Wednesday, February 4, 2015



Bofa afaa jalaa kan osoo hin beekin nama miidhu hedduu argaa jirra.

Najiib Zannuun irraa

     Waa'een saba keenyaa kun yeroo dubbatamu waan hedduutu nama ajaa'iba. Yeroo sabni keenya dammaqee wal dhagayuun sosossoo'ee gamtaan falmachaa jirutti, gufuun qabsoo teenyaa ammas numa keessa burraayxi. Bofa afaa jalaa kan osoo hin beekin nama miidhu hedduu argaa jirra. Isaannan kun warreen olola ciree,laaqanaa fi Irbaataaf qabuudha. Gama 'Facebook' kanaan maqaa meeqa moggaafatanii siree jalatti dhokatanii arrabsoo hojii kanneen godhatan baay'ee agarra. Hinaaftuu fi talfuuftuu gadda Oromootti gammaddee gammachuu Oromootti gadditu kanneentu nu rakke.  

Namoonniin irraa dubbachaa jiruu fi amma nu rakkaa jiru; warreen gosummaa fi gandummaan sammuun isaanii doomte, warreen dhugaan itti hin mul'anne, warreen niitii ifii bulfatuu hin dandeenye kan nama biyya bulchuun mormuu fi Warra ofii hin baratin kan nama baratee fi hayyuudhaan dorgoomu kanneeni. Silaas maal goona gaa isaannan akkanaa kanaa waliin miliyoona 40 lakkaawwannee. 

Beektoonni keenya kanneen qarooman, kanneen dhugaan saba isaaniitiif dhimmaman warra olola qallabaaf qaban kana bira dabranii jiran. Waan fedhan odeessaa oolanis isaaniif gurra osoo hin laatin hojii isaanii itti jiru; addaan dhaabanii hin beekan.

Namni dhugaan Oromoo ta'e,kan Oromummaan hidda isaa keessa jirtu,Oromoo diina hin godhatu. Olola qabsaa'ootaa fi sabboontoota ilmaan Oromoo saba isaaniif laalatan irratti oofuun isaanii ifaan-ifatti diinummaa isaanii mul'isa. Isaannan kun warra mataan osoo hin taane hud.......dhaan yaadaniidha. Yoo dhugaan kan Oromoo ta'an ta'e; olola oofuu, maqaa wal xureessuu fi hamilee walii cabsuu irraa hatattamaan dhaabbachuu qabu! Yoo kan Oromoof diina kan jedhan ta'e, moggatti if baasanii ifa bahuun haa dubbatanii. Nu keessa taa'aa, nu fakkaachaa nuun mormuu hin danda'an. Garuu waan fedhan jedhanis, lallabaa oolanis nuti wahitti isaan hin shalagnu. Xurii qeensa jalaa beektoota keenyaa hin gayan. Ofumaaf of rakku malee dubbiin isaanii funyoo udaan buute.

Xumura irratti,sabboontoonni Oromoo kanneen dhugaan saba keessaniif hadooddan Miila mataan mormuuf bakka hin kanninaa akkuma itti jirtanitti tarkaanfii keessan itti fufaan dhaamsa kiyya.
Galatoomaa!

Najiib Zannuun

Thursday, January 29, 2015

NAMUU NUMA DU'A!


N͆A͆M͆U͆U͆ N͆U͆M͆A͆ D͆U͆'A͆!

Hunda hin hanqattu biyyeetu nyaataa
Hiyyeessas taanaan dureessa qabaataa
Gaafa guyyaan gahe biyyeen numa yaamtii
Du'a irraa hin oolu ilmi namaa marti!

Fedhanis jibbanis waanuman oolamnee
Didanis dhiisanis waan naman hanqanne
Dheeysitus jalaa numa hin baanee
Yeroo tantee geenyaan bira numan kunne.

Jiruu addunyaatti hangamillee turtu
Bashannantee raheessaas jiraattu
Mootii taatee biyyallee bulchitu,
Namutti wal qixaa tokko addan filtuu
Guyyaan kee geenyaan du'a jalaan baatu!

Lubbuu hunda dabareedhaan geessii
Aanga'ootas ta'e sheekotaa fi qeesii
Ilma namaa hundi faraqaa eeggannaa
Guyyuma wallaallee namuu numa duuna!

Warri qaroominaan bakka meeqa dhaqe
Warri qabeenyi onnee isaa tuttuqe
Du'a jalaa bahuuf xiqqollee hin yaallee
Duuti tan Rabbiitii waanuma hin oolamne!
____________________________
Najiib Zannuun

Monday, January 5, 2015

MUL'ATA DHUGOOME!



Hawwii bara dheeraa mul'atakoo cimaa
Tanin yaadaa ture ganna meeqaantama
Qashtii gitan qabne guuttamtuu waa hundaa
Takkittii too kuullee tan hin qabne mudaa
Isii argachuu koof an baay'een gammada!

Wal jaalachuu keenya garumatti qabannee
Anis hin gaafannee isiinis hin himannee
Osoo wal zigaalluu bara meeqa turree
Akka carraa ta'ee amma wal agarree.

Wal-fakkaattii lamaan kan walirraa deemu
Rakkoo fi bal'ina kan waliin dhandhamu
Gaddaa fi gammachuu kan waliif dhimmamu,
Isii argachuuf gammachuun koo hin dhumu!

Tanin abja'adheef bara meeqa guutuu
Tan jooree jaawwareef harkatti galfatuu
Waaqnis nan dhoorkanne isii anaan maltu,
Gammachuun koo dachaa Rabbiif haa galatu!

Tan dhugaan seente onnee tiyya keessa
Tan ijji too mil'atte ganama bariisaa
Tan keessa hin jirre jaalalti fakkeessaa
Akkaan onnee seentee hin qabdu bahiinsa!

Akkan an jaaladhutti tan ana jaalattu
Akkan an fedhutti tan ana feetu
Jaalalti nulachuu yoomiyyuu hin dhumtuu
Umrii dheerina Rabbiin nuuf haa laatu!

Nu lachuu gammannee lubbuun nu buxaaltee
Wajji habaqaallee duruu qaata saartee
Anis isii moo'een isiinis na mootee
Jaalala waliif qabnuutu isii hoongaa baate!

Jaalalti teenya,
Tan hin cabne tan hin dabne,
Tan hin daarre tan hin moofooyne,
Tan hin gooyne tan hin xoolooyne,
Tan hin cinne tan hin dhumne,
Tan hin jiiyne tan hin diigamne,
Tan hin burrooyne tan hin daalachooyne,
Gufuu fi gufaatii takka tan qunnamne,
Rabbiin nuuf haa godhu mootichi ol'aane!!!
❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦❦
Najiib Zannuun

Tuesday, December 30, 2014

NAAF BEEKI!

N A A F  B E E K I !

Haalaaf amala keetiin qalbiin booji'amee
Qaamaa fi qalbii koon sirraahin qabamee
Yaanni natti duulee an hedduu cinqamee
Furmaatan dhabee mala naaf himi mee!

Akka durii mitii amma natti jabaattee
Suutuma suutatti miila natti fuutee
Akkan si jaaladhu beekullee yoo baattu
Dhugaanin si jaaladhaa naaf beeki yaa .........tuu.

Durirraa eegaleen si jaalachuttin jiraa
Himachuun sodaadhe waan garaa na jiraa
"Please!"naaf beeki mee an qabame sirraa
Atis na jaaladhu Rabbumaatu jiraa!
_______________
Najiib Zannuun

Saturday, December 20, 2014

IF HIN DAGATINAA!


Yoon dhaqullee baadhe carraan Ameerikaa
Anuu dhimman qabuu biyyi too Afrikaa
Tan namaa dhaquudhaaf maaltu ana rakka...
Kan achi dheeyxanii taane bakka-bakka
Numa jajjabaadhaa kan jiruu wal arkaa.

Isinis carrumaatu achiin isin mudee
Waluma agarra yoo walitti nu fide
Garuu calalaqqeen nurraan sobaminaa
Orma fakkaattanii biyyan dagatinaa!

Garii roorroo baasee kuunis carraaqqataa
Hoggaa achi dheeyxe maaliif if dagattaa?
Tan biraatiin boonteef mee maal argattaa?
If tahiituma booni teettu si qabataa!

Waanuma keetiitu afaan si mi'eessaa
Tan jaraa xuxxuuxxee hin tahin qisaasa!
Seerumaan uffadhu aadaan lakkisinii
Eenyummaa keen booni jaran fakkaatinii!

Kanneen dubartootaa nurraan sobaminaa
'Faashina' jettanii safuun mul'isinaa
Qaama dhooysaa dirreettin baasinaa!
Aadaa teessaniin boonaa ifin dagatinaa!

Atis ilmi dhiiraa ifin fokkisinii
Qaama kee irraa kofoo gadin shorreeysinii
Dur hin jirree baaftee saafuun mul'isinii
Waan hiika hin qabneen itti of hin rakkinii
Ziq jedhiiti deemi mataa keetiin boonii!

Tan ofii dagachuudha wanni nama qisaasu
Afaan ifii dubbachuudha wanni nama boonsuu
Kansaanii dubbachuun waa sin faranjoomsuu
If fakkachuun akkaan namatti tolaa
Eenyummaa keettu hundarra siif caala!

Dhimma saba keetii waan hunduma dursii
Aadaaf  ta'e afaankee sirritti jabeessii
Tan ormaa lagadhu,yaabo firraa dhiisii
Oromummaa kee bakkayyuutti mul'isi!
Oromummaa kee bakkayyutti leellisi!
_________________
Najiib Zannuun

Thursday, December 18, 2014

KOOMTOO

K O O M T O O
Qilleensi banbanee bubbeen laboobuuyyuu
Ardiin lafaa baddee samiin dulloomtuyyuu

Dacheen ani irra jiru nahubachuu diddee
Naannoon ani jiraadhu sum'iisaan nahiddee

Waanan guggubadhuuf an galmakoo beekaa
Galaana ogbarruukoo irra ciiseen daakaa

Koomtoo damma keessaa nadhiisaa coccobsee
Burqaa mul'atakoo an nandhuga dhoosee

Maaliif akkan uumame natti himeera keessikoo
Yoon du'es seenaan qaba lafa guute sanyiinkoo

Erga natti hinhimamnee hamman jiruuf jiraadhuu
Iyyeen bookkisa malee haala jiru hinsodaadhu

Gindillaa guddaa narra gudeelcha cimaan baadhaa
Dhahannaa onneekootiif guyyaa Waaqaan eeggadhaa!
______________________
BEEKAN GULUMMAA Irraa

Monday, December 1, 2014

"YOO DUBBANNE BUUBBEE YOO CALLIFNE BUQQEE"

"Akka hin nyaanne
Zangaadaa marqitee
Akka hin dhiifne 
Waa itti carreessitee"
Kunoo dubbiin tiyya
Tan akkasii taate
Gad baasee himachuu
Maalaatu na dhibe,
Callisee obsuus
Garaatu dadhabe
Furmaata hin garre
Malaa-marii dhabee.

Osoo wanni jedhan 
Dilli tokko jiruu
Akka itti jedhantu
Nama dhiba garuu
"Yoo dubbanne buubbee
Yoo callifne buqqee"
Akkas narraa taate
Tanaatu na cinqe.

Obsuun silaa gaarii
Yeroo makmaakanii
Akki Oromoon jatte,
"Obsan warroomanii"
Yoo obsines garuu
Hin jiru furmaanni!

Yoon baasee dubbadhe
Furmaanni ni jiraa?
Nama meeqaatu
Yaada koo deeggara?
Natti wal qarqabdee
Sammuutoo diddiraa
Tana sossodaadheen
Afaan qaphe firraa.

Dhugaa lafa jirtu
Yoon baasee dubbadhe
Silaa bar gaarumaa
Furmaata argadhee
Kan fashalsuu dhufa
Dubbii faallaa godhee
Tana hundan argaan
Obsuun ciniinnadhe!

Meeqaatu obsee
Callisee hususe
Akka jedhu dhabee
If keessatti sase
Ana qofaa miti
Baay'eetu callisee
Shira xaxxuu sodaa
Firraa itti dhiise.

Obsuun barbaachisaa
Hanga yoom obsinaa?
Mataa lafat qabnee
Usnee ciniinnannaa?
Tan natti jirtulleen
Kunoo dubbii tanaa
Dubbachuu moo obsuu
Tamtu irra as aana?

Onneen too haphatte
Yaanni keessa guutee
Sammuun too jeeqamte
Yaadaan booji'amtee
Naaf himaa yaa firaa...
falli yoo jiraate.
Naaf himaa yaa firaa...
yoo falli jiraate.
_____________________
Najiib Zannuun/Marsimoonaa