin hafne 
hundaan dabaalamtee
An akka kiyyatti 
kunuu si-xiqqaate.

Oromticha mootii sirbaa 
siitu faaruu qabaa
Maqaa keetiin boonnee 
siit nuuf tahe abbaa
Gahee kan kee baatee 
oomishte jajjabaa
Sagalee taanteetiif
diina meeqaat gaabbaa
Tokko siin hin gitu
gaabbeetuma dhabaa.

Gochaan kee nu boonsee
tanaaf si faarfannaa
Nuti sabni kan kee
maqaa keen dhaaddannaa
Daawwitii nuuf taatee
hedduu si jaalannaa
Umrii dheertuu
Waaqa siif kadhanna.
Umrii dheertuu
Rabbi siif kadhanna.

Dr. Ali Birraa
ilma Mahammad Muussaa
Umriin tee haa taatu
umrii Harraageessaa!
Ammaallee jiraadhu
lammii gammachiiftee
Adawwiin tee shishim
cilee bishaan buute!
Adawwiin tee shishim 
cilee bishaan buute!

~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Najiib Zannuun/Marsimoonaa

No comments: