Tuesday, December 30, 2014

NAAF BEEKI!

N A A F  B E E K I !

Haalaaf amala keetiin qalbiin booji'amee
Qaamaa fi qalbii koon sirraahin qabamee
Yaanni natti duulee an hedduu cinqamee
Furmaatan dhabee mala naaf himi mee!

Akka durii mitii amma natti jabaattee
Suutuma suutatti miila natti fuutee
Akkan si jaaladhu beekullee yoo baattu
Dhugaanin si jaaladhaa naaf beeki yaa .........tuu.

Durirraa eegaleen si jaalachuttin jiraa
Himachuun sodaadhe waan garaa na jiraa
"Please!"naaf beeki mee an qabame sirraa
Atis na jaaladhu Rabbumaatu jiraa!
_______________
Najiib Zannuun

Saturday, December 20, 2014

IF HIN DAGATINAA!


Yoon dhaqullee baadhe carraan Ameerikaa
Anuu dhimman qabuu biyyi too Afrikaa
Tan namaa dhaquudhaaf maaltu ana rakka...
Kan achi dheeyxanii taane bakka-bakka
Numa jajjabaadhaa kan jiruu wal arkaa.

Isinis carrumaatu achiin isin mudee
Waluma agarra yoo walitti nu fide
Garuu calalaqqeen nurraan sobaminaa
Orma fakkaattanii biyyan dagatinaa!

Garii roorroo baasee kuunis carraaqqataa
Hoggaa achi dheeyxe maaliif if dagattaa?
Tan biraatiin boonteef mee maal argattaa?
If tahiituma booni teettu si qabataa!

Waanuma keetiitu afaan si mi'eessaa
Tan jaraa xuxxuuxxee hin tahin qisaasa!
Seerumaan uffadhu aadaan lakkisinii
Eenyummaa keen booni jaran fakkaatinii!

Kanneen dubartootaa nurraan sobaminaa
'Faashina' jettanii safuun mul'isinaa
Qaama dhooysaa dirreettin baasinaa!
Aadaa teessaniin boonaa ifin dagatinaa!

Atis ilmi dhiiraa ifin fokkisinii
Qaama kee irraa kofoo gadin shorreeysinii
Dur hin jirree baaftee saafuun mul'isinii
Waan hiika hin qabneen itti of hin rakkinii
Ziq jedhiiti deemi mataa keetiin boonii!

Tan ofii dagachuudha wanni nama qisaasu
Afaan ifii dubbachuudha wanni nama boonsuu
Kansaanii dubbachuun waa sin faranjoomsuu
If fakkachuun akkaan namatti tolaa
Eenyummaa keettu hundarra siif caala!

Dhimma saba keetii waan hunduma dursii
Aadaaf  ta'e afaankee sirritti jabeessii
Tan ormaa lagadhu,yaabo firraa dhiisii
Oromummaa kee bakkayyuutti mul'isi!
Oromummaa kee bakkayyutti leellisi!
_________________
Najiib Zannuun

Thursday, December 18, 2014

KOOMTOO

K O O M T O O
Qilleensi banbanee bubbeen laboobuuyyuu
Ardiin lafaa baddee samiin dulloomtuyyuu

Dacheen ani irra jiru nahubachuu diddee
Naannoon ani jiraadhu sum'iisaan nahiddee

Waanan guggubadhuuf an galmakoo beekaa
Galaana ogbarruukoo irra ciiseen daakaa

Koomtoo damma keessaa nadhiisaa coccobsee
Burqaa mul'atakoo an nandhuga dhoosee

Maaliif akkan uumame natti himeera keessikoo
Yoon du'es seenaan qaba lafa guute sanyiinkoo

Erga natti hinhimamnee hamman jiruuf jiraadhuu
Iyyeen bookkisa malee haala jiru hinsodaadhu

Gindillaa guddaa narra gudeelcha cimaan baadhaa
Dhahannaa onneekootiif guyyaa Waaqaan eeggadhaa!
______________________
BEEKAN GULUMMAA Irraa

Monday, December 1, 2014

"YOO DUBBANNE BUUBBEE YOO CALLIFNE BUQQEE"

"Akka hin nyaanne
Zangaadaa marqitee
Akka hin dhiifne 
Waa itti carreessitee"
Kunoo dubbiin tiyya
Tan akkasii taate
Gad baasee himachuu
Maalaatu na dhibe,
Callisee obsuus
Garaatu dadhabe
Furmaata hin garre
Malaa-marii dhabee.

Osoo wanni jedhan 
Dilli tokko jiruu
Akka itti jedhantu
Nama dhiba garuu
"Yoo dubbanne buubbee
Yoo callifne buqqee"
Akkas narraa taate
Tanaatu na cinqe.

Obsuun silaa gaarii
Yeroo makmaakanii
Akki Oromoon jatte,
"Obsan warroomanii"
Yoo obsines garuu
Hin jiru furmaanni!

Yoon baasee dubbadhe
Furmaanni ni jiraa?
Nama meeqaatu
Yaada koo deeggara?
Natti wal qarqabdee
Sammuutoo diddiraa
Tana sossodaadheen
Afaan qaphe firraa.

Dhugaa lafa jirtu
Yoon baasee dubbadhe
Silaa bar gaarumaa
Furmaata argadhee
Kan fashalsuu dhufa
Dubbii faallaa godhee
Tana hundan argaan
Obsuun ciniinnadhe!

Meeqaatu obsee
Callisee hususe
Akka jedhu dhabee
If keessatti sase
Ana qofaa miti
Baay'eetu callisee
Shira xaxxuu sodaa
Firraa itti dhiise.

Obsuun barbaachisaa
Hanga yoom obsinaa?
Mataa lafat qabnee
Usnee ciniinnannaa?
Tan natti jirtulleen
Kunoo dubbii tanaa
Dubbachuu moo obsuu
Tamtu irra as aana?

Onneen too haphatte
Yaanni keessa guutee
Sammuun too jeeqamte
Yaadaan booji'amtee
Naaf himaa yaa firaa...
falli yoo jiraate.
Naaf himaa yaa firaa...
yoo falli jiraate.
_____________________
Najiib Zannuun/Marsimoonaa