0
DR. SHEIK MUHAMMAD RASHAAD
Sheeka
keenya guddaa Kan uumamaan hayyuu
Waa’ee
saba keenyaaf kan dhimmamu guyyuu
Seenaa
isaa himee fixuu hin dandayuu
Xiqquman
dubbadhaa namuu haa dhagayuu
Kan inni
dhalate,kudha sagal soddomii afuritti
Abbaan
isaa Kabiir Abdullee, ilma Mummayyaati
Haati
isaa Faxumaa, intala shurraati
Bakki
dhalootaa Oromiyaa, Carcar keessatti
Laga
Arbaati magaalaa muummittii
Barnoota
jalqabaa abbarraa baratee
Daran
cimsachuudhaaf hayyama gaafatee
Beeytoota
barbaada achi tarkaanfate
Hayyoota
jajjaboo heddurraas barate
Sheik
Bakrii Saphaloo isas dabalatee
Beekkumsa
jajjabaa achirraa horate.
Barnoota
biyyatti erga bakkaan gahee
Daran
cimsatuudhaaf biyya alaa bahee,
Hayyama
gaafate abbaa bira gahee
Innis ni
eebbise addaan bahuuf nahee
Gaafa san
jalqaba biyyarraa kan bahe.
Yaman
tarkaanfatuun Su’udii dhaqee
Lubnaaniif
Masrittis garasumaan maqee
Yunivarsiitii
jalqabaa barachuuf qunnamee
Al-Azhaar
keessattis akkaan jaalatamee
Doktarummaa
isaa itti badhaafame.
Waan
isaan nuuf godhan himamee hin dhumuu
Irrumaan
tuttuqaa haa dhagayuu namuu
Arra
guyyaa keessaa if waa hin barree
Uumamumaan
Rabbiin keessatti unkure
Baradheen
barsiisaaf tabba bahee raaree
Rakkoo
adda addaa hunda jala taree
Kunoo arraan
tana hedduut irraa bare.
Gaafa
afaan keenya dukkanatti qaban,
Yeroo
dubbatanii yakkatti laalaman,
Biyya
Somaalerraa raadiyoon dhawwaaqan.
Qubee
Afaan oromoon kitaabas maxxansan
Yoomuu
hin dagannu waan isaan nuuf godhan.
Bara
shantam dura kan inni dubbate
Mee
akkaan hubadhu yoo qalbii qabaatte
“Bar seenaa kan kee
baratuun si qabee
Namni seenaan qabne nama
jiruu dhabee
Bar seenaa ifii baratuun
wajabee
Namni seenaan qabne nama
bakka dhabee
Yoo seenaan kan kee isa
jabaa tayee
Bar ati dureessaa nama samii
bayee
Yoo amanti’iin dura ati
jabaa taate
Eega amanti’iitii sumaaf
aduun baate”.
Akkas
jechuudhaan dhaamsa dabarsate.
Waggaa
meeqa guutuu itti ifaajanii
Afaan
Oromootti qur’aana hiikanii
Sagalee
qulqulluun gurra nu buusani.
Kana
qofaa miti gumaachi isaanii
Kitaaba
adda addaas hedduu maxxansanii
Himamee
waan dhumu galanni isaanii
Jiraadhuu
nuuf turi dheeradhu umriinii.
Galata
kee haa galchu Rabbiin jannataanii
Kan
dhugaa dubbatu isa hin kijibne
Kan haqa
malee dharaaf raga hin bane,
Namaat
jala deema malee kan nama jala hin deemne,
Horii fi
bu’aadhaaf dantaa kan hin qabne,
Soda
diinaatiif qishif kan hin janne,
Nuuf turi
daranuu sumaan bayyanannee.
Sheek Muhaammad
Rashaad kabiir Abdullaahii
Nuti si
jaalanna dhugaan onnerraahii
Umrii
dheertuun barayyuu jiraadhu
Bakka
yaadde gahii wahayyuu argadhu!
Kan si
hordofee bobba’u
Si faana
deemee haa milkaa’u
Kan si
jibbu hundi haa du’u
Hayyuun
akka keetii bakka san haa bu’u.
Mil’uun
kee diina haa kuffisu
Waaqni
adawwii tee haa dhamaasu!
Akkuma
kanaan itti fufi
Nyaapha
keenyatti karaa cufi
Kan si
hordofan hiriirsi
Diina kee
wareersi!!
Najiib Zannuun
marsimoonaa@hotmail.com
1 comment:
Unquеstionably сonsіdеr that that
you ѕtatеd. Your faνourite juѕtification appеared to be at the web the simplest thing
tο tаke into аcсout of. I say
to you, I certainly get irκed whilst folks сonsider worгies
that they plаinly dоn't know about. You managed to hit the nail upon the top and defined out the entire thing without having side-effects , folks can take a signal. Will probably be again to get more. Thanks
Here is my webpage ... Tens Unit Hire
My page :: www.tensunitsforpain.com
Post a Comment