Thursday, March 27, 2014

Beloved Oromo Singer Almaz Tafara Dies

Thursday, March 20, 2014

IFIININ HAASAWAA IFITTIN HASAASA




Ifiinin haasawaa ifittin hasaasaa
Kophaa koo guungumeen kuta yaada keessa
Hiriyyoota keessaa kophatti na baasaa
Guyyaa na ceesisaa kophaa na kaachisaa
Narratti wal geeysee halkan yoomin ciisaa
Ifiinin haasawaa ifittin hasaasa.

Takka hin gammadu narratti wal geeysee
Koflee hin beeku zaliilii na buusee
Akka namaan jiru qaama na haphisee
Maluman  wallaale yaanni narra marsee.

Barbaadeen dhabe malaa fi furmaata
Kan yaanni itti jiru ifumaan dubbataa
Haala maraatuutu anarraa mul’ataa
Sammuun na jeeqamtee wallaale akkaataa.

Abdii fuula duraaf taa’een mala dhahaa
Tilmaamee shalageen dubbii meeqa foohaa
Na harkaa diigamtii wahin bakkaan gahaa
Yaanni na qirqixee ana keessaa gooha.

Tanin arra jaaru boruma diigamtii
Amma yoon hobbaase boodas haarawatti
Tanin funaanee kuuse gam tokkotti
Adda adda bahuun bakka meeqa taati.
Ifiinin haasawaa na dhibe furmaati
Mala naaf malaa hin usinaa natti.

Namattis makamee wajjiin bu’ee karaa
Amna osoon fixin nin dhaba if biraa
Dubbachuun na dhibe waan sammuu na diraa
Kan silaa naaf yaadee laalu akka firaa
Diina natti ta’ee taane duydaa-garaa.

Bakka tiyya bu’uun osoo agartanii
Silaa waan ustanii ana gargaartanii
Ifiinin haasawaa dhabame furmaanni
Ifittin hasaasaa narra marsee yaanni.

Tan adda facaatee gama gama teessu
Guuree walitti fidee erbeellee fayyisu,
Bar waa hin dhabamu kan adda tarsaasu
Ifumaan haasawee fittillee hasaasu,
Ittuman fufa mee hanga bakka geeysuu
Gaafa wal qixxeeysu waaqni haa kaleeysu!
__________________________
NAJIIB ZANNUUN
                                                           marsimoonaa@yahoo.com

Sunday, March 16, 2014

OMN Qophilee Bitootessa 15/2014

Gumaata: Dr. Paul T. W. Baxter (1925-2014)

A/salam Ali
 Du’a Ulfaattuu
Duutii hunduu ulfaattu jechuun keessan ni mala. Ammoo duutii nama ummataa dalagee, tilmaama guddaa ummataa dhiisee, bira dabreetis ummata faarsee, dhugaa isaa bifa qabatamaa ta’een mul’isee fii mirga isaatiif diinaan mormuun falmatee du’a goddotti laalamati.
Dr. Baxter isaa ganna soddomaa gadii jiru ummata Oromootiin wal baree walitti hidhame. Bara 1950 irraa jal qabee waanuma ummata Oromo osoo dubbatu, barreessu, bakka danda’etti osoo mormuu fii falmatu guyyaan isaa ga’e boqate.
Duuba du’a nama kana fakkaatu akkamitti laalla …? Aadaa Oromo keessatti duuti nama guddaa gaachena hedduu qabdi. Uffachiisanii, weeddisanii, fardaan garmaamanii, meeshaa waraaniitiin doochisanii, eebbisanii, dhaamatanii … guyyaa  bareechesani geegessan.
Dr. Baxter nama awwaala akkasii argachuun male jechuu kiyya akka ta’e ifa gala. Ammaaf yaanni isaa nu wajji tura, ulfinna isaa barriin dheeraaf nu keessaa calaqqisaa deema; … gaafa guyyaan mirga Oromo guututti mul’ate itti deebina.
Jalqaba Oromo baruu:
Dr. Baxter waa’ee Oromo qorachuuf hamilatee, biyya ‘Ethiopia’ seenuuf mootummaa zamana H. Sillaasee gaafate. Hiree biyya san seenee qorachuu dhooggatanii mala birootiin ummata Oromootti ba’uu yaaduu jal qabe.
Kana booda biyya ‘Kenya’ bara 1952-3 keessa naannawa ‘Marsaabeet’ tiifii ‘Solooloo’ tti qoranna sirna jireenna Oromo godhe ragaa doktarummaa (PHD) isaa itti argate.
Kana booda, erga barriin dheeraaf irraa ture booda bara jahaatamman jal qaba keessa biyya (Ethiopia) dhaqee naannawa ‘Kofale’, kutaa ‘Arsii’ keessa qubate.
Asitti warra biyyaatiin walitti ba’ee, jiruu isaanii fudhatee warrooma uummate. Akka afaan isaatiin naa himetti akka aada Oromootti,… lammii biyyaa ta’e. Maqaan ittin waamamu, … maqaa ilma isaa hagafaa dabalatee, … (Abbaa Tiim) ta’ee moggaafame. Kanaa achittis ko’ummaa irraa akk ba’u yaadamee akka sirna gadaattii namoota gadaa isaa keessa turan wajji akka hiriyyoome yaroo wajji dabarsu gorfame, … (isaan keessaa  Balambaras Waaqoo Turi … Goofingiraa tokko).
Mana isaanii dhaqee buluu, wajji nyaatee dhuguu, uffata akka isaanii uffatuu, ulee qabachuu, weedduu horii weeddisuu, … kkf gochuu aanse. Haalli kun ummata keessa seenee akka qoratu godhuu alatti jaalala guddaa isaa argamsiise.
Yaroo kanatti barruu gara garaa akka weedduu aadaa, waa’ee sirna  ateetee, waa’ee hormaata loonii laaluu fii sirna gadaa laalu hubata gahaa wajjiin barreessuu danda’e.
Gama birootiin afaan Oromo barachuuf hedduu itti dadhabee hubannoo afaanii gahaa argate. Kun dhugaa ta’uu haasa’a inni godhaa ture keessatti xiinxalluun ni danda’ama. Kana malee barruudhan isaa keessatti jechoota afaan Oromootin  hedduu akka gargaarame guddisee muldhata.
Ammoo Ka kana hundaa caalu “jaalala inni ummata Oromooti qabaata turee fii hawwii inni barriin dheeraaf baataa ture”. Mirgi ummata Oromo guyyaa tokko akka guutamuu fii argamu  mamii hin qabu ture.
Kanaan wal qabatee rakkinni Oromo keessa jiru hedduu ta’uu guututti nama xiinxallee hubate ta’uun isaa irraa mul’ata. Kana keessa tokko akkaatan sirni ‘Habashaa’ ummata Oromo itti dhuunfate xaxaa hedduu akka qabuu fii keessaa alaan akka rakkinna fiduu danda’u xiinxallaa qabu kaasee dubbataa ture. Qabxii tana kana caala bal’isee ibsuuf bakka hin qabu … kanumaan bira dabra.
Dr. Baxter nama alagaa ummata Oromootii yaadda’u keessaa ka hangafaati. Erga biyya isaatti deebi’en booda qormaata isaa babal’isuun akka ilmaan Oromo rakkinna jiru ummata isaani hubatan nama godhe. Barattoota Oromo baruumsaaf biyyaa isaa dhaqan … akka waa’ee ummata isaanii irratti xiyyeeffatan tattaaffi guddaa nama godhe. Kana gochuun isaa ceekuu dabalata waan argamsiiseef, mormii ilmaan ‘Habashaa’ qabsoo Oromo irratti godhaa turan madaaluu fii xiqqeessuf karaa banaa dhufe. Bifa kanaan human jirtu walitti harkisuun bu’aa hedduu argamsiisuun hin mormisiisu.
Dhiibbaa barattoota Habashaa:
Barattooni habasha bifa gara garaatiin yaada inni dhiibaa ture (waa’ee Oromo) dura dhaabbata turan. Dhiibbaan kana fakkaatu caalatti isa jabeessaa akka dhufe haasa’a inni godhaa ture keessatti ni mul’ata. Haalli kana fakkaati lakkuma ilmaan Oromo seenaa ummata isaanii tiif mormataa dhufaniin laaffata deeme.
Keessattu OSAn ijaaramuun fii hayyoonni Oromo isa jalatti gurmaa’uun jijjiirama guddaa argamsiise. Hayyoonni Oromo soda malee akka yaada ‘Habashootaa’ dura dhaabbatan hiree hagana jedhamne akka uume Dr. Baxter dubbataa ture.
Lakkuma Oromoonni xiinxallaa isaanii yaada moromaa barattoonni ‘Habashaa’ godhan irratti xiyyeeffataa dhufanii fii hawaassiin Oromo biyyoota gara garaa keesatti ijaaramaniin; … hamilee fii hawwiin namoota alagaa Oromoof falmanii jabaata dhufe.
Ifaajeen Dr. Baxter barriin dheeraaf godhaa dhufe lafatti hin badne. Eddumaa dacha marguun haga ardha barattootaa fii hayyoonni ‘Habashaa’ sodaatanii fii gaabban gahe jechuun ni danda’ama. Haata’u malee ammallee karaa dheeratu nu eeggata. Kana nu hundinu ni hubanna jedhee laala.
OSAn bara 2010 keessaa hubata guutuu wajjiin badhaasa Dr. Baxterii kennuun ni yaadatama. Kun waan hedduu ilmaan Oromo boonsaati. Isaafis of duuba deebi’ee yoo laalu hara galfata akka ture ni hubatama.
Imala Austraaliyaa :
Dr. Baxter bara 1989 keessaa magaala ‘Melbourne’ akka dhufu hawaasa Oromo tiin afeerame. Isa wajjiin Profesaroonni (Hamdeessaa fii Mohamad Hassan) akka dhufan godhame bu’aa guddaa hamilee Oromootii argamsiisan.
Hawaasni Oromo guutumatti akkasuma namoonni dhuunfaan isa beekan akka gadda kanarraa hedduu rifatan bir’aa hin qabu. Ammoo seenaan isaa tiifii argatan jedhee yaada.
Anaanis wal baruun bara kana keessa. Kana boodas yaroo hedduu isa dubbisee barruu gara garaa tiifii gorsa irraa argadhe. Isa beekuun kiyya xiinxallaa fii muxannoo guddaa naa kennetti amana. Akka dhuunfaatti galata guddaa narraa qaba jedhee laala.
Walii galatti duutii Dr. Baxter hamilee ummanni Oromo qabu irratti waan calaqisu qabaata. Namoota akka isaa beekkomsaafii ogummaa guddaa qaban dhabuun nu miidha. Keessattu nama alagaa akka firaatti laalluu fii nuu falmatu dhabuun irdhinna guddaa ta’a.
Ammoo ardha bakka dur hin jirru. Ilmaan Oromo yaada isaa tarkaanfachiisan hedduu qabna. Kun kun obsa guddaa nuu kenna.
Dhumarratti warri isaa akka obsa guddaa argatu hawwii qaba. Gama ilmaan Oromo guddisee gaddi itti dhaga’amuutiinis kanuma jechuu dandeenna. Gumaanni inni ummata Oromoo tiifii biyya Oromootii godhe nu wajji tura. Guyyaa Oromoon mirga ofii gonfate seenaan isaa guututti olka’a. Akka aadaa keennaatti soodduu warqiin cubuuysame maqaa isaatiin dhaabuun yookin erkisuun dirqama keenna hunda ta’a.
______________//______________

Friday, March 14, 2014

Mootii kabalamuu? | Ofiif wal sakaallee

Mootii kabalamuu?                     

Ofiif wal sakaallee

Ofiif wal sakaallee
Jarri maal nu godhe.
Luka wal gaadinee
Harka xuupheysinee.
Jacha sirnaaf seeraa
gaafii eenyummadha.
Mirga dhala namaa
Gaafatu wal kunne
Afaan wal micciirre
Quba walitti laannee.
Hamtuudhaan wal yaamuun
Maqqa walii faaluun.
Duratti wal hiinee
Jarri maal godha ree
Ifiif wal danqinee.
Akka awwaannisaa
Raqarraa wal nyaannaa
Akkamiin bineensa
Ifirraa doorginaa ?
Jarri maal haa godhu
Sareen yo wal aatu
Bineensaaf hin toltuu
Durattuu ni beekuu.
Raqaan nu cululee
Qochimaa bansiisee.
Kamiitu kamirra
Qochimaa ballata
Kamiitu harbaqaa
Juneeydii mo kuma
Kan bifti saa namaa
Warra uumaan fardaa.
Eega addaan baase
Goomuu itti jaaree.
Somba keeysa buusun
Furgaasa nuu hidhuun
Warrii garaan yaadu
Kaan nyaatuuf jiraatu.
Hoggaa itti lixe
Furgaasni furga’ee
Qomutti marame
Akka waan qalamee
Goomutti qabamtee.
Olii gad utaaluun
Warra ija hiru
Dachiif samii laalu.
Warra jiruun du’ee
Garaaf wareegame.
Achii gad fuudhanii
Foon saa jaji’anii
Sareen gabbisanii.
hundan gatan garuu
Doyna ni baraaru
Doyna siinqee diinaa
Diinni ni jaalataa
Fileet hanbifata.
Filee hanbifatee
Miilaa saa gaadi’ee.
Sammuu saa lolla’a
Kijibaan leenjisa.
Onnee saa ajjeesuun
Garaan waadaa galchuun
Itti fayyadamu
Dhagaa dhagaan cabsu
Garuu sana boda
Miilli diinaa isa
Isa dura deema
Deeraa namaa naqa
Isaatu nu dhaana
Eegee sa mirmirsee
Akka saree dutee
Olii gad utaala
Hamaaf tolaa reeba
Afaan jaraa taha
Isaatu nuun falma
Nus bakka ni bu’a
Nuttis fafakkeeysee
Dubbii waliin xaxee
Wal afaan nu naqee
Gaafii eenyummadha
Jacha sirnaaf seeraa
Kijibaan haqaaree
Yakkaan nu gaadi’ee
Jarri maal nu godhe
Ifiif wal gaadinee
Jiruun wal sakaallee.
Yaadannon Warra akka juneydii habiiba ka garaan yaadu ka nyaatuuf jiraatuuf
Olyad B.
Tuni gaddaa miti                                   
Gammachuu fakkaattii
Du’aa maqaa kaasuun
Reeffa ciisa kutuun
Ololaaf hin taatuu
Maali maqaan isii
Siyaasaaf sii toltii
Mo bu’aa maalii qabdi?
Nama haqaa taatee
Sabaaf yo hadoodde
Hama reeffaa dhiiftee
Jiraa maa hin komanne?
Alamaayyo dhiiftee
Juneeydii maan abaarre
Akka nama hin beeynee
Ka argee hin dhageenyee
Gurraa luucceysitee
Mataa lafattii qabdee
Ta juneeydiin godhee
Awwaaluuf yaaluun kee
Sababa maali re?
Nama keenna jattee
Baala irratti cabsitee ?
Mugootni dur fuutes
Sirra yo jiraate
Himadhu siif barraa
Horii lammii baasaa
Maqaa kee sii binnaa
Maqaan baduu manna
Mataan baduu wayyaa
If dhaamotuu dhiisi
Dhugaa jirtu baasi
Badaan badaa jachuun
Salphina hin qabduu
Guyyaaf baraan wajji
Gocha saa nuu himi
Yoo kiin nuuf barreeysi
Seenaaf ol kaayyannaa
Dhaamsa dabarfannaa
Hin dhoysinaa himaa
Ittiin wal gorfannaa
Mootii qabna janna
Moticha dhaanamu
Bulchaa kabalamu.
Olyad B.

MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA :Kutaa 3ffaa

Posted: Bitootessa/March 12, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com |
Taammanaa Bitimaa irraa*-

DURADUBBII
Jalatamoo fi kabajamoo warra barreefata kana duukaa-buutanii jirtan, mee waan hunda duran nagaa fi nageenya isiniif hawwa! Erga barreeffammi kun kutaa lammaffaan isinii dhiyaatee asii kunoo gara torban sadiiyii taha. Torban sadan dabran kana keessa barreeffatoonni iliitonni Amaaraa nu Oromoota irratti arabsoo fi doorsisaan, maqa-balleessii fi maqa-xureessiin babbaasn danuu dha. Duulli fi waraanni isaan uummataa Oromoo fi saba Oromoo irratti banan sun homaayyuu hin dhaabannee, ittuma-fufee jira.
Ani barreeffatoota amaan tana muummiyyeewwan Amaaraa nu Oromoota irratti baasan kana yommuun dubbisu, daqiiqaawwan hedduun aara-baafachuun itti-yaada. Ofumaafan deddeebisee of-gaafaddha. Wanneen naaf galuu didantu jiru. Kanneen keessa gariin: “akkamitti yeroo ammaa kana namni tokko akkana jechuun Oromoo arrabsa! Saba guddicha naannoo Gaafa Afrikaa kana akkanatti sulphisuuf aggaama? Handhuurri gaafii kiyyaa garuu akkamitti namni barumsa addunyaan teenya tun yeroo amma kana qabduun eebbifamee baye, waamsa akaadamii (“academic titles”) kan “Dr., Pirof.” sobaan otoo hin taane, dhugumatti akkaan barate, akkaan qoratee argate kun wanneen akkanaa kana Oromoo irratti baasa? Keessumaa namoota kana keessaa gariin namoota Biyya Oromoo keessatti dhalatanii guddatan, akka nuti isaan ilaallutti namoota lammiiwwan Oromiyaa (“citzens“) tahan? Silaa maaluma barbaadu jarreen kun? Isaan: “warra duriitii akkuma durii san Toopphiyaa biyya tokko, afaan tokko, amantii tokko maaloo maaloo tokko barbaadu” naanan jechuu dandeessu. Garuu yaa Oromoo koo, isaan “warra tokkoo, warra tokkeessoo” kan afaanotaa fi aadaawwan, seenaa fi muuxannoolee, biyyoota fi amantiiwwan impaayera isaanii tana keessatti argaman mara Amaaromsuuf akka dhaabatan hedduu naaf gala. Hatahu malee, kana gochuuf ibdidda ofitti qamsiisuu qabuu? Borkaana (“volcano“) riphee ciisu kana ofitti dhodhoosuu qabuu? Maali akkamitti namni summuun isaa nagaa qabu, waan raatuu fi maraatuun godhutti gadi of-deebisa?
Guyyuu ennaa nuti waayee mirgaa fi haqa uummannii fi sabni Oromoo qabu kaafnu: “walirraa hore; waljaalanne; walirraa fuune” faa nuun jedhu. Marree waan walirraa horreef akkanatti nu arrabsuu? Nu arrabsaa, nu salphisaa, jedhanii jedhaniitoo sadarkaa ilmoo namaa irraa sadarkaa bineeyyiitti gadi nu buusaa, “tokkoomnee wajjin jiraanna nuun” jedhuu? Nuti Oromoota; aadaa boonaa fi boonsisaa qabna. Aadaa Oromoo keessatti namni “walirraa hore; walirraa fuudhe” sonaan walkabaja. Mee isaan soddaalee keenya yookaan nuti soddaalee isaaniti haa jennu. Akkamitti warra soddaalee isaanii kana akkanatti sadarkaa bineessatti gadi-buusu? Erga soddaaleen isaanii kun bineeyyii tahanii isaanis mee bineeyyii tahuu qabuu! Mee Galmoon Walattee fuudhee ijoollee horan haa jennu. Silaa warri akkanatti wal-horan kun maqaalee Amaaraa babbaasuufii, Difaabbachaw fi Algaanash maaluma tahu? Achi daka sana, gola bineeyyiitti darbatamu jechaa dha moo? Akkamitti obboleewwan, abbaanii fi haati Walattee, wasiillaani fi eessuumman, durbiiwwanii fi aanteewwan Walattee marti foonii fi dhiiga ofii jechuun, Difaabbachaw fi Algaansh gara oddo-bineeyyii-tti (“ZOO“-tti) ergu?
Yaa nama Oromoos, yaa nama Amaaras dubbiin mirgaa fi haqa saba tokkoo, mirgaa fi haqa uummata tokkoo dubbii: “walfuunee walirraa horreen” cuqqaalamee, ukkamfamee jala darbamu waayii miti! Gaafiin kun, gaafii sabaa waan tahaaf, gara gaafii warra walirraa horeetti kan dabarfamee hafuus miti! Gaafichi gaafii mirgaa fi haqa uummata tokkoo waan taheef, dimokiraasii irratti bu’ureeffamanii isa yeroon deebisuutu karaa isa sirrii fi isa nama-baasuu taha. Amma armaan gadittan waraqaalee jidduu kana keessa muummiyyeewwan (iliitonni) Amaaraa Oromoo irratti babbaasan keessaa tokko callaa filachuun, yaada kiyya irratti kennaa mee na oofkalchaa!
Isaan jedhaman kanneen keessaa kanan filaddhe barreeffama Dr. Geetaachaw Hayilee-ti. Namni kun nama dassiiba (“common man“) tahe wayii otoo hin taane, nama barumsa ammayyaa kan biyyalafaa (addunyaa) tana irratti argamuun eebbifamee baye. Inni bantiiwwan barateeyyii (“educated“) warra Amaaraa keessatti kan argamu. Haatahu malee, jibbii fi tuffiin, maqa-balleessii fi maqa-xureessiin inni uummata Oromoo fi saba Oromoo irratti qabu: “barumsi sammuu namaa bana moo sammuu namaa cufa? Yaada fi naamusaan ol nama-baasa moo gadi nama-buusa?“, jechuun kan wal-nama gaafachiisu. Akkamitti namni biyya Toopphiyaa jedhamtu tanan jaaladdha jedhu, sunumtuu namni aannanii fi damma Oromootiin guddate uummata Oromoo abbaa keessummaa fi abbaa hiyyeessaa, gara-laafessaa fi mata-qabeessa kana akkanatti arrabsa? Akkamitti namni barateessa tahe, sunumtuu barachiisaan mabba (unibarsitii) keessatti ijoollee barsiisuu gulantaa addaggee fi gulantaa kashalabbee gadi of-buusa?* Inni akkanatti nu arrabsaa,  akkanatti nu sulphisaa, akkanatti alaa-mana keenya xureessaa wajjin jiraanna nuun jedhaa? Erga namni kun uummata keenya fi saba keenya irratti duula arrabsoo, duula maqa-baleessii fi duula maqa-xurreessi ifumatti uummatoota Gaafa Afrikaa fi uummatoota biyyalafaa fuulduratti banee, nuti akka isaa arrabsoon arrabsoo deebisuu otoo hin taane, dhugaa fi dhugoo irratti hundeeffamnee, saayinsii fi beekumsa ammayyaa qabanneetoo akka inni dhaddhaabbata sobaa qabatee nutti ka’e agarsiisuu qabna. “Karaan sobaan dabran oggaa deebiyan nama dhiba“, jedha Oromoon waan akkanaa kana ennaa ibsu. Kanaafuu, karaan innii fi iliitonni Amaaraa gariin qabatan kun karaa badii fi badiisaa akka tahe, ibsuufin dirqama nutti tahe.
SEENSA
Mee waan hundaa durseen waan gulaaltonni “gadaa.com” ennaa waraqaa Dr. G. Hayilee isa obboo Girmaa B. Guutamaa hiike san nuuf dhiyeessan, akka qalbeeffachiisa gulaaltotatti waan gammachiisaa fi lafee irratti malee lafatti hin buune jedhaniiyyu: “The following is the English translation of an article first written in Amharic by a certain professor by the name Getachew Haile on the website EthioMedia.com, where all the fake and senile anti-Oromo professors have called home in recent months. Hidden behind a local vernacular (Amharic, in this case), hate propaganda, disguised as academic articles and directed at the Oromo people, frequently appears on EthioMedia.com, thus Prof. Getachew Haile’s article is not a first on EthioMedia.com, nor that this is the first anti-Oromo piece by Prof. Getachew Haile. Regardless, in order to expose the ongoing hate propaganda on the Oromo people to the world, Gadaa.com has decided to publish the following English translation of Prof. Getachew Haile’s Amharic article in its entirety.
Obbolaan keenya kun, gulaaltonni “gadaa.com” gara fuulduraas olola jibbaa isa jarreen kun uummata Oromoo fi saba Oromoo irratti oofaa jiran, afaan warra abbootii qawwee irraa gara Afaan Ingilizii-tti akka nuuf hiikuun, addunyaa beeksisan abdii fi amantii cimaan leencota keenya kanneen irraa qaba! Warri Gadaa, ee Maatiin Gadaa akka arman gadii jirutti nu dhalawwan Oromoo maraaf waamicha dhiyeessani: “Dear Readers, the ideology brought up herein by Prof. Getachew Haile used to be the overt state ideology of the Ethiopian empire up until February 1974 – exactly 40 years to the date; with the ongoing struggles of the nations and nationalities, including the largest nation – the Oromo, in the Ethiopian empire, this Ethiopianist/Nefxegna ideology will soon see its final demise, and a morning star will rise in the Horn of Africa. All Oromo nationalists must fight back this Nefxegna ideology in order to protect the gains of the people’s 40-years of struggle, and bring the final victory to the people’s struggle.
Kun dhugumatti waamicha cimaa fi waamicha biyyaati. Waamicha harmee teenyaa, waamicha OROMIYAA-ti! Wanni beekuu fi qalbeeffachuu qabnu, nuti Oromoonni qabsoo irratti waan argamnuuf, wanneen qabsoo keenya fashalsiisuuf dura dhaabatan mara akka barbaachisaa tahetti dura dhaabachuu qabna. Ee, akkuma dhufe sanatti waltaanee, walcinaa dhaabannee ofirraa deebifna! Ofirraa qolachuun, walirraayyis qoluun diibifna. Kan qalamaan dhufe qalmumaan, kan shimalaan dhufes shimalumaan ofirraa deebifna! Kan dideetoo eeboo fi qawween nutti dhufes eeboo fi qawweedhumaan ofirraa deebifna! Gayeen gayee-dhaa, jarri kun akka durii addaan nu qoqqoodanii: Shaawaa fi Wallagga, Arsii fi Wallo, Kiristaana fi Muslima, Waaqeffannaa fi sooshalistii jechuun akka fe’anitti nu bituu gonkumaa hin dandayani! Oromoon hundi Oromodhuma; dhalawwan aayyoo fi aabboo tokkooti!
Nuti cufti isan jedhe kana beeknee yoo qalbeeffachuun oljennee tarkaanfanne, nuti galaana Laga Abbayyaatii kan nu fuuldura dhaabatu hin jiru. Kan deemnuuf mirgaa fi haqa uumaan qabnu, isa nu irraa mulqame deebifachuufi malee, waan tokkollee mirgaa fi haqa namoota biroo tuquufi miti. Dr. Geetaachaw Hayilee faa, “EthioMedia.com”-n faa, “Gareen Morash” faa, “Gareen Cuquliisaa” faa fi jalaa-jaleen isaanii, duubattafoo fi booddessitoonni cufti, uummata Oromoo burkaana (“volcano“) riphee ciisu kunoo tuttuqanii, ofitti dhodhoosaa jiru. Uummanni fi sabni Oromoo burkaana tahe kun kophaa isaas miti. Uummatoota fi saboota Kibbaa cufatu isa cinaa hiriiree jira. “Yoo funyaan dhawan ijji boochi!“, jedha mammaaksi Oromoo tokko. Uummatoota obboleeyyii keenyaa warra Kibbaa, kanneen waliin kunoo waggaalee 140 guutuu mana hidhaa Habashootaa, Karcallee keessatti argamna. Waltaanee mana hidhaa kana wajjumaan caccabsinee, yeroon keessaa baanu fagoo miti!
QAAMADUBBII
Gara barreeffama kanaa olitti kaafameetti yoo ceene, kunoo akkana jedha, namni Amaarummaa fi Habashummaa isaatiin of-tuulu, of-guuru Dr. Geetaachaw Hayilee: “Historians tell us that our diversity has really hurt us a lot in the past. The fact that we are Christians and Muslims, Oromos and non-Oromos with failed system to accommodate our differences substantially degraded us. On the contrary, had we spoken one language, followed one religion and cherished one culture, we would not have stagnated in backwardness for centuries. The devastating impacts of our religious diversity can be seen from the demolition of the Axumite civilization by Yodit Gudit and the burning of the Amhara civilization by the invading Muslim forces of Ahmed Gragn. Perhaps, these civilizations were able to keep the country in pace with the rest of the world by the time, but they were demolished and we remained stagnated at where we were by then even to this date. Our knowledge about these two civilizations had to entirely rely on few written documents that survived the fire.
Namni yeroon hayyameef ishii inni jedhe tana, ee tan sarara (“lines“) shan qabdu irraa ka’uun yoo shimala qalamaa fi shimala sammuutiin dhaddhaye, kitaaba tokko guutuu barreessudhaan namichi kun qullaa isaa addunyaa fuuldura akka dhaabatu gochuu dandaya. Eessumattuu itti-beeknaan danaadaneen ( “diversity“) badhaadhina. Warra itti hin beeknee fi warra akka warra Dr. Geetaachaw fayiif immoo dammiyyuu isaan miidha. Akka inni gubbanatti jedhutti: afaan tokko, amantii tokko, aadaa tokkoo fi maaloo maaloon tokko wayyii waan qabaataniif ni misoomu jechaa miti. Jarreen tana jechuum miseensota gita-bittee Amaaraa fi muummiyyeewwan isaanii golfaan: “biyya tokko, afaan tokko, amantii tokko, seenaa tokko, aadaa tokko, maaloo maaloo tokkoo” isaan qabeeti jira. Oddo-kabreen isaanii inni abbaa tokkeessoo kun bara Minilik irraa kaasee isaan: urgufaa, ija-babbaasisaa, hoomacha afaaniin baasisaa, lafaan dhaddhayaa jira. Oromoota kiyya, warri oggaa taabonni isaanii bawu, oggaan inni ximqataaf lagatti qajeelu, oggaa mankiristaana san oggaa sadii naannawu garri irra caaltan argitanii hin beektan taha. Oggaa kana nama isaanii, nama warra Amaaraa keessaa gariitti oddo-kabreen sun itti-ka’a.
Kunoo, Dr. Geetaachaw fi jaalleewwan isaa fi fakkaatota isaatti bardhibbee 21-ffaa kana keessallee, Oroppaa fi Ameerikaattillee oddo-kabreen isaanii sirumaa itti-hammattee, hoomacha afaaniin baasisaa jira. Namni isaanii innin kanaa olitti oggaa oddo-kabreen itti ka’u ibse, miskiinota; nama nagaati. Dr. Geetaachaw Hayilee faa garuu, namoota miskiinotas, namoota nagaas miti! Isaan warra arrabni isaanii akka bofa saafaa nama hiddu. Akka bofa saafaas summii namatti tuttufu. Isaan summii fi abjuu isaanitiin uummatoota impaayera isaanii keessaa, kan afaanota 76 dubbatan, kan aadaa, seenaa, qaroominaa fi muuxannoo garagaraa qaban balleessanii, lafarraa duguuganii: afaan tokko (afaan Amaaraa), aadaa tokko (aadaa Amaaraa), seenaa tokko (seenaa Amaaraa isa warra qaroomina qabu barbaacha Biyya Israa’eel deemu), amantii tokko (Kiristaana Ortodoksii), alaabaa tokko (alaabaa isaanii: magariisa, keelloo fi diimaa) isa alaabaawwan hortee Afro-Asiiyaa (hortee Haamii-Seem) irraa fottoquun akka isaan nu, warra Ertiraa fi warra Ogaadenyaa fayiin jedhan san fottoqxuu (“taganxaay“) tahuun warra biroo irraa ergifatan sanii miti.**
Kanaa olitti itti-beeknaan “danaadaneen badhaadhina” jedheen ture. Nuti Oromoonni isa kanatti hedduu ittiin-boonna. Mee gabaabduu wayii addaddummaa kana irratti hawaasa Oromoo fi hawaasa Amaaraa jidduu jiru haa fudhannu. Achumaanis kan warra Kibbaa itti haa daballu. Kana irratti akka Dr. Geetaachaw Hayilee kun qeesota isaa isaan Bulgaa fi Mooxaa Qaraniyoo faa wammachuun: “maqaa abbaatiin, maqaa ilmaatiin, maqaa afuura-qulqulluutiin” nama magansiisee (“gazzichaallahu“), “ni muramta, ni kutamta” (“tiqqatsafaallah“) naan hin jechisiifnen“adaraan” jedhaani. Harra fakkeenyaaf as irratti dubbii gabaabsuuf jecha, waayee aadaawwan impaayerittii isaanii keessatti argamanii yoo fudhannee, kanneen sabootaa fi sablammeewwanii yoo irra hambifnee kan saba Amaara callaa fudhanne, ishiin Dr. G. Hayilee faa ittiin boonan tun akka baaqqee kutaa jedhamuu sanii hedduu happhii wayii taheeti argamti. Mee nyaatan yoo jalqabne: kochee-n (“kitifoo“)-n uummatoonni impaayerittii kanneen addaddaa uummata Guraagee irraa fudhatan; cuukkoo, caccabsaa, qinccee fi aadaan bunaa kan Oromoon bara 575 irraa kaasee dhimma ittiin bahaa asi gaye, hardha Gaafa Afrikaa bira kutee addunyya guutuu kan badhaase kun faa, ollataan fi buldhaan (bullaan) uummatoota Kuushii kanneen Kibbaa fi warra Guraagee irraa dhufe faa hafee biddeenuma happhii kan Amaaraa sana ittee lukkuu-tiin (waxiin) qofa umurii keenya guutuu nyaanna jechaa dha.
Karaa uffataas: bollukkoon (“bullikkoo“) isaan jecha isaas uffannaa isaas Oromoo irraa ergifatan hafeeti, kutaan, jaanoon faas hafaniiti Toopphiyaa guutuun warroo finaxalaa (baaqqee) isaanii qofa uffata jechaa dha. Karaa bifoota uffataa faas bifoonni addaddaa hafanii impaarittii guutuun guyyuu uffata adii qofa uffata jechaa dha. Isaan kanneen fakkeenyumaaf, dubbii gabaasuuf jedhamani malee, waannee sonaan baay’ee kaasutu dandayama. Kana irratti warri Dr. G. Hayilee faa Oromoo fi Walayitaa faayin “warra burraa burree” jaalatu, “warra magariisaa faa” jaalatu jechuun ija tuffiitiin ilaalu, sagalee tuffiitiin waamu. Isaan mee wanneen addunyya guutuun, biyyoonni saayinsii fi tiknolojii-dhaan sokkan marti raajeffatan kana tuffatuu, arrabsuu! Ani otoon abbaa kitilaa (abbaa miliyoonaa) taheeyyuu, jarreen kana akka waayee bifoota uffataa faa irratti barannoo jalqabaa (“crash course“) fudhataniifan gara uummatota Ameerikaa Laatinii, warra Sarbiyaa, warra Ispaanyaa, warra Rusiyaa, warra Hungaariyaa, warra Jarman Kibbaa, warra Ostiriyaa, warra Sarbiyaa, warra Kirooshiyaa, warra Hindii fi warra Shiinaa (“Chaayinaa“) faattin ergaayyu. Achumaanis kun mataan isaa qaama qaroominaa tahuu isaa tarii hubatanii deebiyu! Jarreen kana gara biyyoota armaan olitti maqaan kaafameetti kanan ergu, isaan kanneen uummanni Oromoo, uummanni Sidaamaa, uummanni Gaamoo fi uummanni Walaayitaa faa qaban waan ija tuffiitiin ilaalaniif, baargama cewuun akka qalbeeffataniifi. Yoo sammuun isaanii inni sanyummaan cufame kun, karaa kanaan waa qalbeefata tahe jechuu kiyya.
The devastating impacts of our religious diversity can be seen from the demolition of the Axumite civilization by Yodit Gudit and the burning of the Amhara civilization by the invading Muslim forces of Ahmed Gragn.” Isa kan warra Guddiittii, “Gudiit” isaan jedhaniin kanaa, jechuun kan warra Agawoo isaan qaama hortee Kuushii fi qaama qaroomina warra Kuush tahanii , Dr. G. Hayilee eenyu faa qaroomina ollaa isaa lafa irraa akka balleesse, seenaan qabmee waan jiruuf ololli jarreen kun uummata Agawoo boonaa fi boonsisaa kana irratti adeemsissaa turanii fi kunoo ammas itti-fufan kan nama dinqu. Habashoonni Amaaraa kun bara shifticha isaanii kan Yikunoo Amlaak jedhamuu, bara 1270 keessa mootummaa warra Agawoo garagalchuun qabatee, qaroomina isaanii akka barbadeesse nama dhara dubbatu yoo tahe malee, namni galmeewwan seenaa gaggaragalche sirriitti beeka. Kunoo, harrallee, ijuma keenya durattillee, qaromina Kuushota Agawoo keessaa isa Laallibalaa kanraajeffatamoo addunyaa (“Wonders of the World“) keessaa tokko tahe, warri Dr. Geetaachaw “qaroomina keenya” jechuun sobanii, silaa isaan qaroomina, aadaa fi seenaa warreen biroo asii fi achi deddeemuun ergifatanii “keenya” jechuun, sunumtuu mee “handhuura keenya, kan nuti uummanne” jechuun dhiyeeffatuu, isa kanas “keenya” jechuun imaltoota (turistoota) fi warra kaanitti gurgurachaa jiru. Namn waa dhabnaan ni ergifata, ni liqeeffata kun qaanii wayiituu hin qabu. Kana nama gadi xixiqqeessu wayiis miti. Garuu, qaaniin qaanii calu, isa ergifan kana kan ofii maddisiisanii fi kan handhuraa ofii qofa tahe, godhanii dhiyeeffachuu dha. Ginni-bittee Amaaraa fi iliitonni isaanii isa kana irratti nyaara addachuun ijuma nyaatani!
Mee WAAQNI gurraachi garaa gurraachaa, leemmooon garaa taliilaa warra abbaa tokkeessoo kana jalaa aadaa Oromoo faas, aadaa uummatoota impaayerittii tanaas haa oolchu. Kutaa kanatti aane dhufu keessatti, waayee “qaroomina Amaaraa” isa Dr. G. Hayilee Muslimoota fi Oromootu balleesse jedhu san faa ilaalla. Kana asuma irratti dhaabuun bullaa, isin marti mee nagaan naa bubbulaa!
==============  Hubachiisota Miiljalee  ==============
Mana Barumsa Bantii = MaBBa (unibarsitii – warra Afaan Ingilizii akka afaa haadhaa-abbaatti dubbatu irraa kan hafe, afaanonni Oroppaa guutuu keessatti argaman marti “y” mitii, ”u” jedhaniiti dubbatu. Jecha kana warri Afaan Ingilizii dubbatu warra Afaan Laatiin dubbatu irraayyi ergifatani. Kanaaf, nuti kolonii warra Ingilizii faa mitiwoo maaf “y” isaanii kanatti rakkannaa? Maaf qubee “v” warreen biroottis rakkanaa? Akkuma uummanni keenya inni beekaan sun dubbatutti: unbarsitii, biidiyoo, bitaamina, foolisii faa jenna. Maaluma tahuu fi maaluma of-gochuu feeneti uummata keenya isa baldhaa kana irraa fagaachuun iliitota Amaaraa jala fiffiignaa.
** Uummatoonni afaanota “Afro-Asiatic” (“Hamito-Semetic”) dubbatan marti akka itti-taa’utu addadda malee, alaabaawwan isaanii irra akkuma alaabaa saba Oromoo (gurraacha, diimaa fi adii) gurraachi, diimaa fi adiin keessaa hin dhabamu. Kuni biyyoota Arabaa, biyyoota warra Barbar, biyyoota Adaala Sahaaraa keessa kanneen afaanonni isaanii Hortee Hamii fi Seem jalatti ramadamu marti bifoota sadan kana qabu. Alaabaan warra Fara’oonaa fi warra keenya Nubiyaanota duris isuma kan saba Oromoo: gurraacha, diimaa fi adii fakkaata. Habashoota “keenya” duwwaatu warra ofii irraa fottoqe jechaa dha.
Kutaalee dabran dubbisuuf mee as tuqaa:
- MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA: Kutaa Duraa
- MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA: Kutaa Lammaffaa
——————–
*- Taammanaa Bitimaa: gurree@web.de

Wednesday, March 12, 2014

OMN: Bitootessa 11, 2014 ( Oduufi Marii Dr Abdulsamad waliin kutaa1ffaa)

)

JUNEEDDI MAAL NUUF GODHE?



Dhiiroo numa jiraa kan Juneeddii faarsu?
Gaarii dalageen kan isa leellisu
Hamtuu isaa dhooysee kan baala irrat cabsu
Akkamitti taha dhugaa jirtu dhooysuu
As bahaa dubbadhaa kan Juneeddii faarsu.

Mee seenaan isaa kan itti faarsitan
Mee as himaa gaa warri isa leelliftan
Gaarii inni hoojjate mee tamuma himtan?
Sa duuba maalumaaf caayaa irra qabdan?

Barataaf barattuu Barsiisaaf barsiiftuu
Daldalaaf daldaltuu qonnaan bulaaf tiiyfattuu
Tokkolleen gaarii isarraan himatuu
Kan isa faarsu as bahaa jiraatu.

Barattoota meeqaat sababa isaa dhume,
Hayyoota meeqaatu isaan awwaalame,
Oromoota taphaat biyyaa ari'amee?
Gochaan Juneeddii hin dhumu himamee.

Gaafa bosonni Baalee gubatee belbele
Barattoota dhaamsuuf hiriira gale,
Meeshaa waraanaan waraanni haleele
"Teeknooloojii hin qabnu nuti qawwee malee"
Jechuun kan dubbate eenyu isa malee?
Nu garaa hin baane gochaansaa har'allee
Akkamitti callifna laalaa guyyaa kalee.

Lammii irraa dhalatte saba kee miitee
Namaa-Sa'aan tollee hunda madeeysitee
Xiqqaa fi guddaa hunda laaleeysitee
Alagaan gaafattii si ergataa turte,
Akka haancootti alalchuun si tufte.
Tokkolleef hin tollee garayyuun jibbamtee
Saba keenya guddaan ajeeysaa dibamte.

Faagaa nutti bahuun lammii tee gurgurtee
Garaa misoomsuuf alagaa aanfattee
Saba kee ajjeesuun kan hafanis hiite
Silaa akka keetii umrii dheereeyfattee
Garuu hin bubbullee salphina uffattee
Dubbiin tee arra funyoo udaan buutee
Namayyuun jibbamtee gadi galoo taate.

*Dhaamsin an dhaamu warra hafanitti,
Shira hin dalagin saba kee irratti
Harka hin kannin garaaf alagaatti
Juneeddii laalladhu akka fakkeenyaatti
Ifitti amanii deemi mataa keetti
Mataa gadin qabin diina kee jalatti!
Ani xumuree jijjiiraa hujiitti.
Dhaamsi kiyya kanaa arraaf nagayatti!
__________________________
Najiib Zannuun/Marsimoonaa

Monday, March 10, 2014

Baxter daadhiin jala haa yaatu

 Created on Monday, 10 March 2014 03:17 www.opride.com

Gammadii Badhaasoo irraa
 
Torbaan darbe du'a Dr. P.T.W. Baxter ykn Abbaa Aadam (akka ummanni Kofaleewaamutti) marsaa Gadaa.com gubattiyoo dubbisuu odoma arguu dhugaa ta'uu isaa mame.
Haga diqqoo yaadaan silim jedhee yoosuu haadha manaa isaa Pat bira bilbile. “Jimaata darbe guyyaa Guraandhala 28, 2014 addunyaa kana irraa darbee” nan jettee. Akkuma ta waaqa irraa dhufte lafti hin dadhabdu jedhamutti, gadda guddaa natti dhagayame ibsee isiif maatii isii hunda akka waaqni obsa kennuuf eebbise.
Alagaa jaalatama fira Oromoo kana akkamitti akka baradheefi dubbii garaa nama nyaatu ka inni natti hime ummata kiyyaan gaya jedhee yaada kana dabarsuuf abbale.
Wodhakkeessa bara torbaattammanii hujiif aanaa Kofalee deeme. Hujiin sun gara guddaa qotee bulaa wojjiin waan tureef baa'innan ummata baadiyaatiin wolnaqunnamsiisa. Akka hiree ta'ee manni akka waajjiraa itti fayyadamnu bara 1968/69tti Baxter itti fayyadama mana ture. Ummannis waa’ee isaa yoo haasayu jaalala irraa qaban irraa waan muldhataa tureef anillee waa’ee isaa beekuuf fedhii godhadhe. Ummanni naannoo kana waa’ee Baxter yoo haasayu,“Beeinni Faranjii. Garuu akkuma nama keennaati. Numa wojjiin nyaate dhuga. Bifattii san malee,  afaanuma keenna dubbata. Seera keenna sirritti gaafatee barreeffataa,’’ jedhan. Ummanni Kofalee ilaalcha jaalalaa isaaf qabu irraa ka’ee ilma isaa Aadam itti moggaase. Isas abbaa Aadam jedhanii waaman.
Akka naa himanittii waa'ee Aadaa ka inni qoratukeessi isaa bal'dhaa. Fuudhaa heeruma, Ateetee, Amantii, Seera Gadaa, Waata...wontumaan inni keessa hin bayiin hin jiru. Anillee nama ummata biratti akkanatti jaalatame kana barachuu fi barreeffamoota inni aadaa keenna irratti barreesse kana argadhee dubbisuuf fedhii godhadhe. Nama baargamaa dhiisii namnummaan biyya teennaatuu magaalaa yoo gale achii deeb’ee ummata baadiyyaa waliin qunnamtii bareedduu godhatuunuu waan hin jirreef ta Abbaan Aadam tun maalala natti taate. Daddafoo Godaanaa nama jedhamu ka Abbaa Aadam hiikkaa afaaniitiin gargaaraa ture irraa teessoo fudhee barreessuufi jalqabe.
Deebii isa irratti “dura atuu eenuu?” naan jedhe. Mootummaan Dargii bara sani akka biyya hin seenne waan dhorgaa tureef, waa lamaaf wolbarumsa kiyyaa kana irraa uf qusachoo filatee. Ka duraa mootummaan ija shakkiitin waan isa ilaaluuf anuu bulchiinsa mootumma keessaa harka qabadhinna ka jedhu yoo ta’u ka lammaffaa anafuu sodaate natti fakkaate. Yeroo sadi erga barreesseefii booda haga tokko yaada kiyya amanuu jalqabe. “Obbolessa kiyyaa, anuu akka nama yakkamaatitti fudhatamee, maqaa kiyyaan akka rakkoon sirra hin genne, odoo qunnamtii kee dhaabdee sii woyyinnaa?” jedhee naa deebise.
Maayii irratti hiriyyaan kiyya tokko barumsaaf London waan jiruuf isaaf haala kana barreesseefi. Akkasumatti hiriyyichi kiyyas Abbaa Aadam qunname. Saniin booda barreeffama isaa tokko yeroo duraatiif naa ergee. Bareeffamni kuni waa’ee kurree bitachuu ture (barter trade, petty transaction and small transformation in an Arsi market). Achiin boodaa hiriyyaa xalayaa taanee yeroo yeroon barreeffama adda addaa naaf ergaa ture.
Barreeffamni kun ilaalcha kiyya jijjiiree aadaa keessaa baye kana akka jaaladhu na godhe. Hiree argadheen waa’ee aadaa irratti xiyyeeffannoo godhe barachuu jalqabe. Waan hin beenne worra kiyyas ta’e maanguddoota biroo gaafachuu jalqabe. Osoma akkasitti wal qunnamnu walgeettii qorannoo Toophiyaatiif Finfinnee akka dhufuuf yaada qabu naaf barreesse. Anillee nama seena qabeessa kana ijaan arguuf hiree akka argadhe bikkee gammachuun guyyaa laakkayuu jalqabe.
Achiin booda odoma qalbiin bilbila isaa eegu gaafa tokko Asallaa Ras Hotel balbala irratti barruu walgeettii qorannoo Toophiyaa akeektu takka arge. Ani Finfinnee deeme isa arguuf yaada ture. Asittu argadhee jedhee, hiriyyaa kiyya tokko qabadhee gara sa'aa galgalaa itti qajellee. Yoo nu achi geennu keessummoonnillee baadiyyaa ilaalaa oolanii yoo galan balbalumaratti walitti dhufne. Isaan keessaa namuma afotti nutti dhufe nagaya gaafannee achii akka Dr.Baxter dhufeef hin dhufin gaafanne. Namni gaafanne sun gara hoogganaa gareetti gara Dr. Tadese Tamiratitti nu dabarse. Innillee akkuma maqaa Baxter dhofneen gaafii nutti roobse. Maaf barbaaddan? Eessatti beektan? Kanaan dura qaamaan wol argitanii beektuu? Anis fayyalummaa tiyya dhugaa itti hime. “Baxter hin dhufne. Amma achis biyya kana hin seenu. Gara hujii keesanii deemaa,” nun jedhe. Hin dhufneenuu hin gayuu maal ka qorannoo akka poolisii nu qoratu jedhaa maalalaa yoo uf irra garagallu hiriyyaa kiyya kana ka beeku keessummoota keessaa dhalotaan nama gara kibbaa ka ta'e nu waamee itti dachaane.
“Namoonni kun kessummota kiyyaanu wojjiin turuu dandaa'u,” jedhee keessumoota kaawanitti makamne. Namni Alessandro Triulzi jedhamu Oromo dubbisuuf fedhii waan qabuuf wal barannee waliin haasofne. Innis waa’ee Baxter gaafannaan, “Baxter visa waan dhorgatameef dhufu hin dandenne” nuun jedhe. Akka yakka kana Dr. Tamirat illee harka keessa qabus nuuf ibse. Torbaan itti aanu Abbaan Aadamillee xalayaa naa ergerratti kanuma naaf mirkaaneesse. Ka nama gaddiisiisu keessa qophii san irratti namni waa’ee ummata Oromo irratti qopheesse Triulzi qofa ture.
Humna kiyyaafuu garuu biyya alaa kana dhaquu waan hindandenneef qaamaan akka isa hin argine sarbii tiyya rare. Hireen tun bakka nama fidduu silaa hin beekani, haga turullee turu odoma itti hin yaadin biyyaa alaa kana bara 2000 baye. Akkuma ala bayeen “Abbaa Aadamiin ima argamii?” jedhee uf gaafadhe. Hawwiin tiyya naa guuttamtee Fulbaana 2003 keessa torbaan tokkoof woliin ture.
Innis malkatumaan, anis suuraa kitaaba isaa ka ‘A River of Blessings’ jedhu irraa kopii waan qabuuf walitti yoo dhufnu wal beekuun nu hin rakkifne. Wal qabannee gara mana isaa yoo deemnu haguma mana seennee waa natti mudhisuuf muddamsuu irratti argaa ture.
Being first is good...wonti duraa mishaa,” naan jedhaa mana seenne. Kitaabnii ENCYCLOPAEDIA ETHIOPICA Volume 1 A-C jedhu torbaanuma san bayee koppiin tokko ergameef waan tureef isa keessatti ammo jechi Abbaa fi Aadaa jedhu ka Baxter gumaache fuula duraa jalqabumaratti waan bayeef kanuma gammachuun natti muldhise. Keessattuu kitaaba sadarkaa addunyaatitti baye kana keessatti jalqabni isaa waan Oromootiin ta’uu isaattu heddu gammachiise.
Guyyaa lamuu mana isaa yoo natti mudhisu, “mannii kee bosona kitaabatiif woraaqaati” jedhee itti qoose. Garuu dhugama. Mana hirribaa ka isaa hin seenneefuu hin argine. Golli kuuwwan martuu kitabaan guuttameera. Mana hirribaa ka keessummaa, bakka dhiyana itti bilcheeffatan, mana dubbisaa martuu kitaabaaf barruu adda addaattu keessa ciisa. Gara guddaa waa'eema Oromoo irratti ka hojjatamee. Nuu laali jedhanii ka barressitoonni keennaa itti ergatan, ka biyyaa erganiif, ka ala kanaa erganiif hundaa bakka itti godheera. Kaasettiin dur yeroo Oromiyaa dhaqe (1968/69) worabbates natti agarsiise. Kam ilaalanii kam dhiisan ree? Yoo maqaa beekanii iyyafatan hundu guutera. Namuma bishaan baaharaa keessa seene ta’ee hafe.
Akka hubannaa kiyyaatti Abbaan Aadam ogummaa woraqaa isaatiif qofa odoo hin ta'in, jaalala lafee ta Oromoo uf keessaa akka qabu natti muldhate. Dhugaa irratti hundayee yoo alagaan nama jaalatee ka keessaa dhalate caalaa na jechisisee. Yeroo achi ture waan hedduu na gorsee nataphachiise. Waan hedduu irraallee baradhe. Mee garii gaggabaabsee ibsuuf yaalaa.
Abbaan Aadam biyyoota Afrikaa hedduu argu naaf himee garuu ka akka Oromoo kolonii hamaa jala ture akka hin turre naaf ibse. Afaan isaaniitiin ‘ruthless colonialism’ jedha. Oromoota dhiisii inninuu waanuma waa’ee Oromoo qorateef akka dhiibbaa itti godhan naaf hime. Henna Kofaleen qorannaaf taa’u baadiyyaa keessatti dukkaanaa dhaabatee jiraachuuf gaafannaan dhoorgan.
Afaan Oromoo barattee, ka worra salaxxanee akkamitti hin baratiin? Maaf Afaan amaaraa hin dubbannee? Jechaa namoonni aanaa irra jirani ka akka poolisii faa gaafiin na hacuucaa turan. Yoo afaan amaaraatiin na dubbisani ani hin beeku yoo jedhuun na hin amanan jedhe.
Ka isallee maalalchiisu ammo namoota aanaa irra jiran caalaa namoota akka Professor Mesfin Woldemariam jiran. Namni Itiyoophiyaa baadiyaas ta'ee magaala ka afaan Amaaraa hin dubbannee hin jiru” jedhee wolgettii Paris tokko kessatti na mormaa ture. Ani ka ija tiyyaan argee miila kiyaan kessa deeme hoo maal haa jedhu? Moo ummata bal'dhaa Oromoo afaan isaa dhossuuf? Jedhee maalala Abbaan Aadam.
Bara mootummaa nugusichaa wontumaan dhossaa gayee hujii kiyyaa na dhoorguu gayee maaf? Wontii dhorgamuu tokko daran nama cimsaa bee! Gaaf tokko Dr. Feqede Gadamu wojjiin nugusa harka fuudhuu dhiyanne. Garuu ana harka fuudhee “ati deemi” jedheeni Feqede harka fuudhuu dide! Akka nama waa moruuti!. Wollala daangaa hinqabnee. Hayyoonni Gadaa Booranaa Maal jetti laata odoo itti himee? Kanniintu Oromoo Saba guddaa gabromfate!!
Bara dargiillee wonti jijjiramee hin jiru. Ammas Oromoo lafuma isaa sii kenninee jedhanii sobaniin. Odoo sun ta'uu baatee ammoo silaa haa bubbulu malee waan dhalataniif arguuf turee beettaa? Naan jedhe.
Waan dubbatame hundaa barreffamaa kanatti xumuruun nama dhiba. Anis waan garaa na nyaate garii akka gaafii itti kaasaa ture.
Gaafii: Qabsoon Oromoo hagam waan yaadne kanatti dhiyataa jira Abbaa Adam jedheen?
Abbaa Aadam: Bara nugusichaallee ilmaan gara alaa kana ergamtee baratte Ilmaanuma Abashaati. Sun dammaqiinsa hawaasatiif bu'aa guddaa qaba. Bara Dargii Ijolleen EPRP taatee biyyaa ariamne jechaa hadhaa naanoo akka Washington D.C. marchadisii gangalchan Abashootuma. Ummata guddaa kana miidhaa bifaa heddutu irra ture. Kanaf yeroo fudhachoon ni mala. Hireen barumsaa yoo diqqaa ta'ee miidhaa hawaasaa irran gayuu atuu mee bikki jedhe.
Gaafii: Akkumaa Abashoonii bulchinsaaf Ummata keenna kutaan gar gar qodan, yaanni nama keenaas yeroof sobaminna? Bal'inna nu qabnus inuu argitamii jedheen.
Abbaa Aadam: Ani kana irratti rakkoo tokkolee hin argu. Ummanii kun bakka fedhellee haa jiratuu seeraa Gadaa irraa as marge. Naannoo kamituu haa gurmaawuu, maraafuu abbaan Oromoo. Fkn, dorgomii kubbaa miilaa ka adunyaa yoo Ingliziin taphattoota ergadhaa jedhan kilabii Manchester, Liverpool, Newcastel...(ka biros) kessaa filamanii ergaman. Garuu wolii galatti England-iif taphatu.Kun na hin sodachisu.
Gaafii: Sila Itiyoophiyaa dhaquun wolgeetimaaf moo ammas waan qorattu qabda?
Abbaa Aadam: Ani yoomuu Booranaaf horii isaanii takkattima odoo jiru deebi'ee laaluu fedha. Ummata guddaa ufiin boonu, ka nagayaa jaalatu nagaya dhorgani beettaa? Kanafuu jabadhaa barrii ka qarummaatii saba kessan gargaara naan jedhee.
Gaafii: Hacuuccaa durii silaa ijaa keetiin argitee, amma wonti dhageettee fooya'e jettee itti gammadde jira?
Abbaa Aadam: Ee! Afaan Oromoo Qubee Laatiniitiin barreffamaa jiraa naan jennaan, baayisee gammadee. Hiriyaa kiyaa Professor B.W. Andrzejewski ("Goosh”) qaabadhee. Amma garuu hin jiru maal godhaa ree ka beekutu beekaa. Professor Andrzejewski waa’e afaan baha Afrika gara garaa irratti dalage. Akkasumas Afaan Oromo irrattis dalage. Jijjiirama kana odoo hin argin adduunyaa irraa deeme.
Yaa ummata kiyyaa, nama akkanatti dhiigaaf lafee nu jaalatu torbaan darbe adunyaa tana irra dhabne. Bada Uumaa!! Haadha mana isaa Pat, akaakayoota, abaabayyoota isaa waandhii obsa nuu haa kennuuf. Aadamiif ilmaan isaa lamaanis haa jabeessu. Hiriyyoota isaa, hiriyyootaa Oromoo ka inni horateefis akkasuma.
Biyyeen isaa haa salphattu, daadhiin isa jala haa yaatu. 

Sunday, March 9, 2014

MARAAMMARTOO SIYAASAA IRRAA OF TIKISAA!

Posted: Bitootessa/March 9, 2014 · Gadaa.com
SEENAA Y.G(2005)      kutaa 3ffaa
Maraammartoon siyaasaa akaakuu heeddu qabaachuu , fakkeenya Biyyoota gara garaa kaasee kutaa 2ffaa keessatti ibseera. Maraammartoon siyaasaa ofii keenyaan of irratti umnuus akka jiru hubachuun dansaadha. Oromoof maal gumaachuu ? jennee akka dhuunfaattu waan tattaaffannu keessatti, hedduu of eeggachuun barbaachisaadha. Kana malees, Ummata keenyaaf sochii taasifnu keessatti, miirri wal dorgommii bu’aa gaarii Ummata ofiif argamsiisuu yoo jiraate illee, inni kaanis akkuma koo kana waan gaarii haa galmeesisuu jedhanii yaada walii laachutti ce’uun, akeeka walii galaaf karaa akka saaqullee qalbifachuun baroodha. ammas kana irratti of eeggachuun barbaachisaadha. sadarkaa dammaqiinsa Ummata keenyaa yennaa ilaallu, qabsoo kanaaf gumaachii taasifamu sadarkaa dhuunfaa irraa eegaluu akka qabu , waan hojjachuu qabnullee gara tumsaatti tarkaanfatu akka qabullee hubannoon jiru dansaadha. Qabsoon bifa kamiinu gaggeessinu , tapha kubbaa miilaa chaampiyoonsi liigii fakkaachu yk dorgommii kuffisanii dabruu keessaa baasuun murteessaa ta’uu, waan hubatamu feesisuudha.
Dhalli Oromoo kamiyyuu waan Ummata isaaf hojjatu tokko irratti, obboleessa isaa gama biraan socha’aa jiru irratti qabxii lakkosifatu tokkollee akka hin jirre beekuun dansaadha. Kana irra ce’ame bakki itti tarkaanfatu qabu, sochiin jiru akka wal hin gufachiisneef , yaada qaban walitti fidanii mri’achuudha. Yoo ta’uu baate garuu, warri Maraammartoo siyaasaa nu qopheessan qaawwaa argatanii nu seenanii , adeemsa isaanitti nu makachuu danda’u. sochii akkasiin qabsoon Oromoo hedduu miidhameera. Namoonnis gawwafamaniiru. Badii akkasitti akka seenaniif gargaarsi gama hundaa godhameeraaf. Kufaatii keessaa akka hin baaneef garuu gargaarsa dhorkamaniiru. Maaliif jennaan maraammartoo siyaasaan akka kufanii hafaniif irratti hojjatamaa waan tureef.
Sochiin qabsoo Ummata tokko keessatti bifa kamiinu gaggeeffamu, takkaa ho’ee , takkaa kan qabanaa’uu yoo ta’e, bu’aan keenya kan yeroo gabaabaa taatee, bu’aan diinaa kan yeroo dheeraa ta’uu danda’a. inumaa kun diinaaf hamilee kenna. Gara jabinni isaa jabaachaa deema. Shirri isaas akkasuma. Maaliif jennaan, waan isa sodaachiisu hin jiru. yeroo gabaabduuf dheekkamanii dhiisuu nuun jedhan. Kun ammo miidhaa qaba. miidhaa gama lamaa. Tokko waan diinni nu irraan ga’u babal’acha adeema. Inni xiqqoollee tattaafatu hamilee caba. Kanaaf waan hojjannu hundumaaf , muuxannoo addunyaa fudhachuun barbaachisaadha. dheekkamsaa fi diddaan keenya aarii jiru fi jireenyaa keessatti nu mudatu irraa adda ta’uu qaba. sadrkaa kana keessaa ba’ee kan bu’aa buqqaasaa fidutti ceesisuutu nu irraa eegama.
Sochiin akkasii amma qindaa’utti ammoo, harka marannee haa teenyu miti. Waan amma Addunyaa irratti mirga keenyaaf qabsaa’aa jirru irraa achi butuu qabna. Waan diina duraas ta’ee ammaa irratti gaggeessinu, qalbii addunyaa kan harkisutti ceesisuu qabna. Addunyaa irraa Ummati mirga isaa gaafatu al takkaatti hanga nama kumaatti ga’uutu wareegamaa jira. Wareegama kanaan ammoo, diina isaanii kumoota 10n galaafataa jiran. Walii gala addunyaa irratti, oduun jiru kana fakkaata. Mee addunyaa sochii kanaaf gurra hin laanne keenyaaf ni laatti jennee yaannaa ? kan isaanii hin bilchaanne jedhanii irra taran. Kanaafan minilikiniis ta’u isa kaan irratti wanni gaggeessinu waan hundeetii buqqisu ykn dafee hin dhaabbannee ta’uu qabaa jedhuf. Bilisummaa fi walbummaa galii keenya ta’e addunyaan akka nu dhaggeeffattu yaannaan, sochiitti jiraachuu keenyaaf illee waan addunyaan gurra itti laattu hojjachuun murteessaadha. Kun haaluma addunyaatu nu dirqisisee itti nu seensisa. Addunyaa dhiisaatii diina keenya rifaasisuuf kan raawwachuu qabnu kanadha.
Kana hundaa raawwachuuf , waan akka tasaa nu mudatee mormiif nu kaasisu jiraatullee , waan keessa dabrre keessaa wanni barannu garuu, diinni keenya akkaataa deemsa keenyaan kan nu irraa dhaabbatu miti. Kana jechuun kiyya sochiileen Biyya keessaa Ummata Oromoon gaggeeffamu gatii hin qabu jechuu kiyyaa miti. Sochiin keenya ykn mormiin keenya sagantaa fi qophii keenyaan kan gaggeeffamu malee, MARAAMMARTOO SIYAASAA irratti yoo nu jalaa maxxane, hegaree keenyaaf akka hin tollee hubachiisuufi.
Miniiliik dhabameera. Miniiliik qaamaan hin jiru. miniiliik ekaraan isaa akka hin faarfatamne barbaanna taanaan, nu mitii, warri miniilikiin faarfatan iyyuu miniilikiin waan isaan yaadachiisu of keessaa fi dachee keenya keessaa dhabamsiisuun murteessaa ta’a. Dhalli Oromoo ol aantummaa qooqa isaaniif mo’ame tokko , miniilikiin balaalefachuun haqummaa qaba jedhee hin fudhu. Maqaa Gizaachoo fi Daanyaachoo miniiliik qooqa keenya balleessuuf nu keessa kaa’ee baadhatee, minilikiin mormuun isaa jabina natti hin fakkaatu.miniiliik qooqa keenya addunyaa kana irraa dhabamsiisuuf tokko jedhee wixinee har’allee hin dhaamne qabsiisee dabru karaa adda addaa babal’isaa, har’a harka yoo facaase, bu’aan inni argatu balaalefachuu irra hin dabru. Oromiyaa keessatti , dhaloota keenya irratti dhiibbaa gochuu fi ol aantummaa qooqa tokko mirkaneessuuf , bifa sirbaan, diraamaan kkf shirri meeqa hojjatamuu ofitti fudhannee nama lubbuun hin jirre abaaruun bu’an isaa karaa kamiin fudhatama qabaata ? akkan gubbaatti jedhe, seexanni kun lubbuun hin jiru. kan inni facaasee deeme garuu nu miidhaa jira. Tokkon tokko , mana keenyaa keessatti adda nu baasaa jira. Maarree kan balleessuu ykn mormuu qabnu isa kanadha. Sochii baddallee itti jiruuf taasifame, osoo Oromiyaa keessatti qooqaa fi aadaa keenya irratti dhiibbaa taasifamu irrattis itti fufee , bu’aa lama galmeesifna turre.
Mormiin kun hundee sheexana kanaa dhabamsiisuu irraa eegaluu qaba. Amaara humnaanu nu bulche dhiisaatii, warri guraagee illee gaaffii akka kaasan taasifamaa hin jiru ? wayyaaneen shira Qooqa Oromoon Barachuu fi hojjachuu dhaabuuf gaggeessitu, karaa saboota biroo akka gaaffitti kaasisuun itti fayyadamuun hin hafu. Miniliikis dura Oromoo Oromoon cabsee ka’ee, warra baalaabbaataa dachee isaa fidee nurra galagalche. Wayyaaneenis kanumatti jirti. Kun hundi dhaabbachuu kan danda’u, sochiin keenya waan keessa deebii hin qabnetti yoo ce’eedha. Humna murataa ijaaranii tarkaafii Gootummaa keenyaa fi obsi keenya dhumachuu kan diinaaf akeekutti ce’uun fardiidha.
Qeerroon Oromoo diina irratti tarkaanfiin fudhataa jiran diina hangam yaaaddeessaa jira ? kana irra yoo jabaanne maal hojjachuu dandeenya ?qaawwaa dhaloota gidduu jiru duuchinee, dhalooti jiru mana barumsaa keessa wayita jiru qofaa odoo hin taanee, hojii irratti wayita bobba’uus gurmuu isaa jabeessee itti fufu akka qabutti irratti hojjannee, Hojjattoonnis , daldalaanis, dhalli Oromoo kana keessatti akka hirmaatutti hojjannee , nu ga’aa jechuu qabna. Shira diinaa kana cicciruu qabna. Siidaa eenyullee haa ta’u , kubbaaniyyaa eenyullee haa ta’u, waan dachee fi Ummata Oromoof hin tolle yoo raawwate, battalumatti dhaabii jechuu barbaachisa.
Akka walii galaatti, sochii keenya humnatti geeddaruu qabna. Keessattu dhalooti har’aa waan itti jiru kana daran jabeessee gurra abbootii irrees ta’ee addunyaa akka harkisu taasisuu qaba. waan eegalle tokko akka hin dhaabbaneef sagantaa sochii wal irraa hin cinnee baafachuu fi qopheeffachuu barbaachisa. Shirri nu irratti hojjatamu lakkoofsa hin qabu. Shira kana dura dhaabbachuuf, yeroo qaban hundatti dhimma ba’anii hojjachuu barbaachisa.warri Biyya alaa keessa jiraatanis carraa argataniin , warra sirnicha waliin jiranis ta’ee , diinoota seenaa waliin dhaabbatee jiru guyyuu itti himu qaban.  Kan dhumaa jiran obbolaa keessanii,, kun deemee deemee dhaloota dhabuuf deemna . jarri beekaas ta’uu odoo hin beeknee garamitti nu oofaa akka jiran hubachiisuu barbaachisa. Kun har’a ta’uu baatu boriif waan nu fayyadu qaba.
Maraammartoo siyaasaa keessaa baanee, gumaa nu irra tuulamee jiru hanqifachutti haa ceenu. Gumaan Yohaannis, Tewudiroos, miniliik, H/Sillaasee, Dargii fi wayyaanee nu irra jira. odoo nuuti gumaa hin baafatiin isaanu wal baafataa jiru. garuu Gumaa  dhalootaaf dabarsinu yk dubbannu hojjachuun murteessaadha. Gumaa miniiliik ba’uuf, siidaa isaa kaasee hanga ilaalcha isaa nu keessa jirutti buqqisuu qabna . kana ammoo sadarkaa dhuunfaa kaafnee irratti hojjachuu dandeenya. Mana keenya keessaa eegallee dirree keenya irra waan ifatti arginu irratti haa dullu. Siiidaan H/Sillaasee, yohaannis, Dargii fi Mallasaa dachee keenya irra tuulamanii jiran. Gochaa fi shirri isaanis akksuma guutee danbali’ee jira. Kanatti duuluutu furmaata maayyii argamsiisa. Bara baraan balaaleffachuu fi aaruu irra waanuma Ummata gammachiisu fi buqqaasaa ta’ee hojjachuu irra boqonnaa namaaf kenna.
Kana irratti wanni qalbifachuu qabnu, wayyaanoonni fi Abbootiin qabeenyaa maqaa investimantiin waan miniiliki nu keessa kaa’ee ture dabalaa jiraachuudha. Qabsoon keenya maqaa umama keenyaa deeffachuu hammata. Har’a garuu , HABASHAA SIMINTOO, HABASHAA KONISTIRAAKISHIN, HABSHAA BAANKI, ABSINIYAA BAANK, kkf jedhanii nu irratti ijaaran boriif wareegama akka nu gaafatu hubadhaa .kana ammumaa qoqqobbii Baddalleen wal fakkaatu fudhachuuf yaaduun misha. dizaayinii manneen jireenyaa, warshaalee, siidaa adda addaa, gamoon adda addaa fi kubbaaniyoonni Oromiyaa keessaa, irra jireessi AKSUMIIN faarfatu. Meeqan keenyatu kana qalbeeffate ?  waan hojjannu irratti bal’inaan itti haa yaannu jedha. Damee isaa ciruun bu’aa yeroo qofaa ta’a. waan itti fufaa jiru kana dhaabuuf, furmaata buqqaasaa ykn waan akkasitti akka hin deebineef, waan isaan dhaabu hojjachuun  murteessaadha. Kana hundaa wayitan kaasu, gama kamiinuu haa ta’uu waan hojjatame hin jiru jechaa hin jiru. amma baayyina keenyaa haa geenyuudha. Yaada kiyya xumureera. Mudanno tokko eereen adda baana.
Dogoggora Nama qomoo keenyaa ala ta’e tokkottan hedduu aaree, akka malee itti aaruu kiyyan ibseef. Kolfa taajjabbii natti kolfee, , keessa isaatti waan nu taajjabe natti dubbate. “Isin aarii beektuyi ? Aariin keessan isa akkamiitii? dhuguma ni aartuu ? ani waan aartan natti hin fakkaatu . KAN AARE FAKKAATTU MALEE , keessa keessanii ni aartuu ? dachee qabbanaa keessatti umamtanii aariin, akkamiin miira keessan xuxuqa ? aaruu fi qabbanaa’uun keessan tokkuma. Namni aarii isa dhugaa aare, waggaa amma kana obsaa ? nuuti dachee gogaa keessatti guddannee, dafnee aarii isa dhugaa aarra. Aariin kun ammo tarkaanfii humna qabutti nu ceesise. Obsa kan jedhamu dhabnee turre. Bilisummaa booda obsa haaraa horanne. Kanaaf kan aaree gubatee argeen, sittin aare jettaa ? aarii keetiin fuulli kee gubateeraa ? dhukkubsatteettaa ? Odoo dhukkuffatee akkas sitti tolaa ? asi jirtaa ? Gabrummaan nama quqquuqa malee namatti hin tolu. Odoo aarii isa dhugaa aartee, Ummati miliyoona sadii , miiliyoona 35 gabroomsutti gubattee dhumatta.kanaaf aarii isa dhugaa baradhu , Bilisummaa dhabuuketti odoo hin kolfiin ooltee bultee beekataa ? anoo yeroo hundaa gammaduma keessanin argee , har’a maqaa aarii eessaa fidde ?? kkkkk“” naa jedhe. Namni kun, Oromiyaa keessatti dhalatee guddachuu isaa irraa, miidhaa nu irra ga’u isa dhukkubsa. Dhuguma , gaafa waan jedhe kana dubbatu fuulli isaa hundi hidda dhiigaa qofaa ta’ee ture. qaamni isaas akka dhidhiita’uu tokko ta’e ture. kan koo har’allee akkas ta’eeraa jarana.? GALATOOMAA , HORAA BULAA !!!!!!!!!!!!!!