Ifiinin haasawaa
ifittin hasaasaa
Kophaa koo
guungumeen kuta yaada keessa
Hiriyyoota keessaa
kophatti na baasaa
Guyyaa na
ceesisaa kophaa na kaachisaa
Narratti wal
geeysee halkan yoomin ciisaa
Ifiinin haasawaa
ifittin hasaasa.
Takka hin
gammadu narratti wal geeysee
Koflee hin beeku
zaliilii na buusee
Akka namaan jiru
qaama na haphisee
Maluman wallaale yaanni narra marsee.
Barbaadeen dhabe
malaa fi furmaata
Kan yaanni itti
jiru ifumaan dubbataa
Haala maraatuutu
anarraa mul’ataa
Sammuun na
jeeqamtee wallaale akkaataa.
Abdii fuula
duraaf taa’een mala dhahaa
Tilmaamee
shalageen dubbii meeqa foohaa
Na harkaa
diigamtii wahin bakkaan gahaa
Yaanni na qirqixee ana keessaa gooha.
Tanin arra jaaru
boruma diigamtii
Amma yoon hobbaase boodas haarawatti
Tanin funaanee kuuse gam tokkotti
Adda adda bahuun
bakka meeqa taati.
Ifiinin haasawaa
na dhibe furmaati
Mala naaf malaa
hin usinaa natti.
Namattis makamee
wajjiin bu’ee karaa
Amna osoon fixin
nin dhaba if biraa
Dubbachuun na dhibe
waan sammuu na diraa
Kan silaa naaf
yaadee laalu akka firaa
Diina natti
ta’ee taane duydaa-garaa.
Bakka tiyya
bu’uun osoo
agartanii
Silaa waan
ustanii ana gargaartanii
Ifiinin haasawaa
dhabame furmaanni
Ifittin hasaasaa
narra marsee
yaanni.
Tan adda
facaatee gama gama teessu
Guuree walitti
fidee erbeellee fayyisu,
Bar waa hin
dhabamu kan adda tarsaasu
Ifumaan haasawee
fittillee hasaasu,
Ittuman fufa mee
hanga bakka geeysuu
Gaafa wal
qixxeeysu waaqni haa kaleeysu!
__________________________
NAJIIB ZANNUUN
marsimoonaa@yahoo.com
No comments:
Post a Comment