Saturday, February 23, 2013



0                                               
                                            
                      

                    





                              DR. SHEIK MUHAMMAD RASHAAD


Sheeka keenya guddaa Kan uumamaan hayyuu
Waa’ee saba keenyaaf kan dhimmamu guyyuu
Seenaa isaa himee fixuu hin dandayuu
Xiqquman dubbadhaa namuu haa dhagayuu

Kan inni dhalate,kudha sagal soddomii afuritti
Abbaan isaa Kabiir Abdullee, ilma Mummayyaati
Haati isaa Faxumaa, intala shurraati
Bakki dhalootaa Oromiyaa, Carcar keessatti
Laga Arbaati magaalaa muummittii

Barnoota jalqabaa abbarraa baratee
Daran cimsachuudhaaf hayyama gaafatee
Beeytoota barbaada achi tarkaanfate
Hayyoota jajjaboo heddurraas barate
Sheik Bakrii Saphaloo isas dabalatee
Beekkumsa jajjabaa achirraa horate.

Barnoota biyyatti erga bakkaan gahee
Daran cimsatuudhaaf biyya alaa bahee,
Hayyama gaafate abbaa bira gahee
Innis ni eebbise addaan bahuuf nahee
Gaafa san jalqaba biyyarraa kan bahe.


Yaman tarkaanfatuun Su’udii dhaqee
Lubnaaniif Masrittis garasumaan maqee
Yunivarsiitii jalqabaa barachuuf qunnamee
Al-Azhaar keessattis akkaan jaalatamee
Doktarummaa isaa itti badhaafame.

Waan isaan nuuf godhan himamee hin dhumuu
Irrumaan tuttuqaa haa dhagayuu namuu

Arra guyyaa keessaa if waa hin barree
Uumamumaan Rabbiin keessatti unkure
Baradheen barsiisaaf tabba bahee raaree
Rakkoo adda addaa hunda jala taree
Kunoo arraan tana hedduut irraa bare.

Gaafa afaan keenya dukkanatti qaban,
Yeroo dubbatanii yakkatti laalaman,
Biyya Somaalerraa raadiyoon dhawwaaqan.
Qubee Afaan oromoon kitaabas maxxansan
Yoomuu hin dagannu waan isaan nuuf godhan.

Bara shantam dura kan inni dubbate
Mee akkaan hubadhu yoo qalbii qabaatte

“Bar seenaa kan kee baratuun si qabee
Namni seenaan qabne nama jiruu dhabee
Bar seenaa ifii baratuun wajabee
Namni seenaan qabne nama bakka dhabee
Yoo seenaan kan kee isa jabaa tayee
Bar ati dureessaa nama samii bayee
Yoo amanti’iin dura ati jabaa taate
Eega amanti’iitii sumaaf aduun baate”.
Akkas jechuudhaan dhaamsa dabarsate.

Waggaa meeqa guutuu itti ifaajanii
Afaan Oromootti qur’aana hiikanii
Sagalee qulqulluun gurra nu buusani.
Kana qofaa miti gumaachi isaanii
Kitaaba adda addaas hedduu maxxansanii
Himamee waan dhumu galanni isaanii
Jiraadhuu nuuf turi dheeradhu umriinii.
Galata kee haa galchu Rabbiin jannataanii


Kan dhugaa dubbatu isa hin kijibne
Kan haqa malee dharaaf raga hin bane,
Namaat jala deema malee kan nama jala hin deemne,
Horii fi bu’aadhaaf dantaa kan hin qabne,
Soda diinaatiif qishif kan hin janne,
Nuuf turi daranuu sumaan bayyanannee.

Sheek Muhaammad Rashaad kabiir Abdullaahii
Nuti si jaalanna dhugaan onnerraahii
Umrii dheertuun barayyuu jiraadhu
Bakka yaadde gahii wahayyuu argadhu!

Kan si hordofee bobba’u
Si faana deemee haa milkaa’u
Kan si jibbu hundi haa du’u
Hayyuun akka keetii bakka san haa bu’u.

Mil’uun kee diina haa kuffisu
Waaqni adawwii tee haa dhamaasu!

Akkuma kanaan itti fufi
Nyaapha keenyatti karaa cufi
Kan si hordofan hiriirsi
Diina kee wareersi!!

Najiib Zannuun
marsimoonaa@hotmail.com

















Monday, February 18, 2013

بسم الله الرحمن الرحيم


 بسم الله الرحمن الرحيم
 kitaaba qunsuliyyaa ityoobiya`aa tan jiddaa keessa kara`e
guyyaaa 10/4/2008 

Obboleeyan kiyya kan amma asitti walgeenye jalata  waaqaf galchina kan nu uumee dachii nuu uumee qananii hedduu keessatti nuu uume duuba qananii waaqa nuu kennerra takka nagayaan wal nu qunnamsiisee tokkumma`aan jaalalaan .
Obboleeyan kiyya yoo waa xiqqo hanga bara afurtamaa if duuba deebinee leelle waan zamana ammaa keessa jirruun adda fago gaafas maqaa ummata keenya dhawuun balleessa guddo ar`a ammoo maqaa ummataa keenya dhawuun gurra guddaa ammas gaafas afaan keenya kana raadiyo`orra dubbatuun balleesa guddoo ar`a afaan kana raadiyorraa dubbatuun gurra gudda duuba bakka ar`a geenye tana laaftu`utti hin argamne maalif akka namuu beekhu qabsoon dhiirti oromo`oo goote kan dhiirti oromo`oo itti dhumte beekamtu akkuma namuu qabsoo isaa hanga taate beekhu
Ammoo qabsoon an godhe guddo qabsoo afaan oromo`oo jiraachisu`uu godhe tayuu kan kitaabban barreesu`uu tayuu an wannin qalqabeen afaan oromo`ootin ummata khiyya dammeysu raadiyoo alarraa ammallee kharaa kaaseeta`aatin kharaa kitaaba adda addaa barreessu`uutin qabee oromo`ootin dalagaa tana hunda warra na dura dhaabbateetu jira haa tayuu  obseetuman itti goggogee bakkaan gaye .
Duuba qube`ee yoo isinii dubbadhe qubee afaan oromo`oo je`eetan kitaaba barreesse bara 1973 biyya soomaale`etti kitaaba san naa maxxansan maqaan isaa { furaa afaan oromo`ootin } duuba hoggaa kitaabni sun baye dhaabni soomaalee galbeed je`u hararirraa dhufanii mataa soomaale`ee { siyaad barre } itti dhaqanii wanni je`aniiin sheekh rashaad dudda duuban nu waraane aadaa oromo`oo facaasee oromoo nuti dirree lolatti ajjeefne maqdishoo kheessatti  jiraachise tanaaf jecha kitaaba qubee oromo`oo san walitti qabi gubi sheekh rashaad kitaaba san barreesse oromoo nuti ajjeefne jiraachise nuu ajjeessi takkaa nuutu ajjeeffataa nuu khenni  mataa soomaale`ee siyaad wanni je`een maalif kitaaba khana jibbatan maalif sheekh rashaad ajjeessu yaaddan si kitaabni khun amaara faarsee soomaalee arabsaa lakkii je`aniin duuba maaltu kheessa jira je`een jennaan humaa kheessa hin jiruu haa tayuu guddaan jiraa aada`aafii maqaa oromoo je`u  nutu aadaa oromo`oo  hin feenu maqaan oromo`ollee hin feenu .
Wanni aada`aan kan kitaaba kanarraa jiru kan isaan jibban san dardara oromo`oo shamarran oromo`oo walaloo suuraa .
Duuba siyaad wanni je`een yoo maqaa khana jirjiirre akkami je`ee gaarii je`aniin akkasiti kitaabni furaa afaan oromo`ootin baye deebisanii { furaa afaan abboo }  godhan haa tayuu kuma sadii irraa hanbisee waan kaan mana kitaaba maxansutti deebise duuba { furaa afaan obbo`otti deebisan maqaa duraa irraa buqqisanii duuba warri mana maxansaa keessa dalagu uffate kitaaba ka duraa kan  footoo intalaatifii suuraa footoo gurba`aa qabu guuratanii manattin galanii kitaaban joolle`eeti uffata godhan duuba barumma dhaabni galbeed wanni agarte darasaa soomaale`ee tan olii gadiin yaatu hoggaa san siyaaditti orina`anii sheekh rashaad kitaaba ati maqaa jirjiiri jetteen jirjiiru didee biyya kheessa facaase je`aniin hoggaa san ashkara natti ergee akkamitti waan ashkara khiya lolarraa dhaabuttu na seensiftee amrin an sin je`e dalaga`arra oolchuu diddee kitaaba facaaftee . wanni akkas je`eef dhaaba galbeedituu yoo waan sirra barbaane nu godhi baatee nuti hin lollu ati deemi loli je`aniin ,
Ammo an dubbii isaa hin didne kitaaba hin facaafne warra mana maxansaa keessa dalaguutu hoggaa kitaaba durarraa uffata cirani darbuu guuratanii uffata kitaabaa isii godhatan ammoo mana maxansa`aa maqaa kitaaba jirjiirre dhaqaa je`een arga akkasitti waaqa du`a gala na baase qubeen afaan oromo`oo laaftu`utti isaan hin geenye .
Waan maqaan jirjiiru`uu yaanni khiyya du`u seyan rabbiin akka hin duune akka ummanni oromo`oo lafaatii tiyyarraa bu`a argatu godhe tanaaf rabbiin nama  na wajji dhaabatu naa godhee kitaaba barnoota hedduu barreesinee hoggaa mangistuun biyerraa dhaysu warra biyaaf dalagu biyyatti deebi`ee qubee afaan oromo`ootif fudhatan laalanii qubee an khaaye san filatan filatanii amma biyya kheenya kheessatti itti dalagama afaan kanaan ummata hedduudhan dammeyse karaa walala`ootin gaafa ummanni kheenya maqaa tokkorratti walii galuu dhaban wannin je`e
 yaa ilmaan    oromoo    dubbii    too    dhagayaa
                    maqaafii afaanin harka tokko tayaa
namni      afaan    keetii     inni    shanyii    teetii
                   qoqqoteen gaafatin maali gosti teeti
dhiisaa  maqaa   gosaa   ka  dhiyoo    argamee
                   isa dur qabdhaa kan akkaan baramee
bar    maqaan     durattii     isaa-wwali-qqabaa
                   gosa sabaa hundaa taariikha ni qabaa
yoo  isin  wal  taatan   xiqqa'aafii    gudda' aanii
                   dhiirafii dhalaadhan walis jaalattanii
baraa   nam  tokkolleen     isin    duran   bayuu
                   dhiirummaa teessanis namuu haa dhagayuu
kan  oromoo  mormuu  takkaayuu  diinumaa
                   takkaayuu galtu'uu sodaati naa humaa
oromoon guddinaa nama hundee qabuu              
                     nama heddumminaaf dachii guddoo   qabuu
kan  isin guddisee gooytuma  keessanii      
                     galata akkaan galchaa mee rabbii keessanii
kan      isin   kabajuu  galata      argataa      
                     namni isin tuquu borutti     rakkataa
 ammas walaloo biraa wannin je`e :
dhiichisa oromiyaa
Oromiyaa biyya     too      
**
oromoo yaa  haadhaa  too
sii jettee lubbuun  tantoo
**
haa  duutuu yaa biyya too
bilisummaadhaa  jennee-kkaane  barii
yaa oromoo      sosso'ii   
**
bilisummaadhaa      ka'ii
bitti    teetii     ol    je'ii   
**
mee  xilaataa  gad  je'ii
oromiyaadhaa  jennee-dduunaa barii
namayyuu bar siin waliin 
**
Dhaabbataa waan qabaniin
Atummaan hin  laafatin
**
bilisummaa-rraan   bu'in
yaa oromoo gabrummaa hin eehamin
yaa oromoo hujumaan
**
bakka geessan wajjumaan
waan isin  balleessurraa
**
faffagaadhaa    akkumaan
yaa oromoo wal tayaa mee hundumaan
Tokkummaa teenya jabeessaa
**
dalagaa   hunda diriirsaa
cunqursaa firraa fageessaa
**
isin miidhuu mee-tti dhiisaa
yaa oromoo wan jalaa keessan fageessaa
dalagaa waan   keessaniif 
***
argadhaa   waan kaataniif
tokkuma'aafii  dalaga'aan
***
argatan  waan   deemaniif
              yaa oromoo dalagaa waan kaataniif
 dhiichisa (oromiyaa) kana sh. m. R. A. tolche
bara 1975 m
 obboleeyan kiyya wanni dubbadhe inni  waanin umata keenyaf dalagarraa waa xiqqo wanni hafe guddo akkuman an biya alaa taa`ce biya tiya ummata khiyya dalage dhiirti oromo`oo ummata isaanitif waa hedduu daleydee ammallee dalagu`utti jirti sanirraa kharaa harariifii  baale walitti hidhu baasu ammallee raadiyoo ummata oromo`ootif dhaabbate banu gadaa abbaa nuura kheessatti xumarame ammallee waan oromoo fayyadu dhiirti oromo`oo bakka hundaa dalagu`utti jiran rabbi isaan haa gargaaru  
     Dr / Mohammed rashaad kabiir abdullee
kabiir muummayyaa

Friday, February 15, 2013

AFAAN OROMOO


 
AFAAN OROMOO
Seensa:
Afaan Oromoo Afaanota Kuush bahaa keessaa tokko ta’ee afaan Gaanfa Afrikaa keesstti ummata baay’eedhaan dubbatamuu dha.
Afaan Oromoo barreessuuf, dubbisuuf Qubeen Laatiinii (Roman script) filatamee hojii irra oolee jira. Kun dura namoota biyya Awurooppaan, booda kana ammoo ilmaan Oromoon erga eegalee bubbulee jira.
Sababni qubeen Laatiinii Afaan Oromoof kan warra saabaa irra filatameef gabaabaatti akka armaa gadii ta’a.
Dubbifamaa fi dubbachiiftuun adda bahanii waan beekkamaniif
Sagalee dheeraa fi qabaabaa waan qabuuf waldhawiinsa hiika jechootaa hin qabu.
Sagalee jabaa fi laafaa waan qabuuf jijjirama laafinaa fi jabinaa waan hin qabneef
Jijjiirama dubbachiifuun qubee laatiinii Afaan Ingilizii keessatti argisiistuu hin qabu.
FKnf:- Afaan Ingilizii keessatti:
‘A’n akka ‘A’tti oggaa dubbifamu- at
" " ‚E’tti oggaa dubbifamu -ate
„ „ ‘O’tti oggaa dubbifamu -all
Lakkoobsaan muraasa waan ta’eef salphaatti qayyabatama.
Bakka sagaleen jecha tokkoo addaan citutti hudhaa galchuun waan adda baafatamuuf kaan irra filatame.
 
I/ QUBEE AFAAN OROMOO:
Qubeen Afaan Oromoo lakkoobsaan 32 ta’u. Guguddaa fi xixiqqaas qabu:
1/ Qubee Afaan Oromoo Guguddaa:
A B C CH D DH E F G H I J K L M N NY O P PH Q R S SH T TS U V W X Y Z
QUBEE AFAAN OROMOO XIXIQQAA:
a b c ch d dh e f g h I j k l m n ny o p ph q r s sh t ts u v w x y z
Qubeen Afaan Oromoo gosa lama qaba. Isaanis qubee qeentee fi qubee dachaa jedhamu.
Qubee Qeentee:
Qubee qeenteen hidhata malee qofaa barreeffama. Guguddaa fi xixiqqaa qaba.
 
A. Qubee Qeentee Guguddaa:
Qubee guguddaa qeenteen guguddoo ta’anii warra hidhata malee of danda’anii dhaabbatanii dha. Isaanis kanneen kanatti aananii tarrifamanii dha.
A B C D E F G H I J K L M N O P Q R S T U V W Y X Y Z
 
 
B. Qubee Qeentee Xixiqqaa:
Qubee xixiqqaa qeenteen xixiqqoo ta’anii akkuma warra guguddaa hidhata malee of danda’anii warra barreeffamanii dha. Isaanis kanatti aananii tarrifamanii jiru.
a b c d e f g h i j k l m n o p q r s t u v w x y z
Qubee Dachaa:
Qubee dachaan lama ta’anii walitti hidhamuun akka harfii yookaan qubee tokkottiwarra dhaabbatanii dha. Isaanis guguddaa fi xixiqqaa qabu.
Qubee Dachaa Guguddaa:
CH DH NY PH SH TS ZY
Qubee Dachaa Xixiqqaa:
Ch dh ny ph sh ts
 
Qubeen afaan oromoo bakka lamatti qoodamu. Isaanis dubbufamaa fi dubbachiiftuu jedhamu.
1. Dubbifamaa: (Consonant)
B/b C/c CH/ch D/d DH/dh F/f G/g H/h J/j K/k L/l
M/m N/n NY/ny P/p PH/ph Q/q R/r S/s SH/sh T/t TS/ts V/v W/w X/x Y/y Z/z
2. Dubbachiiftuu: (Vowels )
A/a E/e I/i O/o U/u
Dubbifamaan ofii sagalee hin qabu, Yoo dubbachiiftuu of biraa qabaate malee
Dubbachiiftuun ammoo ofiis sagalee qabdii dubbifamaafis sagalee kenniti.
Dubbifamaa fi dubbachiiftuun walitti ida’amanii sagalee kennu.
Fkn: dubbifamaa + dubbachiiftuu - sagalee (Sound)
B + U - BU
N + A -NA
L + A - LA
G + A - GA
 
 
Sagalee fi sagaleen ammoo walitti idaa’amanii jecha ta’u.
Fkn: Sagalee + sagalee - jecha (word)
Bu + na -Buna
Ma + na - Mana
Dha + la - Dhala
Ta + pha - Tapha
Go + cha - Gocha
Sagaleen jecha tokkoo dheeraa ykn gabaabaa ta’uu danda’a.
1. Sagalee gabaabaa:
Sagalee gabaabaan dubbachiiftuu tokko qofa qaba.
Kanaaf dubbachiiftuu gosa shanan irraa sagalee gabaabaa gosa shantu argama.
Fkn: a e i o u
Ba Be Bi Bo Bu
Ca Ce Ci Co Cu
Cha Che Chi Cho Chu
. . . . .
. . . . .
. . . . .
Za Ze Zi Zo Zu
 
2. Sagalee dheeraa:
Sagalee dheeraan dubbachiiftuun gosti tokko lama ta’anii walitti aananii oggaa galanii dha.
Fknf: aa ee ii oo uu
Baa bee bii boo buu
Caa cee cii coo cuu
. . . . .
. . . . .
. . . . .
nyaa nyee nyii nyoo nyuu
paa pee pii poo puu
phaa phee phii phoo phuu
qaa qee qii qoo quu
raa ree rii roo ruu
. . . . .
. . . . .
. . . . .
. . . . .
. . . . .
zaa zee zii zoo zuu
Gilgaala 1ffaa: (Exercise)
Dubbisi!
Nya, A, ch, Y, Z, v, u, dh, g, ts
II. Gaaffiillee Kanatti Aanan Deebisi!
Dubbifamaa hunda barreessi!
Qubee dachaam lakkobsaan meeqa ta’u?
qubee dachaa keessaa sadii barreessi!
Qubee qeentee guguddaa hunda barreessi!
Qubeen Afaan Oromoo lakkoobsaan meeqa ta’u?
III. Bakka duwwaatti guuti!
1. ___ + a = na
2. g + u = ____
3. y + __ = yo
4. h + c = ___
5. Ny + __ = nya
IV. Bakka duwwaattii Sagalee guutamuu qabu Guuti!
Sagalee + Sagalee = Jecha
1. bu + ____ = buna
2. __ + fa = lafa
3. ga + ____ = gama
4. ___ + ma = nama
5. bo + ___ = bona
6. a + ___ = ana
7. ___ + ja = ija
8. e + ___ = eda
9. I + ___ = ishee
10. __ + laa = ulaa
 
II. Jecha:
Jechi sagalee lama ykn lamaa ol irraa tolfama.
Sagaleen jecha tokkoo dheeraa ykn gabaabaa ta’uu.; yookan ammoo jabaa ykn laafaa ta’uu danda’a.Bakka bakkatti makaa jabaa fi laafaa ykn dheeraa fi gabaabaa ta’u danda’a. Kun ammo hiika adda addaa akka qabaatan godha. Isaan kana akka itti aanutti tokko tokkoon ilaalla.
1.Jechoota sagalee gabaabaa leexaa:
Jechi gabaabaa leexaan sagalee gama duraa fi gama boodaan gaggabaaboo oggaa ta’anii dha. Kana jechuun sagaleen gama lamaanuu dubbachiiftuu tokko tokko qofaa qbaatu jechuu dha. Fakkeenyaaf jechoota armaa gadii haa ilaallu.
bona, Bara, Buna, Dhala, dhuma, Laga, tapha, nama, mana, lola, muka, lafa, uka, ija, ona, eda, ala, ana
2. Jechoota sagalee dheeraa leexaa:
Dheeraa leexaa jechuun sagaleen jecha tokkoo gama lachuun jechuun gama duraa fi boodaan dhedheeroo oggaa ta’anii dha. Dibbachiiftuun sagalee gama lamaanii dachaa ta’u jechuu dha.
Fknf:’ Aadaa, Eelee, Aagii, Oolaa, Uumaa,Daadhii, Gaarii, kuulii, Nyaataa, Waadaa, Laaqii, Xaafii, Raatuu
Hub: Dheerinnii fi gabaabinni sagalee dubbachiiftuu ilaala.
3. Jechoota sagalee laafaa:
Sagalee laafaan dubbifamaa tokko qofa qaba
Fknf: Laga, Lama, shora, dhara, gara, qara, quba, guna, ala, eda,
 
4. Jechoota sagalee jabaa:
Sagalee jabaa jechuun dubbifamaan gosti tokko lama ta’anii walityti aananii oggaa galanii dha.
Fknf; Akka, Adda, Bakka, Damma, Amma, irra, Warra, Gurra
Hub: Jabinnii fi laafinni sagalee dubbifamaa irra hundaa’a.
Jalqaba irratti sagaleen hin jabaatu. Kana jachuun dubbifamaan dachaa ta’ee hin barreeffamu.
Gilgaala 2ffaa
1.1 Jechoota armaan gadii dubbisi!
Jala, jira, waaree, Tophi, maci, jaarraa, tabba, jibba, mooquu,
1.2 Barreessi:
Ala, eela, ija, isa, uka, fuuloo, eelee, ooluu, uraa, fura, nyaachuu, laddaa
1.3 Jachoota sagalee gabaabaa leexaa 5 barreessi!
1.4 Jachoota sagalee dheeraa leexaa 10 barreessi!
1.5 Sagalee gabaabaa jechuun maal jechuu dha? Fakkeenya 3 keenni!
1.6 Dheeraa leexaa jechuun maal jechuu dha?
1.7 Fakkeenya lamaa kan dubbachiiftuun eegalanii fi sadii dubbifamaan eegalan barreessi!
1.8 Dubbifamaa keessaa qeentee shanii fi dachaa sadii barreessi!
1.9 Qubee dachaa tartiibaan hunda isaanii barreessi!
1.10 Qubee dubbachiiftuu hunda isaanii barreessi.
1.11 Jechoota dubbifamaan eegalan dheeraa lamaa fi gabaabaa sadii barreessi!
5. Jechoota sagalee makaa:
Jechi hundi gabaabaa leexaa ykn dheeraa leexaa qofa ta’uu hin danda’u.
Sagalee dheeraa fi gabaabaan ykn jabaa fi laafaan walitti hidhamuun jecha uumuu danda’u. Jechootni akkasitti ijaaraman makaa jedhamu.
A/ jechoota sagalee gama duraa dheeraa:-
Isaan akkasii ennaa dubbifaman jalqaba irratti dheeratanii ykn irra harkisamanii dubbifamu. Dhuma irratti garuu nigabaabbatu.
Fknf: Aara, Aaga, eela, Baala, Cooma, Boora, teepha, nyaara, shoora
B/ Jechoota sagalee gamaa boodaan dheeraa :
Isaan kana keessatti ammoo dubbachiiftuun sagalee jalqabaa qeentee, sagaleen boodaa ammoo oggaa lama ta’uu dha.
Jechooti akkasii oggaa dubbifaman jalqaba irratti gabaabbatanii dhuma irratti ammoo irra harkifamanii dubbifamu.
Fkn: adii, odaa, ukoo, aduu ifaa okaa ulaa, bobaa cufaa, dhugaa, tumaa, bulaa, cimaa, shoraa, galaa
Gilgaala 3ffaa
2.1 Dubbisi! Toora, yoona, hooda, booka, coora, oggaa, buttaa, shutaa, gumii, guchii, cabbii, haphee, qakkee, dhaddee, dhibboo,dhiphuu,
2.2 Barreessi! Tuuta qooda, nyaata, dhaala, dhaaba, seera, afaa, oduu, uluu, uruu, onnee.
2.3 Jechoota gama duraan dheeraa 5n barreessi!
2.4 Jechoota gama boodaan dheeraa 10 barreessi!
2.5 Soba ykn dhugaa jechuun deebisi!
a. Sagalee dheeraan dubbifama lama qaba.
b. Dheerinni fi gabaabinni dubbachiiftuu qofa hubata ykn ilaala.
c. Bakka dubbifamaan qeentee ta’etti sagaleen ni laaffata.
d. Sagalee gabaabaan dubbachiiftuu tokko qaba.
e. Qubee tokko ida’uu ykn hir’isuun hiika jechaa hin jijjiru.
f. Jalqaba jechaa irratti sagaleen jabeessuuf dubbifamaa dachaatu barreeffama.
g. Sagaleen dubbachiiftuun eegalu dheerachuu ni danda’a.
h. Jechi sagalee makaa gama duraa qofaan kan dheeratu dha.
Hima
1.1. Hima jechuun tuuta jechootaa walitti ida’amanii (ijaaramanii) waa ibsanii dha.
Bakka bakkatti xumurtoota keessaa tokko dhuma irratti yoo dabalatan malee yaada ykn haala hin ibsani.
Walumaa gala jechootni walitti ijaaramanii hima ta’u.
Fakkeenya kanatti aananii tarrifaman haa ilaallu.
Jecha + jecha = hima
Buna + dhuga = buna dhuga
Mana + jira- = mana jira.
Lola + dhaqe- = lola dhaqe
Lagaa + gala = lagaa gala
Boora + qale = boora qale
Hulaa + bane = hulaa bane
1.2. Jechoota sagalee lamaa olii:
Jechootni tokko tokko sagalee lamaa ol irraa ijaaraman.
Fkn: Sagalee + sagalee + sagalee = jecha
A + da + ba = adaba
Ee + ga + luu = eegaluu
I + jaa + ruu = ijaaruu
Ka + lee + ssa = kaleessa
Go + ro + ra = gorora
Jechootni kanatti aanan fakkeenya jechoota sagalee lamaa olii ti.
Ajaja, olola, bolola, loqoda, jaalala, jalalii, qullubbii, ganama,
Gilgaala 4ffaa
3.1. Jechoota armaa gadii irraa hima tolchi!
Jira, bona, karra, hiruu, dhama, fura,
3.2. Soba ykn dhugaa jechuun deebisi!
A/ Himni hundi xumurtuu qaba.
B/ Himni dubbifamaa qofaan jalqaba.
C/ Hima jachoota lamaa qofaa irraa ijaaruu ni danda’ama.
D/ Himni hundi dhugaa ibsa.
E/ Himni tuuta jachootaa irraa tolfama.
4.3 Jechoota armaan gadii bakka sirriitti guuti.
Haqa, booka, nyaata, hoolaa, barii
1.__________________nyaate.
2._Inni_________________jiru beeka.
3. Boonaan _____________ dhugaa jira.
4. Ganama ______________ deeme.
5. Dallaa keessaa ____________ yaase.
4.4. Barreessi
Gama sana dhaqe.
Muka muree mana ijaare.
Ala sana rafe.
Jara bira dhaqee bule.
Guyyaa guutuu jooraa oolee gale.
4.5 Jechoota kana itti aanan irraa hima ijaari!
Dhodhoosuu,
Olola
Gorora
Gabaabaa
Gugguufuu
 
Irra-buta.
Jechoota tokko tokko keessatti oggaa barreeffaman dubbifamaan gosti lama walitti aananii utuu dubbachiiftuun gidduu hin galiin barreeffamu. Isaan akkasii oggaa dubbifaman, dubbifamaan jalqabaa irra-butamee isa lammaaffaa irratti jabaata. Isaan akkasii irra buta jedhamu.
Fknf: arba, amna, erbee, ilma, olbaa, ulmaa, boombii, cuunfaa, dilbii, fuunfachuu
Hub: Dubbifamaan sadii ta’anii walitti aananii hin galan.
Gilgaala 5ffaa
5.1. Dubbisi
birkii, borqii, angafa, angoo, ergaa, hirphuu, irbuu, kolbaa, gaangee,
5.2.Barreessi.
Rirma, golboo, cuftuu, giingee, dhoolbee, gorba, tortorsuu, tarsaasuu, gumbii gunfura.
5.3. Jechoota armaa gadiin hima ijaari.
Milki, ulmaa
Morma gonfaa
Harma marxoo
Harka qabsoo
Jilba furgaasuu
 
 
5.4. Jechoota itti aanan bakka sirriitti guuti!
Qabsoo, galgala, garbuu, sarbaa, cunqeessuu,
Eda_____________ dhufe.
Bilisummaan ____________ fedha.
Taa’ee dubbii _______________ jaallata.
Owuruu isaa hunda ____________ facaafate.
________________n ishee barbadaa fakkaata.
5.5. Jechoota irra-butaa gama boodaan dheeraa 5 barreessi.
5.6. Barreessi dubbisi!
Bifti culullee gurraacha.
Buddeena boqqolloo jaallatti
Abbaa mana kanaa beektaa?
Waraanni keenya haxii hidhee diina barbadeesse.
Laga Birbir gmaa ganda kanatti gale
Sirna gabroomsaa burkuteessuuf qabsoofna.
Tooftaa fi tarsiimoo qabsoo wal barsiisna.
Gurbicha simbo dhablee sana beektaa?
Barsii garbuu tuultee gubde.
Wirtuu dugdaa keessa waxale.
Hudhaa (’)
Afaan Oromoo barreessuu fi dubbisuu keessatti seerota hordofamuu qaban keessaa tokko hudhaa dha.
Hudhaan mallattoo bakka oggaa jecha tokko dubbisnu sagaleen jechichaa addaan citutti galuu dha.
Afaan Oromoo keessatti oggaa dubbisnu, bakka afuurrii sonba irraa ka’ee gara laagaa dhufu sagaleewwaan jecha tokkoo addaankututti hudhaan (’) gala.
Fknf: Har’a, baay’ee, hir’uu, xaa’oo, gu’aa, mi’a, don’a, bal’aa, qu’uu, waa’ee
Hub: Dheerinnii fi gabaabinni sagalee dubbachiiftuu dubbifamaan dura ykn booda
galu irratti akka hundaa’u ilaallee jirra. Hudhaa keessatti ammoo dheerinni
sagalee gama duraa fi boodaa dubbachiiftuu hudhaa dura ykn booda galuirratti
hundaa’a.
Fknf:
A. Gama duraan dheeraa:
Yaa’e, taa’e, boo’e, kaa’e,
C. Gama boodaan dheeraa:
lo’aa, se’uu, ka’uu, mo’oo, du’aa, de’uu, ro’oo, re’ee
D. Gabaabaa leexaa:
ka’e, ho’a, du’a, sa’a, mi’a, gu’a
E. Dheeraa leexaa:
xaa’oo, waa’ee, yaa’ii, yaa’aa, kaa’uu, boo’uu
Gilgaala 6ffaa
6.1. Dubbisi!
Bari’uu, raata’uu, mar’ataa, bar’uu, daa’ima, muusa’uu mil’uu, hir’ina, dhama’uu, bal’oo.
6.2. Barreessi!
Ji’a ja’a naanna’ee ce’e.
Si’ana si’oo gaarii qaba.
Dallaa bal’aatu itti naanna’ee jira.
Yaa’ii guddaatu walitti yaa’ee taa’a.
Yaa’a bal’aa utaalee ce’e.
Bariin bari’uu yaadda’a.
Naanna’ee diina secca’ee haxaa’e.
Ibidda bar’uu miillaa itti ta’e.
Muusa’ee raata’ee taa’a.
Xaaxa’ee tarsa’ee faca’e.
6.3. Keessaa filii deebii sirrii ta’e bakka duwwaatti guuti!
1. __________ barii deeme. a/ har’a b/eda c/dhi’a
2. Lagaa gaaratti ol ___________ a/ taa’e b/ ba’e c/ce’e.
3. Fo’aa ___________ gurgurate. A/fa’a b/dha’a c/fo’ee.
4. Ilmoo ___________ qalate. A/ ra’ee b/sa’aa c/ bu’ee
5. Barcuma irra ________. A/ taa’a b/ ta’a c/taa’aa
6.4. Jechoota armaa gadii keessaa filii bakkoota duwwaatti guuti!
Solola’i, burcuccaa’e, dhangaggaa’e, balali’a, hir’uu
F. Buddeenni _____________ laphee nama guba.
G. Caaltuun_______________ yaa jaali naan jedhte.
H. Raasnaan ______________ .
I. ____________ gad fagoo wayya.
J. Allaattiin qilleensa irra _________.
Xumurtoota(taasuu xumuraa/verbs)
Xumurtootni- Sagalee dubbifamaa fi dubbachiiftuu irraa ijaaraman ta’anii dhuma himaa irratti galanii buufachiisu (xumursiisu.) Isaanis kanneen kanatti aanii dha.
dha, ti, kaa, miti, dhaa, tii mitii ,ree,/yii
1. ‘dha’n- jecha miti.
- Dhuma himaatti qophaa of danda’ee galuun hima xumursiisa.
Fkn:- Boontuu fi Boonsaan obbolaa dha.
Urgeen b arsiistuu dha.
Kan eenyummaa isaa hin beekne doofaa dha.
2. ‘ti’n- jecha miti.
-Kophaatti of danda’ee galuun hima xumursiisa.
Fkn:- Oromiyaan kan Oromoo ti!
Gamtaan obboleessa Lalisee ti.
3. ‘kaa’n- jecha miti.
Hima gaaffii ykn ajaja of keessaa qabu dhuma irratti galuun xumursiisa.
-Kophaatti of danda’ee gala.
Fkn:- Bor naaf dhufta kaa?
Dafii dhaqqabi kaa!
4. ‘ree’n- jecha miti.
Sagalee dheeraa ta’ee hima gaaffii of keessaa qabu xumursiisa.
Kaa ykn yii waliin wal fakkaatu.
-Kophaatti jecha biraatti utuu hin hidhamin galu.
Fkn:- Bor naaf fiddaa ree?
Daftee deebitaa ree?
5. ‘miti’n- jecha hima diddaa /mormii xumursiisuu dha.
Fkn:- Oromoo fi Habashaan tokko miti.
Kan eenyummaa isaa hin beekne sab-boonaa miti.
6. ‘mitii’n- Jecha hima gaaffii xumursiisuu dha.
Fkn:- Isheen sun Saartuu mitii?
Soorii fi Sooressaan lakkuu mitii?
7. ‘dhaa fi tii’n- Lamaanuu hima gaaffii buufachiisu.
Dhuma himaa irratti kophaatti of dandaa’anii galu.
Fkn:-
A/ ‘dhaa’- Kan afaan Oromoo dubbatu hundi Oromoo dhaa?
Inni dhufaa jiru sun boonsaa dhaa?
B/ ‘tii’- Boontuun obboleettii kee tii?
Garbuun midhaan gammoojjii tii?
Gilgaala 7ffaa
7.1. Barreessii dubbisi!
Caaltuun qabsooftuu dha.
Oromiyaan biyya Oromoo ti.
Kan argatan irra kan abdatantu caala mitii?
Yoo sussukte har’a dhaqqabdaa ree?
Obsa guddisuun wallaalummaa dhaa?
Saffisaan bobba’ii dafii deebi’i kaa!
Sab-boonummaan dhiphummaa miti.
Alagaan bitamuun qaanii guddaa ta’uu hubattee mitii?
Dubbachuu dura qalbeeffachuun gaarii dha.
Qabsoon keenya kan haqaa ti!
7.2. Xumurtoota armaan gadii bakka sirriitti guuti!
dha, miti, ti, kaa, tii,
Bor naaf dhufta __________!
Oromummaan afaan qolfaa ______.
Teessoon isaa Finfinnee _______ .
Ibsituun obboleettii Bariisoo _______.
Hundeen ilma Tolaa _________?
 
7.3. Bakka duwwaatti xumurtuu sirrii filii guuti!
1. Kan eenyummaa isaatti qaana’u doofaa _____.
1. kaa b. ree c. dha
2. Iftaan naaf deebista _____.
dha b. kaa c. miti.
3. Ayyaantu kaameettii intala Oromoo ______.
a. ti b. dhaa c. tii
4. Alagaaf Waardiyyaa dhaabbachuun bilisummaa ________?
ti b. dhaa c. tii
5. Oromummaan Habashummaa miti, ittiin naaf jedhi _______!
a. miti b. dhaa c. kaa
7.4. Xumurtoota itti aananiin hima ijaari!
dhaa, tii, mitii, ree, dha.
Gudunfaa
1/ Dubbachiiftuu fi dubbifamaan sagalee ta’u. Sagalee fi sagaleen ammoo jecha kennu.
2/ Gabaabinni fi dheerinni sagalee dubbachiiftuu hubata.Laaffinnii fi jabinni sagalee
ammoo dubbifamaa hubata.
3/ Qubee tokko(dubbachiiftuu ykn dubbifamaa) ida’uun ykn hir’isuun hiika jechaa ni
jijjiira.
4/ Dubbifamaan gosti lama yoo walitti aananii galan inni jalqabaa irra butamee isa
lammaffaa irratti jabaata. Kanaaf irra-buta jedhama.
5/ Hudhaan jecha tokko oggaa dubbisnu bakka afuurri sonba irraa ka’ee gara laagaa
dhufu sagaleewwan jecha sanaa addaan kututti gala.