Monday, March 3, 2014

Barri Kan Kee Dabree Sirni Kan Kee Kute!


Dhiiroo hin saalfattuu
Jarri dhugaa haaltu
Arri kalee mitii
Kana addan beeytuu?
Kalee arra seetee
Kan akkatti xibaartu
Gowwaa hambaan qabne
Teessan tun maraatuu.
Gaafa gadaan keetii
Kan shubbisuu turte
Haalusa garaatiin
Funyaaniin dubbatte
Warra sammuun hin yaanne
Garaa misoomsitee
Barri kan kee dabree
Sirni kan kee kutee
Quba ciniinuudhaan
Amma sheenaa duutee?
Ha ha ha! Ajaa’ibuma tee
Hangamuu lallabdee
Walis yoo afeerte
Humaatuu hin tartu
Ifuma rakkiftee.
Nuti bar bash bashii
tokkoo lamaa mitii
Namuu qaruuxoomee
Hin callisu fitti
Ifumaaf xibaartuu
Hin qicannu gurratti
Sodaa takkan qabnu
Hanga wareegamuutti
Numa hin zammarre
Dachii teenyarratti
Diqaalaa ilma karaa keessaa
Kan hin beeyne haadhaaf abbaasaa
Ilma bakka-dhablee isa afaan xaasaa
Arra tanaan dhufee madaa nutti kaasaa..
Duula saba keenya
itti murruq goote
“Duula qulqulluudha”
Jechuudhaani yaamtee?
Isiniif qulqulluu
Nu yoom garaa nu baatee..
Abad hin geerartu
Numarra dhaabbattee!
Kan garaan nu madaa
Usnee ciniinnannee
Amma nu tuuyxanii
Daranuu laalanee
Mee waliif teenya gaa
Callisuun hin taanee,
Diina keenya guddaa
Kan dagatuu hin taane
Biyyaaf biyyoo teenyarratti
Numa hin faarsine!
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Najiib Zannuun/Marsimoonaa

No comments: