By Najiib
Cunqursaan wayyaanee karayyuun jabaattee
Tan biraa hanqattee amantitti seente.
Umrii dheereeffachuuf sirna gabrummaa
Dirqiin fudhachiisuuf shira Ahbaashummaa
Sirna isaanii dinnaan hidhuun ajjeefamaa
Muslimoonnis dide hin tahu gonkumaa
Qabsoon itti fufa du'us jannatumaa
Seerri biyyattii amantitti hin geeysu
Kan feetetti amantee if jala hiriirsuu
Abbaatu beekkata karaa isa baasuu
Amma eessaa fidan humnaan kafarsiisuu?
Kan didee morme hidhanii ajjeesuu
Ulamaa'ii guddoo kijiba moggaasuu
Yoo dhuguma tahe seera san hin faalleessuu?
Roorroon akka malee haalaan jabaattee
Yaa Muslima biyyaa maalumaaf calliftee?
Islaama tahuudhaaf barataas rakkiftee
Ahbaash jibbitaniif barnootarraa ariitee
Duutu shahiideedha duuba maal sodaattee?
Koreen hidhaman sun mee isin hin naasisanii
Mana hidhaatitti gidiraa arganii
kijiba dubbadhaaf akkaa -gara dhoorganii
Yaabo dammaqaa mee hundi muslimoonni
Itti fufuu qabdi qabsoo karayyuunii
Irra numaat aana abdii Rabbiitinii
Allahu akbar! Jedhaa bakkuma jirtanii.

No comments:
Post a Comment