Saturday, December 20, 2014

IF HIN DAGATINAA!


Yoon dhaqullee baadhe carraan Ameerikaa
Anuu dhimman qabuu biyyi too Afrikaa
Tan namaa dhaquudhaaf maaltu ana rakka...
Kan achi dheeyxanii taane bakka-bakka
Numa jajjabaadhaa kan jiruu wal arkaa.

Isinis carrumaatu achiin isin mudee
Waluma agarra yoo walitti nu fide
Garuu calalaqqeen nurraan sobaminaa
Orma fakkaattanii biyyan dagatinaa!

Garii roorroo baasee kuunis carraaqqataa
Hoggaa achi dheeyxe maaliif if dagattaa?
Tan biraatiin boonteef mee maal argattaa?
If tahiituma booni teettu si qabataa!

Waanuma keetiitu afaan si mi'eessaa
Tan jaraa xuxxuuxxee hin tahin qisaasa!
Seerumaan uffadhu aadaan lakkisinii
Eenyummaa keen booni jaran fakkaatinii!

Kanneen dubartootaa nurraan sobaminaa
'Faashina' jettanii safuun mul'isinaa
Qaama dhooysaa dirreettin baasinaa!
Aadaa teessaniin boonaa ifin dagatinaa!

Atis ilmi dhiiraa ifin fokkisinii
Qaama kee irraa kofoo gadin shorreeysinii
Dur hin jirree baaftee saafuun mul'isinii
Waan hiika hin qabneen itti of hin rakkinii
Ziq jedhiiti deemi mataa keetiin boonii!

Tan ofii dagachuudha wanni nama qisaasu
Afaan ifii dubbachuudha wanni nama boonsuu
Kansaanii dubbachuun waa sin faranjoomsuu
If fakkachuun akkaan namatti tolaa
Eenyummaa keettu hundarra siif caala!

Dhimma saba keetii waan hunduma dursii
Aadaaf  ta'e afaankee sirritti jabeessii
Tan ormaa lagadhu,yaabo firraa dhiisii
Oromummaa kee bakkayyuutti mul'isi!
Oromummaa kee bakkayyutti leellisi!
_________________
Najiib Zannuun

No comments: